Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:14

[1] Isin yaa namoota Israa'el, wanta Waaqayyo isinitti dubbatu dhaga'aa!

[2] Waaqayyo, “Isin amala saba warra kaanii hin fudhatinaa! Isaan duukaa buutaniis milikkita garaa garaa, waaqa keessatti yommuu argitan hin na'inaa!

[3] Seerranni waaqessuu saba kanaa wanta waa'ee hin baafnee dha; isaan muka caakkaa keessaa jigsanii, namni muka soofuu beeku qottoodhaan muree tolchee bifa itti in baasa.

[4] Meetiidhaa fi warqee itti uffisee in miidhagsa; ol kaasee erga dhaabee immoo akka inni hin kufnetti, buruusaan cinqaara itti rukutee in jabeessa.

[5] Waaqayyolii tolfamoonni isaanii wanta nama fakkaatee, bineensa sodaachisuudhaaf maasii buqqee dheedhii nyaatamu keessa dhaabatu in fakkaatu; isaan dubbachuu, adeemuus waan hin dandeenyeef, namni isaan baatee in adeema; isaan nama miidhuu yookiis nama gargaaruu hin danda'an; kanaaf isaan hin sodaatinaa!” jedhe.

[6] Yaa Waaqayyo ati guddaa dha, kan akka keetiis hin jiru; maqaan kees guddaa beekamaa dha.

[7] Yaa mootii saba lafa irraa, ati sodaatamuuf kan maltee dha, egaa kan si hin sodaanne jiraa ree” Ogeessa saba lafa irraa hundumaa keessa, mootummoota isaanii hundumaa keessas kan akka keetii tokko illee hin jiru.

[8] Isaan hundumti isaanii gowwootaa fi wallaalota; waaqayyolii muka irraa tolfaman irraas maal baru ree”

[9] Waaqayyolii tolfamoonni isaanii kun hojii harka namaa ti; meetii qullaa'aa biyya Tarshiishii dhufuu fi warqee biyya Ufaazii dhufu irraa hojjetaman; uffanni dhiilgee fi calaqqisaan itti uffifaman; kun hundinuu hojii warra ogeeyyii ti.

[10] Waaqayyo garuu Waaqayyo isa dhugaa ti; inni Waaqayyo isa jiraataa dha, mootii bara baraa tis; yommuu inni dheekkamu lafti in raafamti, sabni lafa irraas aarii isaa isa boba'aa dura dhaabachuu hin danda'an.

[11] Kanaaf,“Waaqayyoliin warri bantiiwwan waaqaa fi lafa hin uumin kun, waaqa jalaa, lafa irraas in badu” jedhii isaanitti himi!

[12] Waaqayyo isa aangoo isaatiin lafa kana uumee dha, inni biyya lafaa kana ogummaa isaatiin cimsee in dhaabe, waaqas beekumsa isaatiin in diriirse.

[13] Yommuu inni sagalee isaa dhageessisu, bokkaan bantii waaqaa keessaa in huursa; inni daarii lafaatii duumessa ol in kaasa, bokkaa keessas bakakkaa gad in buusa; qilleensas gombisaa isaa keessaa in baasa.

[14] Namoonni hundinuu garuu wallaalota waan ta'aniif, beekumsa hin qaban; warri warqee baqsan hundumti isaanii, waaqayyolii tolchan sanatti in yeella'u; bifni isaan baqsanii tolchan sun, wanta sobaa fi wanta hafuurri keessa hin jirree dha.

[15] Waaqayyoliin tolfamoonni kun kan waa'ee hin baafnee dha, mi'a ga'oo tis; gaafa adabni isaanitti dhufu ittiin in badu.

[16] Waaqayyo inni kan Yaaqoob garuu akka isaan kanaa miti; wanta hundumaa kan uume isa; Israa'elin saba dhuunfaa isaa in godhate; maqaan isaa “Waaqayyo gooftaa maccaa ti?.

[17] Yaa warra marfamtanii jirtanii, mi'a keessan lafa jiru walitti sassaabbadhaa!

[18] Waaqayyo,“Kunoo! Ani amma warra biyya kana keessa jiraatan, furuursaadhaan darbadhee biyyaa nan baasa; akka isaan ana barbaaddataniifis rakkinatti isaan nan galcha” jedhe; yommus Yerusaalem sagalee ishee ol fudhattee,

[19] “Anaaf wayyoo! Ani nan cabe, madaan koos hin fayyu; ani garaa koo keessatti,“Kun dhukkuba, garuu kana baachuun anaaf in ta'a” jedheen yaade.

[20] Amma garuu dunkaanni koo in diigame, funyoon dunkaana kootii hundinuus in ciccite; ilmaan koo hin jiran ana dhiisanii in sokkan, namni dunkaana koo anaaf dhaabu hin jiru; golgaa isaas kan gad diriirsu hin argamu” in jette.

[21] Eegdonni wallaalota ta'an, Waaqayyoonis hin gaafanne; kanaaf hojiin isaaniif qajeeluu dide, namoonni hundinuus in tamsa'an.

[22] Kunoo! Oduun in dhaga'ama, waci guddaanis biyya gara bitaatii in dhaga'ama; mandaroota Yihudaa onsee, iddoo waangonni keessa jiraatan in godha.

[23] Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka.

[24] Yaa Waaqayyo! Ati akka ana hin balleessinetti firdii kee isa qajeelaadhaan na ifadhu malee, dheekkamsa keetiin ana hin adabin!

[25] Sabni si hin beeknee fi gosi maqaa kee hin waammanne, Yaaqoobin waan nyaataniif, nyaataniis waan isa fixaniif, biyya isaas raawwatanii waan onsaniif, ati dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi!

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters