Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:43

[1] Ergasii Museen dachaa Mo'aabii gara tulluu Neboo gara gubbee Phiisgaa isa fuullee Yerikootti ol in ba'e; achitti Waaqayyo biyya sana hundumaa, Giil'aadii hamma Daanitti,

[2] biyya Niftaalem hundumaa, biyya Efreemii fi kan Minaasee, biyya Yihudaa hundumaa hamma galaana isa gara lixa-biiftuu jiruutti,

[3] gara mirgaas, biyya dachaa Yerikoo jiru hundumaa, mandara muka meexxiitii hamma Zo'aaritti in argisiise.

[4] Waaqayyo yommus Museedhaan,“Isa kana biyyi ani Abrahaamin, Yisihaqin, Yaaqoobinis,“Ani sanyii keessaniif nan kenna” jedhee kakuudhaan abdachiise; ati isa ija keetiin argiteetta, garuu ati achi hin ceetu!” jedhe.

[5] Kana booddee Museen garbichi Waaqayyoo akkuma Waaqayyo jedhee ture sana biyya Mo'aabitti in du'e.

[6] Waaqayyo dachaa biyya Mo'aabitti fuullee Bet-Phe'oritti isa in awwaale; haa ta'u iyyuu malee, hamma har'aatti iyyuu namni iddoo awwaala isaa beeku hin jiru.

[7] Museen yommuu du'e sana nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ture; iji isaa hin dimimmifne, humni isaas irraa hin hir'anne.

[8] Israa'eloonni dachaa Mo'aabitti guyyaa soddoma Museedhaaf in gaddan, kana booddee yeroon boo'ichaa fi gaddaa in raawwatame.

[9] Iyaasuu ilmi Nun yeroo sanatti Museen harka isaa waan isa irra kaa'eef hafuurri ogummaa isa keessa guutee ture; Israa'eloonni isaaf dhaga'anii waan Waaqayyo karaa Musee abboomee tures in godhan.

[10] Ergasii raajiin Waaqayyo fuula fuulaan beeke, kan akka Musee takkaa Israa'el keessatti hin kaane.

[11] Raajiin milikkitaa fi dinqii hundumaa biyya Gibxiitti, Fara'oon irratti, hojjetoota isaa hundumaa irratti, biyya isaa hundumaa irrattis akka hojjetuuf Waaqayyo erge,

[12] humna guddaa fi gocha sodaachisaa isa Museen guutummaa Israa'el duratti argisiise kana hundumaas kan godhe hin kaane.

Seera Keessa Deebii — Chapters