[1] Zedeqiiyaan mootii Yihudaa ta'ee waggaa afuraffaa keessa, waggichattiis ji'a shanaffaatti Hanaaniiyaan raajichi ilmi Azur nama mandara Giibe'on ana Ermiyaasitti in dubbate; inni mana qulqullummaa keessatti iddoo luboonnii fi namoonni hundinuu jiranitti,
[2] “Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el,“Ani humna mootii Baabilon isa akka waanjoo nan cabsa.
[3] Waggaa lama gidduutti mi'a mana qulqullummaa, isa Nebukadnezaar mootiin Baabilon iddoo kanaa baasee biyya Baabilonitti geessee ture hundumaa deebisee as nan fida;
[4] humna mootii Baabilon isa akka waanjoo cabsee, Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi warra isaa wajjin biyya Yihudaa keessaa booji'amanii gara biyya Baabilonitti geeffaman hundumaas as iddoo kanatti nan deebisa; ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhe” jedhe.
[5] Yommus ani Ermiyaas, lubootaa fi namoota mana qulqullummaa keessa dhaabatan hundumaa duratti deebisee Hanaaniyaa raajichaan,
[6] “Ameen! Waaqayyo akka ati jette kana akka godhu nan hawwa; inni isa ati raajii dubbatte kana haa raawwatu! Mi'a mana qulqullummaa, warra booji'aman hundumaas biyya Baabilonii baasee gara iddoo kanaatti haa deebisu!
[7] Haa ta'u iyyuu malee, mee, dubbii ani sitti, namoota kana hundumaattis himu dhaga'i!
[8] Raajonni durii warri ana duraa fi si dura turan biyya baay'ee fi mootummoota gurguddoota irratti lolli, dhukkubni, dha'ichis akka dhufu raajii dubbatanii turan.
[9] Raajiin tokko nagaan akka ta'u yoo dubbate, wanti inni dubbate sun yommuu fiixaan ba'u, Waaqayyo dhugumaan kan isa erge ta'uun isaa in beekama” jedhe.
[10] Kana booddee Hanaaniiyaan raajichi waanjicha morma koo irraa fuudhee cabsee,
[11] namoota hundumaa duratti,“Waaqayyo,“Ani akkasuma humna Nebukadnezaar mootii Baabilon isa akka waanjoo si'achi waggaa lamatti morma saba lafa irraa hundumaa irraa nan cabsa” jedha” jedhee in dubbate; kana irratti ani karaa koo irra bu'ee nan sokke.
[12] Hanaaniiyaan raajichi morma koo irraa waanjicha fuudhee erga cabsee, Waaqayyo ammas ergaa na ergee,
[13] “Dhaqii Hanaaniyaadhaan,“Ati waanjoo mukaa cabsiteetta, waanjoo sibiilaa immoo tolchitee iddoo isaa in buufta” jedha Waaqayyo” jedhiin!
[14] Ani Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el,“Waanjoo sibiilaa morma saba lafa irraa kana hundumaa irra nan kaa'a; isaan Nebukadnezaar mootii Baabiloniif in hojjetu; bineensonni caakkaa keessa jiran illee isaaf akka hojjetan nan godha” jedha.
[15] Ammas ani Ermiyaas Hanaaniyaa raajichaan,“Yaa Hanaaniyaa, mee dhaga'i! Ati, namoonni kun soba akka amananiif isaan wallaalchifta malee, Waaqayyo si hin ergine;
[16] kanaaf Waaqayyo,“Ati akka namoonni didanii ana Waaqayyo irratti ka'aniif waan dubbatteef, kunoo, ani lafa irraa sin balleessa, wagguma kana keessas in duuta” jedhe” nan jedhe.
[17] Hanaaniiyaan raajichi wagguma sana keessa ji'a torbaffaatti in du'e.