Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:43

[1] Dubbiin Waaqayyo biraa gara ana Ermiyaas dhufe kanatti fufee jira;

[2] inni,“Ka'ii gara mana namicha suphee dha'u tokkootti gad bu'i, wanta ani achitti sitti himus dhaga'i!” jedhe.

[3] Ani kana irratti ka'ee gara mana namicha suphee dha'u sanaatti gad nan bu'e. Kunoo, namichi gabatee dhagaa boolla garaa garaa qabu keessatti suphee in dha'a ture;

[4] utuma inni hojjechuutti jiruu, qodichi yommuu isa harkatti badu immoo suphichuma irraa deebisee qodaa kan biraa isatti kan tolu in dha'a ture.

[5] Yommus dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

[6] “Yaa namoota Israa'el, isin harka koo keessatti akkuma suphee isa harka namicha suphee dha'u keessaa ti, egaa yaa namoota Israa'el! Akkuma namichi suphee sana godhe, ani akkasuma isin gochuu hin danda'uu ree”

[7] Battaluma ani saba tokko yookiis mootummaa tokko buqqisuuf, kuffisuuf, balleessuufis dubbadhutti,

[8] sabni ani itti dubbadhe sun karaa isaa isa hamaa irraa yoo deebi'e, wanta hamaa isa ani itti fiduuf yaade sana nan dhiisa;

[9] battaluma ani,“Saba tokko yookiis mootummaa tokko nan ijaara, nan dhaabas” jedhutti,

[10] inni immoo ana duratti wanta hamaa yoo hojjete, anaafis abboomamuu yoo dide, ani wanta gaarii isan isaaf gochuu yaade sana hundumaa nan dhiisa” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

[11] Kanaaf ati namoota Yihudaatiin, warra mandara Yerusaalem keessa jiraataniinis,“Waaqayyo,“Isin adduma addaan karaa keessan isa hamaa irraa deebi'aatii, jireenya keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa! Kanaa'achi ani kunoo, wanta hamaa isinitti nan fida, akeekas isin irratti nan baafadha” jedheera” jedhi!

[12] Isaan immoo deebisanii,“Lakkii, kun homaa waa'ee hin baasu, nuyi hundumti keenya akka barbaannetti yaada keenya isa hamaatti qabamnee jiraanna malee, kana gochuu hin dandeenyu” in jedhu.

[13] Kanaaf Waaqayyo isaanitti dubbatee, “Mee saba hundumaa keessa iyyaafadhaa, wanta akkasii namni dhaga'ee beeku jiraa” Sabni Israa'el isheen akka durbaa ta'uun irra ture, wanta guddaa dhagna nama suukessu hojjete.

[14] Cabbiin kattaa Liibaanon irraa dhibee beekaa ree” Bishaan biyya diilallaa'aa keessaa fagoodhaa burqu, goguu danda'aa ree”

[15] Sabni koo garuu na irraanfatee waaqayyolii warra waa'ee hin baafneef ixaana in aarse; waaqayyoliin sun immoo sabicha karaa isa durii irraa kaachisanii, karaa hin taane irra adeemsisuudhaan isa in gufachiisan.

[16] Kanaaf biyyi isaanii onee ceephoo bara baraatiif in ta'a; warri karaa darban isa yommuu argan, dinqisiifatanii mataa isaanii raasaa bira in darbu.

[17] Ani akka bubbeen ba'a-biiftuu awwaara tamsaasu, diina isaanii duratti isaan nan tamsaasa; guyyaa badiisi isaanitti dhufutti ani fuula koo isaan irraa deebisee, dugda isaanitti nan gata” jedhe.

[18] Isaan,“Lubni, seera barsiisuun, ogeessi gorsuun, raajiinis wanta ta'uuf jiru dubbachuun amala waan ta'eef, kottaa Ermiyaas irratti waa in malla; dubbii isaa fudhachuu dhiifnee, ittiin isa in qabannaa!” jedhanii walitti in dubbatu.

[19] Yaa Waaqayyo, wanta diinonni koo ana irratti dubbatan in dhageessa'o yaadaan anaaf qabi!

[20] Qooda wanta gaarii, hamaa namaaf deebisuun qajeelaa dhaa ree” Isaan anaaf boolla qotaniiru, ani garuu,“Dheekkamsa kee isaan irraa deebisi!” jedhee, isaaniif akkan si kadhadhe yaadadhu!

[21] Egaa ilmaan isaaniitti beela cimaa buusi, billaadhaanis akka isaan dhuman godhi! Dubartoota isaanii harkaa ijoollee fixi, abboota manaa isaaniis irraa ajjeesi! Namoota warra hafan dhukkubaan fixi, dargaggoonni isaanii immoo duula keessatti billaadhaan akka dhuman godhi!

[22] Isaan ana qabuudhaaf boolla qotanii, miilla koo duras kiyyoo waan kaa'aniif, ati loltuu dingata isaanitti yommuu ergitu, manneen isaanii keessaa iyyi haa dhaga'amu!

[23] Yaa Waaqayyo! Mala isaan ana ajjeesuudhaaf malan hundumaa ati beekta; kanaaf yakka isaanii isaaniif hin dhiisin, cubbuu isaaniis fuula kee duraa haxooftee hin balleessin! Isaan si duratti gufatanii haa kufan, atis aariidhaan isaanitti faradi!

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters