Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:01

[1] Ani Ermiyaas kellaa mana hidhaa keessatti eegamaa utuun jiruu, dubbiin Waaqayyoo si'a lammaffaa gara koo in dhufe;

[2] gooftichi inni dubbiin isaa gara koo dhufe kun isa wanta hundumaa hojjetee bifa itti godhee dhaabe, isa maqaan isaa “Waaqayyo” jedhamee beekamee dha;

[3] inni,“Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.

[4] Ani Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el waa'ee manneen mandara kana keessaa fi waa'ee manneen mootota Yihudaa dallaan ittiin marsan itti ijaaramee waraanaanis diigamanii nan dubbadha;

[5] namoonni mandarattii sanaa warra Baabilon loluudhaaf in ba'u; garuu sababii isaan mandarattii kana keessatti waan hamaa hojjetaniif ani fuula koo isaan irraa nan deebisa; kanaaf reeffi namoota ishee warra ani aarii koo isa boba'aadhaan fixuu achi keessa in guuta.

[6] “Haa ta'u iyyuu malee, waanan ittiin ishee fayyisu ergee ishee nan oolcha; namoota ishee fayyisee isaanis nagaa guddaa argatanii, bir'aa malee gammachuutti akka jiraatan nan godha.

[7] Warra Yihudaa fi Israa'el keessaa booji'aman iddoo isaan itti booji'amanii deebisee fidee akka isaanii duriitti isaan nan jiraachisa;

[8] ani yakka isaan ittiin na yakkan hundumaattii isaan nan qulleessa; cubbuu isaanii fi irra-daddarbaa isaanii hundumaas isaaniif nan dhiisa.

[9] Yommus isheen mandara maqaan koo ittiin beekamu, kanan itti gammadu, saba biyya lafaa hundumaa warra wanta gaarii isa ani isheedhaaf godhe kana hundumaa dhaga'an birattis wanta ani ittiin galateeffamuu fi jajamu in taati; sabni kun gaarummaa fi nagaa ani isheedhaaf kennu hundumaa arganii sodaatanii in hollatu” jedhe.

[10] Ammas Waaqayyo itti fufee,“Isin iddoo kanaan,“Inni lafa duwwaa iddoo namnii fi horiin keessa hin jirree dha” in jettu; haa ta'u iyyuu malee, mandaroota Yihudaa fi karaa Yerusaalem isa namnii fi horiin keessaa dhibnaan onee ture sana keessatti deebi'ee,

[11] sagaleen gammachuu fi ilillee, sagaleen dhirsa misirroo fi sagaleen misirroo, faarfannaan warri kennaa galataa gara mana qulqullummaatti fidan hundinuus,“Waaqayyo gooftaan maccaa gaarii waan ta'eef, araarri isaas bara baraan waan jiraatuuf, isa galateeffadhaa!” jedhanii faarfatan in dhaga'ama; warra biyya kana keessaa booji'aman akka isaanii duriitti nan deebisa; ani Waaqayyo kana dubbadheera.

[12] Ani Waaqayyo gooftaan maccaa as iddoo onaa isa namnii fi horiin keessa hin jirre kana keessa, mandaroota Yihudaa hundumaa keessas iddoo horiin tiksootaa dheedanii cicciisan,

[13] mandaroota biyya gaara gubbaa, mandaroota biyya dachaa keessaa, mandaroota biyya gara-mirgaa kutaa biyya Benyaamiin, gandeen naannoo Yerusaalem jiran, mandaroota biyya Yihudaa hundumaa keessattis deebi'anii tiksoonni yeroo yerootti horii isaanii lakkaa'anii to'atan akka argaman nan godha” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

[14] Waaqayyo,“Kunoo! Barri ani wanta ba'eessa isan namoota Israa'elii fi namoota Yihudaa abdachiise itti fiixaan baasu in dhufa.

[15] Ani bara sana keessa yeroo sanatti sanyii Daawit keessaa mootii qajeelummaadhaan hojjetu nan kaasa, innis qajeelummaadhaan saba in bulcha;

[16] yommus biyyi Yihudaa in fayyiti, Yerusaalemis nagaatti in jiraatti; baras namoonni Yerusaalemin, “Waaqayyo qajeelummaa keenya” jedhanii in waamu.

[17] Sanyii Daawit keessaa yeroo hundaa guutummaa Israa'el irratti kan mo'u hin dhabamu;

[18] luboota warra sanyii Lewwii keessaa guyyaa hundumaa lubni mana qulqullummaa keessa fuula koo dura dhaabatee aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi aarsaa garaa garaa anaaf dhi'eessu hin dhabamu” jedhe.

[19] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara ana Ermiyaas in dhufe;

[20] inni,“Halkanii fi guyyaan yeroo yeroo isaaniitti akka ta'aniif kakuudhaan isa ani dhaabe cabsuu yoo dandeessan duwwaa,

[21] inni ani garbicha koo Daawitii fi sanyii isaa keessaa teessoo isaa irratti kan mo'u akkasumas luboota warra Lewwoota keessaa kan anaaf hojjetu akka hin dhabamne kakuudhaan dhaabeef, cabuu in danda'a.

[22] Sanyii garbicha koo Daawitii fi sanyii luboota warra Lewwoota anaaf hojjetanii, akka urjoota waaqa keessaa warra lakkaa'amuu hin dandeenyee fi akka cirracha galaana qarqaraa isa safaramuu hin dandeenye nan baay'isa” jedhe.

[23] Dubbiin Waaqayyoo ammas gara ana Ermiyaas dhufee,

[24] “Wanta jarreen kun,“Waaqayyo mootummaa Israa'elii fi mootummaa Yihudaa warra fo'atee ture sana lamaan amma tuffateera” jedhanii dubbatan yaadaan hin qabne ree” Isaan saba koo in tuffatu, akka sabaattis isaan hin lakkaa'an.

[25] Halkanii fi guyyaan akka ta'aniif ani Waaqayyo kakuudhaan hin dhaabne yoon ta'e, abboommii waaqnii fi lafti ittiin dhaabatus hin kennine yoon ta'e duwwaa,

[26] sanyii Yaaqoobii fi sanyii Daawit garbicha kootii keessaa sanyii Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobis irratti mo'uun isaa in hafa; ani warra booji'aman deebisee nan fida, isaaniifis nan oo'a” jedhe.

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters