[1] Karaa mandara Yerusaalem irra asii fi achi adeemaatii hubadhaatii ilaalaa! Karaa ishee isa guddaa irras adeemaatii barbaadaa! Nama wanta qajeelaa hojjetuu fi nama dhugaa barbaadu in argitu yoo ta'eef, Waaqayyo immoo mandara kanaaf balleessaa ishee in dhiisaaf.
[2] Isaan,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti!” jedhanii, yoo kakatan iyyuu dhugumaan isaan in sobu.
[3] Yaa Waaqayyo! Ati dhugaa barbaadda mitii ree” Yommuu ati isaan rukutte, isaanitti hin dhaga'amne; yommuu ati isaan caccabsite, isaan adaba hin fudhanne; isaan dhagaa caalaa mata-jabeeyyii in ta'an, deebi'uus in didan.
[4] Ani garuu, isaan dhugumaan namoota warra karaa Waaqayyoo hin beekne, warra akka seerrata Waaqayyo isaaniitti hin jiraanne waan ta'aniif, isaan,“Dadhabootaa fi gowwoota” jedhee nan yaade.
[5] Amma immoo warra gurguddoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadhe, isaan dhugumaan karaa Waaqayyo isaanii fi seerrata isaa beeku; haa ta'u iyyuu malee, hundumti isaanii aboo gooftichaa jalaa ba'anii, hidhaas in kutatan.
[6] Yakki isaanii waan baay'ateef, Waaqayyo irraa gara galuun isaaniis lakkoobsa waan hin qabneef, leenconni caakkaa keessaa ba'anii isaan in qabatu, yeeyyiiwwan lafa onaa keessaa ba'anii isaan in balleessu, qeerransoonnis namoota mandaroota isaanii keessaa ba'an riphanii in eegattu; warri achi keessaa ba'uu yaalan hundinuu in ciramu.
[7] Waaqayyo,“Ijoolleen keessan ana dhiisanii maqaa waaqayyolii warra Waaqayyo dhugaa hin ta'iniin kakachaa waan turaniif, ani attamittan yakka isaanii isaaniif dhiisa ree” Ani nyaachisee yommuun isaan quubse, isaan immoo ejjuudhaaf mana gaalamootaatti walitti in qabaman.
[8] Akkuma korommiin fardeenii warri sooramanii gabbatan himimsan isaan akkasuma niitii namaatti in himimsu.
[9] Ani kanaaf isaanitti hin faraduu ree” Ani saba wanta akkasii hojjetu irratti ijaa hin baafadhuu ree”
[10] Gara dhaabaa muka waynii saba kootiitti ol ba'aatii, muka waynichi irra yaa'u diigaa! Garuu raawwattanii hin balleessinaa; dameewwan isaa kan koo waan hin ta'iniif, irraa ciraa!
[11] Sabni Israa'elii fi sabni Yihudaa raawwatanii anaaf hin amanamne; ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhe.
[12] Isaan Waaqayyo irratti soba dubbatanii, “Inni homaa nu hin godhu, wanti hamaanis nutti hin dhufu, billaa yookiis beela hin arginu;
[13] raajonni akkuma qilleensaa afuufan malee, wanti isaan dubbatan dhugaa miti; wanti isaan dubbatan isaanumatti gara haa galu!” jedhan.
[14] Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa, “Isaan wanta akkasii waan dubbataniif, ani immoo dubbii koo isa afaan kee keessa jiru akka ibiddaa, saba kanas akka qoraanii nan godha, ibiddichis isaan in fixa.
[15] Yaa saba Israa'el! Kunoo! Ani biyya fagootii saba lafa irraa sitti nan fida, inni saba jabaa fi saba bara durii ti, saba ati afaan isaa hin beeknee fi wanta inni dubbatu hin hubannee dha.
[16] Mann'een xiyya isaanii boolla banamaa fakkaata, hundumti isaanii warra lola danda'anii dha.
[17] Isaan midhaan maasii kee keessa jiruuf, isa ati gombisaatti galfatte nyaatanii in fixu; ilmaan kee fi intaloota kee in fixu; saawwan kee fi bushaayee kee, ija muka waynii kee fi ija muka harbuu kee nyaatanii in fixu; mandaroota kee warra kellaa dhagaa qaban, warra ati amanattee turte diiganii in balleessu.
[18] “Ani Waaqayyo guyyaa sanatti iyyuu raawwadhee saba koo hin balleessu.
[19] Sabni koo,“Waaqayyo gooftaan keenya wanta akkasii kana hundumaa maaliif nu irratti hojjete?” jedhanii yommuu si gaafatan, ati immoo, Waaqayyo,“Akkuma isin ana dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqayyolii ormaatiif hojjechaa turtan, amma immoo biyya keessan kan hin ta'in keessatti ormaaf in hojjettu” isiniin jedha” jedhi!
[20] Waaqayyo,“Dubbii kanatti fufee jiru sanyii Yaaqoobitti himaa, saba Yihudaattis labsaa!
[21] Isaaniin, “Isin saba waa hin hubannee fi gowwaa nana dhaga'aa! Isin ija qabdu, garuu hin argitan; gurras qabdu, garuu hin dhageessan.
[22] Isin ana hin sodaattanii ree” Ana durattis hin rom'itanii ree” Daarii galaanaa akka ta'uuf cirracha kan kaa'e ana; galaanichi bara baraan daarii kana irra hin darbu; dha'aan isaa yoo itti bu'e iyyuu isa gara galchuu hin danda'u; galaanichi yoo huurses isa cabsuu hin danda'u” jedhaa!
[23] Sabni kun garuu saba mata-jabeessaa fi saba garaan isaa hamaa waan ta'eef, ana irraa gara galee in sokke.
[24] Isaan garaa isaanii keessatti illee, “Kottaa Waaqayyo gooftaa keenya isa yeroo yeroo isaatti bokkaa arfaasaa fi bokkaa biraa nuuf kennu, isa midhaan yerootti akka sassaabbannu nuuf godhu in sodaannaa!” hin jedhan.
[25] Yakki keessan kana isin irraa in deebise, sababii cubbuu keessaniitiifis wanta gaarii kana in dhabdan.
[26] “Jal'oonni akka nama simbirroota kiyyoodhaan qabuutti dhokatanii taa'anii nama qaban saba koo keessa jiru.
[27] Akkuma gutoon simbirroota warra qabamaniin guutu, akkasuma manneen isaanii haxxummaadhaan in guuta; kana irraa kan ka'es isaan sooromanii nama guddaa ta'an.
[28] Isaan gabbatanii in cululuqan; wanta hamaa hojjechuun isaanii daarii hin qabu; dhimma warra abbaa fi haadha hin qabnee ilaalanii hin faradaniif, warra hiyyeessotaafis firdii qajeelaa hin kennan.
[29] Ani Waaqayyo wanta akkasii kanaaf, isaan hin adabuu ree” Ani saba akkasii kanatti ijaa hin baafadhuu ree?
[30] “Biyyicha keessatti wanta guddaa nama sodaachisuu fi wanta dhagna nama suukessutu ta'aa jira.
[31] Raajonni sobanii raajii in dubbatu, luboonnis wanta isaanitti tolu duwwaa in barsiisu; sabni koo wanta akkasii kana jaallata, egaa dhumni yommuu dhufu maal gootu ree?” jedhe.