[1] Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas biyya Yihudaa irratti mo'ee waggaa afuraffaatti, Nebukadnezaar mootiin biyya Baabilon mo'ee waggaa tokkoffaatti, dubbiin Waaqayyoo waa'ee guutummaa saba Yihudaatiif gara Ermiyaas in dhufe.
[2] Ermiyaas raajichi immoo guutummaa saba Yihudaa fi warra mandara Yerusaalem keessa jiraatan hundumaatiin,
[3] “Yosiyaas ilmi Amoon mootii Yihudaa erga ta'ee waggaa kudha sadaffaadhaa jalqabee hamma ammaatti waggaa digdamii sadii guutu utuun hin nuffin dubbii Waaqayyo anatti dubbate isinitti himaan ture; isin garuu dubbicha dhaga'uu hin barbaanne.
[4] “Waaqayyo si'a baay'ee raajota warra hojjetoota isaa ta'an hundumaa gara keessanitti ergee ture; isin garuu isaaniif hin dhageenye, gurra keessanis gara isaaniitti hin qabne.
[5] Isaanis,“Amma hundumti keessan karaa keessan isa hamaa irraa, hojii keessan isa jal'aa irraas deebi'aa! Biyya Waaqayyo isiniif, abboota keessaniifis dhaala bara baraa godhee kenne keessa bara baraan jiraadhaa!
[6] Waaqayyolii ormaa hin waaqeffatinaa, isaaniifis hin hojjetinaa! Waaqayyo akka isin hin adabnetti waaqayyolii harka keessaniin tolfattanitti sagaduudhaan isa hin aarsinaa!” isiniin jedhanii turan.
[7] Isin garuu qooda Waaqayyoof abboomamuu hojii harka keessaniitiin isa aarsitanii of irratti miidhama akka fiddan Waaqayyo ofii isaatii dubbateera” jedhe.
[8] Kanaafis Waaqayyo gooftaan maccaa,“Isin dubbii koo dhaga'uu waan diddaniif,
[9] ani kunoo, saba biyya gara-bitaa jiran hundumaa, Nebukadnezaar mootii Baabilon isa garbicha koo ta'es isinii fi biyya kanatti, warra biyya kana keessa jiraatanitti, saba naannoo biyya kanaa jiraatan irrattis waamee nan fida; ani raawwadhee isaan nan balleessa, wanta namni ilaalee sodaatuu fi wanta namni itti ga'isu isaan nan godha, bara baraanis isaan nan barbadeessa.
[10] Ani sagalee gammachuu fi ilillee, sagalee dhirsa misirroo fi sagalee misirroo isaan gidduudhaa nan balleessa; sagaleen dhagaa daakuu achi keessaa hin dhaga'amu, ibsaa isaaniis nan balleessa.
[11] Biyyi kun guutummaatti onee in bada, sabni kunis waggaa torbaatama mootii Baabiloniif in hojjeta.
[12] Waggaan torbaatamni yommuu raawwatamu garuu ani Waaqayyo mootii Baabilonii fi biyya Baabilon, saba isaa hundumaas sababii yakka isaaniif adabee bara baraan nan onsa.
[13] Ani wantan biyya kana irratti dubbadhe hundumaa, isa macaafa kana keessatti caafame, isa Ermiyaas saba hundumaa irratti raajii dubbates isaanitti nan fida.
[14] Ani warra Baabilonitti akka hojii isaanii fi akka balleessaa isaaniitti waanan faraduuf, isaan saba baay'eef, mootota gurguddootaafis garba in ta'u” jedhe.
[15] Ergasiis Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el anatti dubbatee,“Xoofoo daadhii waynii isa dheekkamsa kootiin guute kana ana harkaa fuudhii saba warra ani itti si ergu kana isa keessaa obaasi!
[16] Isaan isa yommuu dhugan, lolli isaanitti akka dhufu waanan godhuuf, isaan machaa'anii in gatantaru, in maraatus” jedhe.
[17] Yommus ani xooficha Waaqayyo harkaa fuudhee, saba warra inni itti na erge sana hundumaatti kennee, akka isaan isa keessaa dhugan nan godhe.
[18] Yerusaalemii fi mandaroonni Yihudaa mootonni ishee fi gurguddoonni ishee hundinuu akka balleeffamaniif, akka jibbamaniif, kan namni ilaalee rifatu akka ta'aniif, hamma har'aatti iyyuu kan namoonni,“Akka isaanii isin haa godhu!” jedhanii ittiin wal abaaran akka ta'aniif, walii wajjin xooficha keessaa in dhugu.
