Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:09

[1] Ergasiis Waaqayyo anatti dubbatee,“Musee fi Saamu'el dhufanii yoo ana kadhataniif illee, ani saba kanaaf garaa hin laafu, egaa haa badaniitii, fuula koo duraa isaan fageessi!

[2] Isaan immoo,“Eessa dhaqna?” jedhanii yoo si gaafatan, akkuma ani sitti hime, “Warri du'i itti faradame haa ajjeefaman; warri billaadhaan akka dhuman isaanitti faradame billaadhaan haa dhuman! Warri beelli itti murame beelaan haa dhuman; warri booji'amuun itti murame haa booji'aman!” jedhiin!

[3] Ani Waaqayyo dha'icha akaakuu afur isaanitti nan erga; billaan akka isaan fixu, saroonni reeffa warra dhumanii akka kukkutatan, allaattonni qilleensa keessa balali'anii fi bineensonni caakkaa keessa jiran nyaatanii akka isaan fixan nan godha.

[4] Sababii Minaasee ilmi Hisqiyaas mootiin Yihudaa waan hamaa Yerusaalem keessatti hojjeteef, mootota lafa irra jiran hundumaa biratti wanta namni ilaalee sodaatu isaan nan godha” jedha.

[5] Waaqayyo itti fufee,“Yaa Yerusaalem! Eenyutu siif oo'a” Eenyutu siif boo'a” Eenyutus gara keetti goree si dubbisa”

[6] Sababii ati na tuffattee dugda anatti gatteef, ani immoo harka koo si irratti ol fudhadhee rukutee sin balleessa, deebi'ees siif hin oo'u.

[7] Ani akka nama midhaan qoorbiidhaan qilleensatti ol darbatee qulleessuu, sabni koo karaa isaaniitii deebi'uu waan didaniif, karra biyyichaa duratti isaan nan darbadha; ijoollee ergan isaan harkaa fixee booddee isaanuma iyyuu nan balleessa.

[8] Dubartoonni isaanii warri abbaan manaa irraa dhuman, cirracha galaana qarqara jiru caalaa akka baay'atan nan godha; haadhota dargaggootaatti guyyaa saafaa badiisa nan fida, naasuu fi sodaan isaan in qabata.

[9] Haati ilmaan torba duraa dhuman dadhabdee in wargamti; guyyaan halkan isheetti in ta'a; gadduu fi gad deebi'uun ishee irra in ga'a; namoota kana irraa hafan immoo billaa diinota isaaniitti dabarsee nan kenna; ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhe.

[10] Ana nama namni hundinuu qoccolee loluuf wayyoo! Yaa haadha ko maaliif na deesse” Ani nama tokko irraa illee waa hin liqeeffanne, nama tokkoofis waa hin liqeessine; haa ta'u iyyuu malee, hundumti isaanii na abaaru.

[11] Waaqayyo garuu, “Ani dhugumaan wanta gaariidhaaf sin hambisa, diinni kees yeroo rakkinaa fi yeroo gidiraatti akka si kadhatu nan godha.

[12] Haa ta'u iyyuu malee, namni sibiila yookiis sibiila borrajjii biyya gara-bitaatii dhufu cabsuu danda'aa ree”

[13] Sababii cubbuu guutummaa biyya keetii keessatti hojjetameef, ani badhaadhummaa fi qabeenya biyya keetii saamamuutti dabarsee nan kenna.

[14] Sabni kee diinota isaaniitiin booji'amanii gara biyya hin beekneetti akka dabarfaman nan godha; dheekkamsi koos ibidda isinitti qabsiisee isin in guba” jedhe.

[15] Yommus ani immoo,“Yaa Waaqayyo, ati waan hundumaa beekta, na yaadadhu, na oolchi! Warra na miidhuu barbaadan irrattis ijaa anaaf baasi! Ani siif jedhee yeelloo akkan baadhu beekta'o, isaaniif obsuuf jettee ana hin balleessin!

[16] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ani kan kee ti'o, dubbii kee yommuun argadhe, akka nama buddeena nyaatuutti isa nan nyaadhe, innis garaa koo gammachuu fi qannoodhaan in guute.

[17] Ani warra ga'iftuu gidduu taa'ee isaanii wajjin hin gammanne; harka kee jala waanan jiruuf, ani aariidhaan guutamee kopha-galeessa nan ta'e.

[18] Dhiphinni koo maaliif dhuma dhabe” Madaan koos maaliif fayyuu dide” Ati akka laga guddaa isa namni bishaan keessaa argachuuf abdatee yommuu dhaqu immoo dhabee qaana'uu na gootee ree?” nan jedhe.

[19] Kanaaf Waaqayyo anatti dubbatee, “Ati yaada kee gara kootti yoo deebifte, ani iddoo keetti sin deebisa, hojjetaa koos in taata; ati dubbii waa'ee hin baafne dhiiftee isa waa'ee baasu yoo dubbate, afaan anaaf in taata; isaan gara keetti haa deebi'an! Ati garuu gara isaaniitti hin deebi'in!

[20] Ani saba kanaaf akka keenyan sibiila borrajjii irraa hojjetamee akka taatu sin godha; isaan si irratti ka'anii yoo si lolan iyyuu, ani si gargaaruudhaaf, si oolchuudhaafis sii wajjin waanan jiruuf, si mo'uu hin danda'an.

[21] Ani harka warra hamootaa keessaa sin baasa, qabaa warra gara-jabeeyyii keessaas sin fura” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters