[1] Bara Zedeqiiyaan mootichi Phashhur ilma Malkiiyaa fi Sefaaniyaa lubicha ilma Ma'aseyaa gara Ermiyaasitti erge, dubbiin Waaqayyoo gara Ermiyaas raajichaa in dhufe;
[2] warri mooticha biraa ergaman, Ermiyaasiin,“Mootichi,“Nebukadnezaar mootiin Baabilon waan nutti duuleef, Waaqayyoon akka nuuf gaafattu sin kadhadha; tarii Waaqayyo akkuma bara durii dinqii godhee isa nu irraa in deebisa ta'a” jedhe” jedhan.
[3] Ermiyaas immoo deebisee,“Dhaqaatii Zedeqiiyaadhaan,
[4] “Waaqayyo inni kan Israa'el:- Kunoo! Ani mi'a waraanaa isa harka keessan keessa jiru, isa isin mootii Baabilonii fi warra Kaldootaa, warra kellaa duubaan isin marsanii jiran ittiin loluudhaaf jettan kana isinitti gara nan galcha; mandara kana keessattis walitti isaan nan qaba;
[5] ani ofii kootii harka koo ol fudhadhee irree jabaadhaan, dheekkamsaa fi aarii boba'aadhaan oo'a malee lola isinitti nan kaasa;
[6] namaa fi horii mandara kana keessa kan jiraatan hundumaa nan rukuta; dha'icha jabaadhaanis isaan nan fixa.
[7] Kana booddee immoo Zedeqiiyaa mootii Yihudaa, hojjetoota isaa, namoota warra mandara kana keessatti dha'icha irraa, billaa irraa, beela irraas hafan hundumaa harka Nebukadnezaar mootii Baabilonitti, harka diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanittis dabarsee nan kenna; diinni kun utuu isaan hin baraarin, utuu isaaniif hin oo'in, utuu isaaniif hin hilinis billaadhaan isaan in rukuta” jedhaatii itti himaa!” jedhe.
[8] Waaqayyo ammas raajichatti dubbatee,“Saba kanaan,“Waaqayyo:- Ani karaa jireenyatti geessuu fi karaa du'atti geessu isin dura kaa'eera;
[9] namni mandarattii kana keessatti hafu billaadhaan, beelaan yookiis dha'ichaan in du'a; namni achi keessaa ba'ee warra Baabilon warra mandarattii marsanitti harka isaa kennu garuu lubbuu isaa in oolfata, in jiraatas.
[10] Ani wanta gaariidhaaf utuu hin ta'in, wanta hamaadhaaf fuula koo mandarattii kanatti nan deebisa; isheen harka mootii Baabilonitti in kennamti, inni immoo ibiddaan ishee in guba; ani Waaqayyo kana dubbadheera jedhe” jedhi!
[11] “Waanan sitti dubbadhu mana mootummaa Yihudaatti himiitii, “Dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!” jedhiin!
[12] Isin yaa sanyii Daawit, “Waaqayyo:- Guyyaa hundumaa firdii qajeelaa kennaa, isa saamame harka warra isa cunqursanii keessaa baasaa! Kanaa achi hammina hojii keessaniif jedhee, dheekkamsi koo inni akka ibiddaa dhufee isin in guba; kan isa dhaamsuu danda'us hin jiru jedhe.
[13] Ati yaa mandara Yerusaalem, yaa ishee dachaa gara irraa kattaa ol ka'aa irra jirtuu! Ani siin nan morma, warri si keessa jiraatan:- Eenyutu gara keenya dhufuu danda'a” Eenyutus mana keenya keessa lixuu danda'a” in jedhu.
[14] Ani immoo akkuma hojii keetti sin adaba; caakkaa keetti ibidda nan naqa; innis wanta naannoo kee jiru hundumaa in fixa” jedheera” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.