Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:47

[1] Ani Ermiyaas raajichi jaarsolii warra hafanitti luboota, raajota, guutummaa namoota warra Nebukadnezaar Yerusaalemii booji'ee biyya Baabilonitti geessee turetti Yerusaalemii caaffata kana nan erge;

[2] kanas bara Yekoniyaan mootichii fi haati isaa, warri hojii mana mootummaa hojjetanii fi warri angafoota Yihudaa fi Yerusaalem ta'an, warri hojii harkaa beekanii fi warri sibiila tuman Yerusaalemii booji'amanii Baabilonitti geeffamanin caafe.

[3] Caaffatichas harka El'aasaa ilma Shaafaanii fi harka Gemaariyaa ilma Hilqiiyaa warra Zedeqiiyaan mootiin Yihudaa gara Nebukadnezaar mootii Baabilonitti ergetti nan kenne; ergaan caaffatichaas kanatti fufe kan jiruu dha;

[4] innis,“Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, warra Yerusaalemii booji'amanii gara biyya Baabilonitti geeffaman hundumaan,

[5] “Mana ijaarradhaatii keessa taa'aa, lafa qotadhaatii wanta isa irraa argattan nyaadhaa!

[6] Niitii fuudhaatii ijoollee horaa, ilmaan keessan fuusisaa, intaloota keessanis heerumsiisaa, isaanis ijoollee haa horan! Lakkoobsi keessan haa baay'atu malee, hin xinnaatin!

[7] Mandara ani akka isin booji'amtanii itti geeffamtan godhe, kanaaf nagaa barbaadaa, Waaqayyoonis kadhadhaaf! Isheen nagaa yoo argatte isinis nagaa in argattu” jedhee dubbateera” kan jedhuu dha.

[8] Eyyee! Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el,“Raajonni keessanii fi warri isin gidduu jiraattanii hooda isiniif dubbatan isin hin gowwoomsin, warra abjuu isiniif abju'ataniifis hin dhaga'inaa!

[9] Isaan maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbatu malee, ani isaan hin ergine” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

[10] Waaqayyo,“Akkuman dur dubbadhee ture waggaa torbaatama mootii Baabiloniif erga hojjettanii booddee isin nan yaadadha, akkuman dur isin abdachiisee tures gara biyya kanaatti isin nan deebisa;

[11] yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuutti malee, yaada isin balleessu miti.

[12] Yommus isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhaga'a;

[13] isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu;

[14] anis immoo akka isin ana argattan nan godha; ani Waaqayyo boojuu keessaa isin nan deebisa; saba hundumaa fi iddoon itti isin tatamsaasee ture hundumaa keessaa walitti isin qabee gara biyya isan keessaa isin baasee isin boojisiiseetti isin nan deebisa” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

[15] Isin,“Biyya Baabilon keessatti Waaqayyo raajota nuuf kaaseera” jettu.

[16] Waaqayyo garuu waa'ee mootii isa teessoo Daawit irra taa'uu fi waa'ee obboloota keessan warra utuu hin booji'amin hafanii mandara kana keessa jiraataniif kanatti fufee kan jiru dubbateera.

[17] Inni,“Kunoo! Dhugumaan ani Waaqayyo gooftaan maccaa, billaa, beela, dha'ichas isaanitti erge akka ija harbuu isa hadhaa'aa namni nyaachuu hin dandeenye isaan nan godha.

[18] Billaadhaan, beelaan, dha'ichaanis isaan duukaa nan bu'a; mootummoota biyya lafaa irra jiran hundumaa biratti wanta namni ilaalee sodaatu, biyya ani itti isaan bittimse hundumaa keessattis namoonni akka isaan abaaran, akka isaan jibban, akka isaanitti ga'isaniif akka isaan arrabsan nan godha.

[19] Isaan dubbii ani karaa hojjetoota koo karaa raajota warra ani deddeebisee isaanitti ergee, isaanitti dubbachaa ture hin dhaggeeffanne, isin warri booji'amtanis dubbii koo kana dhaga'uu hin barbaanne.

[20] Amma garuu isin warri ani akka isin Yerusaalem keessaa booji'amtanii biyya Baabilonitti ergamtan godhe hundinuu, dubbii ani Waaqayyo isinitti dubbadhu dhaga'aa!” jedhe.

[21] Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el waa'ee Ahaab ilma Kolaayaa fi waa'ee Zedeqiiyaa ilma Ma'aseyaa warra maqaa isaatiin raajii sobaa dubbataniin,“Kunoo! Ani harka Nebukadnezaar mootii Baabilonitti dabarsee isaan nan kenna, innis fuuluma keessan duratti isaan in ajjeesa.

[22] Warri biyya Yihudaatii booji'amanii biyya Baabilon jiran yommuu wal abaaran,“Waaqayyo akka Zedeqiiyaa fi akka Ahaab, warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon ibidda keessa buusee gubee si haa godhu!” in jedhu.

[23] Isaan Israa'el keessatti wanta nama yeellaasisu godhaniiru, dubartoota nama kan biraa wajjin ejjaniiru; wanta ani isaan hin abboomin maqaa kootiin raajii sobaa dubbataniiru; ani garuu kana gochuu isaanii beeka, dhugaas isaanitti nan ba'a” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

[24] Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamitti akkan dubbadhuuf Waaqayyo na ergee,

[25] Shemaa'iyaadhaan,“Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ati maqaa keetiin gara saba Yerusaalem keessa jiraatan hundumaatti, gara Shefaaniiyaa ilma Ma'aseyaa isa lubichaatti, gara luboota hundumaattis caaffata ergiteetta;

[26] ati Sefaaniiyaadhaan,“Iddoo Yoyaadaa lubichaa hojii mana qulqullummaa keessaa irratti eegduu akka taatuuf Waaqayyo yommuu si fo'e, maraatuu:- Raajiin dubbadha ofiin jedhu, miilla isaa jirma lama gidduutti galchitee, morma isaas hidhaa sibiilaatiin akka hiituuf ture” jetteetta;

[27] ati egaa amma maaliif Ermiyaas nama biyya Anaatot isa akka raajiitti dubbatu ifachuu dhiifte ree”

[28] Inni kunoo! As biyya Baabilonitti iyyuu caaffata nutti ergee,“Yeroo dheeraa achi waan turtaniif, mana ijaarradhaatii keessa taa'aa! Midhaan qotadhaatii wanta laficha irraa galfattan nyaadhaa!” nuun jedha” jetteetta.

[29] Sefaaniiyaan lubichis caaffaticha ana Ermiyaasiif in dubbise;

[30] kana booddee Waaqayyo ana Ermiyaasitti in dubbate;

[31] inni,“Ergaa ani Waaqayyo, waa'ee Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiif dubbadhe, kana gara warra booji'aman hundumaatti ergiitii,“Kunoo! Ani utuun isa hin ergin Shemaa'iyaan raajii isinitti dubbatee, sobas akka amanattan waan isin godheef,

[32] Ani kunoo! Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaam, sanyii isaas nan adaba; inni akka namoonni didanii ana Waaqayyo irratti ka'aniif waan dubbateef, nama isaa keessaa saba kana keessatti hafee wanta gaarii isa ani saba kootiif gochuuf jedhu kan argu tokko illee hin jiru” jedhi!” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters