Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:45

[1] Dubbiin Waaqayyo ana Ermiyaasitti dubbate kanatti fufee jira; inni,“Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu, mudhii kee ittiin hidhadhu! Garuu bishaan akka isa bira hin geenye godhi!” jedhe.

[2] Anis akkuma Waaqayyo na abboometti dhaqee sabbaticha bitadhee ittiin mudhii koo nan hidhadhe.

[3] Dubbiin Waaqayyoo si'a lammaffaa gara koo dhufee,

[4] “Sabbata isa bitattee ittiin mudhii kee hidhatte kana fudhadhuu ka'ii, gara laga Efraaxiis dhaqi, achitti holqa dhagaa keessa isa dhoksi!” naan jedhe.

[5] Yommus akkuma Waaqayyo na abboome dhaqee laga Efraaxiis bukkee isa nan dhokse.

[6] Guyyaa baay'ee booddee ammas Waaqayyo anatti dubbatee,“Ka'iitii gara laga Efraaxiisitti gad bu'ii, sabbata isan achi akka dhoksituuf si abboome sana fidi!” naan jedhe.

[7] Achumaan ka'een gara laga Efraaxiis dhaqee, haadhee, sabbaticha iddoon dhokse sanaa fuudhe; sabbatichi garuu raawwatee waan bososeef, kan waa'ee hin baafne ta'ee in argame.

[8] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[9] “Akkasuma ani of tuulummaa Yihudaa fi of tuulummaa Yerusaalem isa guddaa sana kan waa'ee hin baafne nan godha;

[10] sabni jal'aan inni sagalee koo dhaga'uu didee, boqu-jabinaan yaada ofii isaatii duukaa bu'ee waaqayyolii biraatiif hojjetee, isaaniif sagade kun, akkuma sabbata kanaa raawwatee kan waa'ee hin baafne in ta'a.

[11] Akkuma sabbanni mudhii namaatti maxxanu akkasuma namoonni Israa'elii fi namoonni Yihudaa hundinuu anatti in maxxanu, saba koo ta'anii maqaan koo akka beekamuuf akka galateeffamu, ulfinas akka argatu in godhu nan se'e; isaan garuu anaaf dhaga'uu in didan” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

[12] Ammas Waaqayyo,“Ati saba kanatti dubbadhuu,“Waaqayyo gooftaan Israa'el, manqallii daadhii waynii kana hundumaatti daadhiin waynii in guutama” jedhiin!” naan jedhe; isaan immoo kana irratti,“Kun wanta haaraa miti, manqallii daadhii waynii hundumaatti daadhiin waynii akka naqamu nuyi ofuma keenyaa iyyuu gaarii goonee beekna mitii ree?” siin in jedhu.

[13] Yommus ati immoo,“Waaqayyo,“Kunoo! Ani warra biyya kana keessa jiraatan hundumaa, mootota warra teessoo Daawit irra taa'an, raajotaa fi luboota, warra mandara Yerusaalem keessa jiraatan hundumaas nan macheessa” jedha” jedhii deebisiif!

[14] Waaqayyo,“Ani walitti isaan nan buusa, abbootaa fi ilmaan isaanii walitti buusee nan caccabsa, ani isaan nan balleessa malee, isaaniif hin hilu, isaaniif hin oo'u, garaas isaaniif hin laafu” jedhe.

[15] Waaqayyo dubbateera'o dhaga'aa, of hin gurguddisinaatii dhaggeeffadhaa!

[16] Utuu inni dukkana isinitti hin fidin, miilli keessanis gaarota warra dukkanaa'oo irratti utuu hin gufatin, Waaqayyo gooftaa keessaniif ulfina kennaa! Isin ifa in abdattu, inni garuu dukkana limixii isa quba hin keessifnetti in geddara.

[17] Isin gorsa kana dhaga'uu diddanii, yoo of gurguddiftan, ani immoo dhoksaatti nan boo'a; sababii sabni Waaqayyoo booji'amaniifis imimmaan koo nan lolaasa.

[18] Waaqayyo anatti dubbatee, “Mootichaa fi haadha mootichaatiin, “Gonfoon ulfinaa keessan mataa keessan irraa waan bu'uuf, teessoo keessan irraa bu'aatii lafa taa'aa!” jedhi!” jedhe.

[19] Mandaroonni Yihudaa warri gara mirgaa jiran, marfamanii in qabamu; namni gad isiniif dhiisisuu danda'us hin jiru; warri Yihudaa hundinuu booji'amanii raawwatanii biyyaa in baafamu.

[20] Yaa Yerusaalem, diinota kee warra gara-bitaatii dhufuutti jiran ol jedhii ilaali! Sabni inni sitti kenname, inni ati ittiin of jajju sun eessa jira”

[21] Warra ati firoomfatte si irratti yommuu moosisan ati maal jetta” Akka dubartii ciniinsuun qabatee in taata mitii ree”

[22] Ati garaa kee keessatti, “Wanti kun maaliif anatti dhufe?” yommuu jettu, inni immoo,“Sababii baay'ina yakka keetiif namni uffata kee si irraa soqolee sitti roorise” in jedha.

[23] Namni Kuush bifa isaa, qeerransis buburrina isaa geddaruu danda'aa ree” Akkasuma isin warri waan hamaa gochuu bartan, waan gaarii gochuu hin dandeessan.

[24] Kanaafis Waaqayyo, “Akka qilleensi lafa duwwaadhaa dhufu habaqii afuufuutti, ani isin nan bittimsa.

[25] Yaa Yerusaalem, ati immoo ana dhiiftee waaqayyolii sobaa waan amanatteef, kun qooda kee isa ani siif muree dha.

[26] Ani ofuma kootii uffata kee mataa keetti ol gara galchee, akka ati yeellaatu nan godha.

[27] Ani ejjummaa kee fi himimsuu kee argeera, wanta ciiggaasisaa ati tulluu irratti, bakkee keessatti hojjettu hundumaas beeka; yaa Yerusaalem, siif wayyoo! Ati hamma yoomiitti xuraa'ummaa keetiin akkasitti jiraatta?” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters