Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:58

[1] Lewwoonni warri luboonni kana jechuunis guutummaan gosa Lewwii aarsaa gubamu isa akka qooda Waaqayyootti dhi'aatu sana haa nyaatan malee, gosa Israa'el warra kaanii wajjin qooda yookiis dhaala hin hirmatin!

[2] Akkuma Waaqayyo isaan abdachiisetti inni ofii isaatii dhaala isaanii ti; kanaaf isaan obboloota isaanii gidduudhaa dhaala hin qaban.

[3] Namoonni warri korma yookiis hoolaa aarsaa dhi'eessan, harka, mangaagaa lamaan, mi'a garaas lubaaf haa kennan! Kun qooda lubni saba irraa argatu haa ta'u!

[4] Ija midhaan keetii keessaa, kan waynii keetii keessaa, dhadhaa ejersaa kee keessaas isa duraa, rifeensa hoolaa keetii keessaas isa duraa isaaniif in kennita.

[5] Waaqayyo gooftaan kee gosa kee hundumaa keessaa Lewwiinii fi ijoolleen isaa bara hundumaa dhaabatanii maqaa isaatiin akka hojjetaniif isaan fo'ate.

[6] Namni Lewwii mandaroota guutummaa Israa'el keessaa isa tokko keessa jiraatu garaa isaa hundumaan hawwee, ba'ee gara iddoo isa Waaqayyo fo'atu sana yoo dhufe,

[7] inni akkuma Lewwoota obboloota isaa warra Waaqayyoof hojjechuudhaaf achi isa dura dhaabatanii, maqaa Waaqayyo gooftaa isaatiin hojjechuu in danda'a.

[8] Inni dhaala abbaa isaatii isa gurgurame keessaa isa argatu irratti iyyuu, nyaata warra kaanii wajjin wal qixxee haa hirmatu!

[9] Isin biyya Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kennutti yeroo galtan, wanta ciiggaasisaa sabni warri sun amala godhatan duukaa bu'uu hin barinaa!

[10] Namni ilma isaa yookiis intala isaa aarsaa gubamuuf dhi'eessu, namni hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin!

[11] Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra du'an waamu si keessatti hin argamin!

[12] Eenyu illee kana yoo godhe Waaqayyo duratti ciigga'amaa in ta'a; sababii hojii ciigga'amaa akkasiitiif Waaqayyo gooftaan kee saba warra kaan oofee fuula kee duraa in baasa.

[13] Kanaaf ati Waaqayyo gooftaa kee duratti mudaa kan hin qabne ta'i!

[14] Sabni warri isin achii baasuuf jettan, wanta warri duumessa ilaalanii ayyaana hedanii fi warri hooda dubbatan jedhan in dhaga'u; garuu Waaqayyo gooftaan keessan isin akkas akka hin gooneef isin dhowweera.

[15] Waaqayyo gooftaan keessan isin gidduudhaa, obboloota keessan keessaa, raajii akka kootii isiniif in kaasa; isin isaaf dhaga'aa!

[16] Kun hundinuu akka fedha keessanii isa isin guyyaa wal ga'ii sana tulluu Siinaatti,“Nuyi akka hin dhumnetti, deebinee sagalee Waaqayyo gooftaa keenyaa akka hin dhageenye, ibidda guddaa kanas deebinee akka hin argine nuuf godhi!” jettanii Waaqayyoon gooftaa keessan kadhattanii dha.

[17] Gaafas Waaqayyo anatti in dubbate; inni,“Wanti isaan dubbatan kun ba'eessa.

[18] Ani raajii akka keetii obboloota isaanii keessaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaa'a, inni immoo wanta ani isa abboome hundumaa isaanitti in hima.

[19] Egaa eenyu illee dubbii koo isa inni maqaa kootiin dubbatu kana dhaga'uu yoo dide, gatii isaa in argata.

[20] Raajiin utuu ani dubbachuudhaaf isa hin abboomin dubbii tokko maqaa kootiin waan dubbatu kan fakkeessu yookiis maqaa waaqayyolii warra kaaniitiin kan dubbatu haa ajjeefamu!” jedhe.

[21] Isin immoo garaa keessanitti,“Dubbii isa Waaqayyo hin dubbatin sana attamitti beekuu dandeenya?” yoo jettan,

[22] raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin erga dubbatee booddee, dubbichi yoo raawwatamuu yookiis dhugaa ta'uu dhabaate, dubbichi isa Waaqayyo hin dubbatinii dha; raajichi kana ta'innaadhaan waan dubbateef isa hin sodaatinaa!

Seera Keessa Deebii — Chapters