[1] Ammas abboommiin, seerranni, wanti qajeelaa ta'es, inni Waaqayyo gooftaan keessan biyya dhaaluudhaaf itti adeemtan keessatti akka hojjettaniif isin barsiisuu na abboome, kanatti aane kan jiruu dha.
[2] Kunis isin guutummaa bara jireenya keessaniitti seerrata isaa fi abboommii isaa warra ani isin, ijoollee keessan, ijoollee ijoollee keessaniis abboomu, eeguudhaaf Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaattaniif, barri keessanis akka isiniif dheeratuuf kan kennamanii dha.
[3] Egaa yaa Israa'el dhaga'i! Gaarii akka siif ta'uuf, akkuma Waaqayyo inni kan abboota keetii si abdachiisettis biyya aannanii fi damma baasu sana keessatti guddaa baay'achaa akka adeemtuuf wanta kana of eeggadhuu hojjedhu!
[4] Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!
[5] Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu!
[6] Dubbiin ani har'a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa'u!
[7] Isas keessa deddeebi'ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa'ee isaa dubbadhu!
[8] Ati akka milikkitaatti harka kee irratti isa hidhadhu! Ija kee durattis kan rarra'u haa ta'u!
[9] Michichila balbala mana keetii fi karra keetii irratti isa caafi!
[10] Waaqayyo gooftaan kee biyya, mandaroota gurguddaa fi gaggaarii warra ati hin ijaarin siif kennuudhaaf abboota kee Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate kanatti yeroo si galchu,
[11] manneen mi'a gaggaarii ati itti hin guutiniin guutaman, boolla bishaanii warra ati ofii hin qotin, iddoo dhaabaa waynii fi mukkeetii ejersaa warra ati ofii hin dhaabin yeroo argattu, nyaattees yeroo quuftu,
[12] Waaqayyoon isa biyya Gibxii, mana garbummaa keessaa si baase sana akka hin irraanfannetti of eeggadhu!
[13] Ati Waaqayyoon gooftaa kee sodaadhu, isaafis hojjedhu, maqaa isaatiinis kakadhu!
[14] Ati waaqayyolii biraa, waaqayyolii saba warra naannoo kee jiranii, hin waaqessin!
[15] Waaqayyo gooftaan kee inni si gidduu jiru, Waaqayyo hinaafaa waan ta'eef, dheekkamsi Waaqayyo gooftaa keetii si irratti akka hin bobaanetti, inni irra lafaa irraa akka si hin balleessinetti of eeggadhu!
[16] Waaqayyoon gooftaa kee kanaan dura Maasaatti akka qorte isa hin qorin!
[17] Ati abboommota, wanta isaaf dhugaa ba'aniif, seerrata Waaqayyo gooftaa keetii warra inni si abboome cimsii eegi!
[18] Gaarii akka siif ta'utti, biyya Waaqayyo abboota keetiif kennuudhaaf kakate sanattis galtee qabeenya kee akka isa godhattuuf, ati wanta qajeelaadhaa fi Waaqayyo duratti gaarii ta'e godhi!
[19] Waaqayyo akkuma jedhe diinota kee hundumaa si duraa ari'ee in baasa.
[20] Gara fuula duraattis ilmi kee,“Wanti isaaf dhugaa ba'u, seerranni, wanti qajeelaa ta'es inni Waaqayyo gooftaan keenya si abboome kun maal fa'i?” jedhee yoo si gaafate,
[21] ati immoo ilma keetiin,“Nuyi biyya Gibxiitti garboota mootii biyya sanaa turre; Waaqayyo garuu irree jabaadhaan biyya Gibxii nu baase;
[22] Waaqayyo milikkita, dinqii gurguddaadhaa fi sodaachisaa biyya Gibxii irratti, mootii Gibxii irratti warra mana isaa keessa jiraatan irrattis fidee ija keenya duratti argisiise.
[23] Inni biyya isa abboota keenyaaf kennuudhaaf kakuudhaan abdachiise sana nuuf kennee, itti nu galchuudhaaf achi keessaa nu baase.
[24] Waaqayyo egaa yeroo hundumaa gaarii akka nuuf ta'uuf, innis akkuma har'aa kana jireenyatti akka nu eeguuf, nuyi Waaqayyoon gooftaa keenya akka sodaannutti, seerrata isaa kana hundumaa eeguu nu abboome.
[25] Nuyis akkuma inni nu abboometti, Waaqayyo gooftaa keenya duratti abboommii isaa kana hundumaa gochuudhaaf yoo of eegganne, qajeelummaatti nuuf in lakkaa'ama” in jetta.