Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:54

[1] Ergasiis Waaqayyo, guuboo ija harbuu baatu lama balbala mana qulqullummaa dura kan kaa'aman anatti in argisiise; kunis bara Nebukadnezaar mootiin Baabilon Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiim mootii Yihudaa, gurguddoota saba Yihudaa, warra sibiila tumanii fi warra hojii harkaa beekan hundumaa Yerusaalem keessaa booji'ee biyya Baabilonitti erge ta'e.

[2] Guuboo isa tokko keessa ija harbuu isa ba'eessa, isa dura bilchaatetu jira ture; isa kaan keessa immoo ija harbuu isa gadhee namni nyaachuu hin dandeenyetu jira ture.

[3] Yommus Waaqayyo anatti dubbatee,“Yaa Ermiyaas, amma maal argita?” naan jedhe; ani immoo deebisee,“Ija harbuu isa ba'eessa, akkasumas immoo ija harbuu isa gadhee namni nyaachuu hin dandeenye nan arga” nan jedhe.

[4] Ammas Waaqayyo anatti dubbatee,

[5] “Ani Waaqayyo gooftaan Israa'el warran biyya Yihudaa keessaa booji'amanii gara biyya Baabilon akka dhaqan godhe kana akkuma ija harbuu isa ba'eessa kanaatti nan ilaala;

[6] ani utuun ija isaan irraa hin buqqifatin isaan eegee gara biyya kanaatti deebisee isaan nan galcha; ani isaan nan ijaara malee isaan hin diigu; isaan nan dhaaba malee isaan hin buqqisu;

[7] ani garaa isaan ittiin ani Waaqayyo akkan ta'e beekan isaaniif nan kenna; garaa guutuudhaan gara kootti in deebi'u; ani Waaqayyo isaaniif nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u” jedhe.

[8] Ammas Waaqayyo itti fufee,“Zedeqiiyaa mootii Yihudaa, gurguddoota biyyaa isaa fi haftee Yerusaalem warra biyyicha keessatti hafan yookiis warra biyya Gibxiitti gad bu'an immoo akkuma ija harbuu isa gadhee isa namni nyaachuu hin dandeenye sanaa nan godha.

[9] Iddoo ani itti isaan bittimsu hundumaatti namoonni akka isaan arrabsan, akka isaanitti mammaakan, akka isaanitti ga'isanii fi akka isaan abaaran nan godha; isaan mootota biyya lafaa irra jiran hundumaa biratti wanta namni ilaalee sodaatu in ta'u.

[10] Biyya isa ani isaaniif, abboota isaaniifis kenne keessaa raawwatanii hamma badanitti billaa, beelaa fi dha'icha isaanitti nan erga” jedhe.

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters