Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:18

[1] Mootiin Gibxii biyya Gaazaa utuu hin rukutin fuula dura dubbiin Waaqayyoo inni waa'ee warra Filisxeemotaaf gara ana Ermiyaas dhufe kanatti fufee jira;

[2] Waaqayyo, “Kunoo! Bishaan biyya gara-bitaatii ol in ka'a guutees manii irra in danbali'a; inni lafa hundumaa fi wanta isa irra jiru hundumaa irra in yaa'a, mandarootaa fi warra achi keessa jiraatan hundumaa irra in lola'a; yommus namoonni in iyyu, sabni biyya sanaa hundinuus in wawwaatu.

[3] Isaan sagalee kottee fardeenii, raafamuu konkolaataa irraa kan ka'e sagalee geengoo isaatii in dhaga'u; sodaatanii harki isaanii waan bushaa'eef, abboonni ijoollee isaanii gargaaruu, mil'ataniis isaan ilaaluu hin dandeenye.

[4] Guyyaan ani Waaqayyo warra Filisxeemotaa hundumaa itti balleessu dhufeera; namni isaan keessaa hafe Xiirosii fi Sidoonin gargaaru tokko illee hin jiru; ani ofuma kootii warra biyya Filiisxiyaa keessaa hafan, warra dur Kaftor biyya bishaan gidduu keessaa dhufan nan balleessa.

[5] Yommus namoonni Gaazaa gaddanii mataa in haaddatu, mandarri Ashqalon immoo in diigamti; isin yaa warra dachaawwan isaanii keessatti haftanii, hamma yoomiitti gadditanii dhagna keessan sukkuumtanii madeessitu ree?

[6] “Isin yommus, “Maaloo yaa billaa Waaqayyoo, ati yoom gab jettaa” Mann'ee keetti deebi'ii calluma jedhii taa'i!” in jettu;

[7] Ani Waaqayyo, billaan koo mandara Ashqalonii fi biyya bishaan gidduu akka rukutuuf ergan abboomee attamitti gab jechuu danda'a ree?” jedhe.

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters