[1] Waaqayyo gooftaa kee duratti ciigga'amaa waan ta'eef, ati korma yookiis korbeessa mudaa yookiis karaa tokkoon illee hir'ina qabu Waaqayyo gooftaa keetiif aarsaa hin dhi'eessin!
[2] Dhiirri yookiis dubartiin si gidduudhaa, mandaroota Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessaa kakuu cabsuudhaan, ija Waaqayyo gooftaa keetii duratti hamaa hojjetu yoo argame,
[3] abboommii koo didee waaqayyolii kan biraaf yoo hojjete, yoo isaaniif sagades aduudhaaf yookiis ji'aaf yookiis macca waaqa keessaa tokkoof iyyuu yoo sagade,
[4] dubbiin kunis yoo sitti himame, ba'eessa godhii qori, wanti ciiggaasisaan kun Israa'el keessatti ta'uun isaa dhugaa yoo ta'e,
[5] dhiira yookiis dubartii nama wanta hamaa kana hojjete, gara karra mandarichaatti geessiitii dhagaadhaan rukutii ajjeesi!
[6] Inni ajjeefamu sun namni lama yookiis namni sadii yoo isa irratti dhugaa ba'an ajjeefama malee, dhugaa ba'uu nama tokkootiin hin ajjeefamu.
[7] Isa ajjeesuudhaaf immoo harka warra dhuga-baatotaatu dura dhagaa itti darbata, kana booddee immoo harka namoota hundumaatu itti darbata; akkasitti hamaa of gidduudhaa in balleessitu.
[8] Dubbiin dhiiga dhangalaasuu, waa'een qabeenya namaa, waa'een rukutanii nama miidhuu si gidduutti ka'ee yaa'ii karra mandaraatti yommuu dhi'aatu, ati immoo murtoo itti kennuu yeroo dadhabdu, iddoo Waaqayyo gooftaan kee fo'atutti geessi!
[9] Lewwoota warra lubootaa fi abbaa firdii warra yeroo sana firdii kennuudhaaf hojii irra jiran bira dhaqiitii isaan gaafadhu! Yommus isaan firdicha sitti in himu.
[10] Atis waan isaan iddoo Waaqayyo fo'atu sanatti sitti himan godhi! Waan isaan jedhan hundumaas ba'eessa godhii eegi!
[11] Akka seera isaan si barsiisanii fi murtoo isaan kennaniitti hojjedhu malee, isa irraa gara mirgaatti, gara bitaattis hin jal'atin!
[12] Namni tokko luba yookiis abbaa firdii isa Waaqayyo gooftaa keef hojjechuudhaaf achi dhaabatuuf dhaga'uu didee yoo tuffate haa ajjeefamu! Ati Israa'el keessaa wanta hamaa balleessi!
[13] Jarri hundinuus kana in dhaga'u, in sodaatu, deebi'anii tuffachuu irraas of in eeggatu.
[14] Biyya Waaqayyo gooftaan kee siif kennutti galtee laficha qabattee isa keessa erga teessee booddee,“Akka saba naannoo koo jiran hundumaa mootii of irratti nan moosifadha” in jetta ta'a;
[15] obboloota kee keessaa mootii isa Waaqayyo gooftaan kee fo'atu of irratti moosisi malee, nama ormaa isa obboleessa kee hin ta'in of irratti hin moosisin!
[16] Mootichis fardeen hin baay'ifatin! Waaqayyo,“Karaa kanaan lammaffaa hin deebi'inaa” erga jedhee, akka namoonni biyya Gibxii dhaqanii fardeen baay'ifatanis hin godhin!
[17] Yaadni isaa karaa irraa akka hin jal'annetti, dubartoota hin baay'ifatin, meetii fi warqee baay'ee hin tuullatin!
[18] Mootichi moosifamee teessoo irra yommuu taa'u, macaafa seeraa isa Lewwoota warra luboota bira jiru irraa waraqata maramu irratti haa caafsifatu!
[19] Kun Waaqayyoon gooftaa isaa sodaachuu akka inni ittiin baruuf dubbii seera kanaa fi seerrata kanaa hundumaa akka ittiin eeguuf isa bira haa taa'u! Inni bara jireenya isaa hundumaatti isa haa dubbisu!
[20] Inni garaa isaa keessatti innii fi sanyiin isaa Israa'el irratti bara dheeraa akka mo'aniif, obboloota isaa gara irraatti of lakkaa'ee, abboommicha irraas gara mirgaatti yookiis gara bitaatti akka hin jal'annetti isa haa dubbisu!