[1] Dubbiin Ermiyaas ilmi Hilqiiyaa dubbate kana keessatti caafamee jira; abbaan isaa luboota warra kutaa biyya Benyaamiin keessaa mandara Anaatot keessa jiran keessaa tokko ture;
[2] Yosiyaas ilmi Amoon mootii Yihudaa ta'ee, waggaa kudha sadaffaa isaatti dubbiin Waaqayyoo gara Ermiyaas in dhufe.
[3] Bara mootummaa Yehoyaaqiim ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti, hamma waggaa kudha tokkoffaa mootummaa Zedeqiiyaa ilma Yosiyaasitti, waggichattiis hamma ji'a shanaffaa isa sabni Yerusaalem itti booji'ametti isatti in dubbate.
[4] Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[5] “Garaa haadha kee keessatti utuun si hin tolchinan si fo'adhe; utuu ati hin dhalatin addaan si baaseen, sabaaf raajii akka taatuuf si kaase” jedhe.
[6] Ani immoo yommus,“Maaloo yaa Waaqayyo gooftaa, kunoo, ani mucaa waanan ta'eef attamitti akka dubbatan hin beeku” nan jedhe.
[7] Waaqayyo ammas anatti dubbatee,“Gara ani itti si ergu hundumaa dhaqi, wanta ani si abboomu hundumaas godhi malee,“Ani mucaa dha” hin jedhin!
[8] Ani si oolchuudhaaf sii wajjinan jira'o ati isaan duratti hin sodaatin!” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.
[9] Ergasii Waaqayyo hiixatee harka isaa afaan kootti buusee,“Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa nan kaa'a;
[10] ilaa, akka ati buqqiftuuf, akka diigduuf, akka balleessituuf, akka gara galchituuf akka ijaartuuf, akka dhaabduufis ani har'a saba irratti, mootummoota irrattis aboo siif kenneera” naan jedhe.
[11] Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo dhufee,“Yaa Ermiyaas, amma maal argita?” jedhee na gaafate; ani immoo deebisee,“Damee muka lawuziin arga” nan jedhe.
[12] Waaqayyo deebisee,“Eyyee, ati dhuguma isa argite; kan ani jedhe hamma raawwatamutti ani immoo dhimmee isa duukaa nan bu'a” naan jedhe.
[13] Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo dhufee,“Amma immoo maal argita?” jedhee na gaafate; ani immoo deebisee,“xuwwee waa keessaa danfu isa gara bitaatii as gara galee jirun arga” nan jedhe.
[14] Waaqayyo,“Gara bitaatii badiisi warra biyya kana keessa jiraatan hundumaa irratti in dhufa” naan jedhe.
[15] Waaqayyo,“Kunoo, ani saba mootummoota gara bitaa jiran hundumaa keessa jiraatan nan waama; mootonni isaaniis dhufanii karrawwan dallaa Yerusaalem dura barcuma isaanii dhaabatanii, guutummaa dallaa isheetii fi mandaroota Yihudaa hundumaa in marsu.
[16] Sabni koo ana dhiisanii waaqayyolii biraatiif ixaana aarsanii, wanta harka isaaniitiin hojjetanittis waan sagaddaniif, hojii isaanii isa hamaa hundumaaf ani isaanitti nan farada” jedhee dubbateera.
[17] Itti fufees Waaqayyo,“Ati garuu yaa Ermiyaas ka'ii mudhii kee hidhadhuu wantan si abboomu hundumaa isaanitti himi! Ani isaan duratti akkan si hin yeellaasifnetti, ati yommuu isaan argitu hin na'in!
[18] Kunoo, ani har'a akka mandara kellaa dhagaa qabuu, akka utubaa sibiilaa, akka keenyan sibiila borrajjii irraa hojjetamees akka taatu si godheera; ati biyya sana hundumaan, mootummoota Yihudaa fi gurguddoota isaanii, luboota isaanii fi saba biyya sanaa hundumaan in mormita.
[19] Isaan si lolu, ani si oolchuudhaaf sii wajjin waanan jiruuf garuu si hin mo'an” jedhee dubbateera.