[19] Fara'oon mootiin Gibxii fi hojjetoonni isaa, gurguddoonni isaa fi sabni isaa hundinuu,
[20] warri ormi achi jiran hundinuu, mootonni biyya Uz, mootonni biyya Filiisxiyaa hundinuu, mootiin Ashqalon, mootiin Gaazaa, mootiin Eqroon, warri Ashdood keessatti hafan hundinuus,
[21] warri Edoom, warri Mo'aab, warri Amoonis xooficha keessaa in dhugu;
[22] akkasumas mootonni Xiirosii fi mootonni Sidoon hundinuu, mootonni warri galaana gama qarqara bishaanii irra jiraatan,
[23] warri Dedaan, warri Temaa fi warri Buz, warri rifeensa mataa isaanii naannessanii haadanii illee isaanii irraa fixan hundinuu,
[24] mootonni warra Arabaa hundinuu, mootonni saba garaa garaa warri lafa duwwaa keessa jiraatan hundinuu,
[25] mootonni Ziimrii, mootonni Elaamii fi mootonni Medoon hundinuu,
[26] mootonni biyya gara-bitaa warri fagoo fi dhi'oo jiran hundinuus irraa jalaan dhufanii in dhugu; akkasitti mootonni biyya lafaa irra jiran hundinuu in dhugan; isaan kana hundumaa booddee immoo mootiin Sheshaak in dhuge.
[27] Kana booddee Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, “ ‘Lolli isinitti akka dhufu waanan godhuuf, hamma machooftanii hoqqiftanii kufaatii hin kaane kuftanitti dhugaa!” jedhii isaanitti himi!
[28] Isaan immoo xooficha si harkaa fuudhanii dhuguu yoo didan, ati immoo isaaniin,“Kana dhuguun akka isin irra jiru Waaqayyo gooftaan maccaa anatti dubbateera” jedhiin!
[29] Ani kunoo! Mandara ishee maqaan koo keessatti waamamu balleessuu nan jalqaba, warra lafa irra jiraatan hundumaa irrattis lolli akka ka'u nan godha, isin immoo adabamuu waan ooltan isinitti fakkaataa ree” Lakkii! Isinis in adabamtu” jedhe; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.
[30] Itti fufees Waaqayyo,“Yaa Ermiyaas, ati dubbii kana hundumaa jara kana irratti raajii dubbadhu, “Waaqayyo ol waaqa irraa in qaqawweessa'a, saba isaattis dheekkamsa isaa isa akka bakakkaa in buusa; iddoo taa'umsa isaa isa qulqulluutii sagalee isaa in dhageessisa; inni akka namoota warra waynii cuunfanii sagalee guddaa in dhageessisa, warra lafa irra jiraatan hundumaattis in farada;
[31] sagaleen dheekkamsa isaa guutummaa lafaa irratti in dhaga'ama; Waaqayyo balleessaa saba lafa irraa yaa'iitti in baasa, namoota hundumaattis in farada; warra hamootas billaatti dabarsee in kenna” jedhi!” jedhe.
[32] Ammas Waaqayyo gooftaan maccaa, “Kunoo! Bubbeen qarqara lafaatii in dhufa, badiisis sabaa gara sabaatti in darba” jedhe.
[33] Gaafas reeffi warra Waaqayyo isaan ajjeesee daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti bakkeetti in argama; reeffi isaanii lafaaf kosii ta'a malee, namni isaaniif boo'u, namni walitti qabee isaan awwaalus hin jiru.
[34] Isin yaa tiksootaa, isin warri saba koo geggeessitan yeroo isin itti tatamsaataniif itti gogora'amtan, yeroo isin akka qodaa suphee miidhagaa lafa dha'ee caccabee itti taatan waan dhi'aateef, boo'aa wawwaadhaa, awwaara keessas gangaladhaa!
[35] Tiksoonni iddoo itti baqatan hin qaban, warri saba geggeessanis akka itti jalaa ba'an hin qaban;
[36] Waaqayyo iddoo tika isaanii waan balleessuuf, sagaleen wawwaannaa tiksootaa fi iyyi geggeessitoota sabaa in dhaga'ama.
[37] Dheekkamsi Waaqayyoo inni sodaachisaan biyya isaanii isa naga-qabeessa in balleessa;
[38] inni akka leenca saafelaatti mann'ee isaa keessaa ba'ee billaa cunqursitootaa fi dheekkamsa isaa isa sodaachisaadhaan biyya isaanii in balleessa.