Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:39

[1] Biyya Waaqayyo gooftaan kee akka ati qabattuuf siif kennu keessatti namni tokko ajjeefamee reeffi isaa bakkeetti yoo argame, namni isa ajjeeses yoo wallaalame,

[2] maanguddoonnii keessanii fi abboonni firdii keessan gad ba'anii, fageenya iddoo reeffi namichaa itti argamee fi mandaroota naanna'aa sanaa gidduu jiru haa safaran!

[3] Maanguddoonni mandara isa iddoo reeffi namichaa jirutti caalaa dhi'aatu keessaa dhufan goromsa hin qabamin, waanjoonis kan irra hin ga'in fuudhanii,

[4] dachaa bishaan yaa'u qabu isa lafti isaa utuu hin qotamin, midhaanis utuu itti hin facaafamin hafetti gad geessanii dachicha keessatti saggoo haa kutan!

[5] Sanyiin Lewwootaa warri luboonni warri Waaqayyo gooftaan kee akka isaaf hojjetanii fi maqaa isaatiin akka eebbisaniif, wal diduun yookiis wal rukutuun hundinuu dubbii afaan isaaniitiin murtoo akka argatuuf isaan fo'ate gara fuula duraatti haa dhi'aatan!

[6] Maanguddoonni mandara iddoo reeffi namicha isa ajjeefamee itti argame sanaatti dhi'oo jiran hundinuu goromsa dachaa keessatti saggoon ishee kutame sana irratti harka isaanii haa dhiqatan!

[7] Isaan harka isaanii yommuu dhiqatan,“Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaafne, iji keenyas nama isa dhangalaase hin argine.

[8] Yaa Waaqayyo, Israa'el saba kee isa furtetti araara argisiisi, dhiiga nama balleessaa hin qabnee kana Israa'el saba keetti hin lakkaa'in!” in jedhu; akkasitti dhiiga isa dhangala'eef dhiifamuun isaaniif in ta'a.

[9] Wanta ija Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e yoo gootan, yakka isa dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuudhaan ta'u of gidduudhaa in balleessitu.

[10] Ati diinota keetti yommuu duultu, Waaqayyo gooftaan kees harka kee keessa isaan buusee yommuu isaan boojitu,

[11] warra boojite sana keessaa dubartii miidhagduu tokko argitee, ishee fuudhuu yoo feete,

[12] gara mana keetti ishee galchi! Isheen mataa ishee haa haaddattu, qeensa ishees haa qorattu!

[13] Uffata isa yeroo booji'amte uffattu sana ofittii baaftee mana kee teessee abbaa isheetii fi haadha isheetii ji'a tokko guutuu haa gadditu! Kana booddees ishee bira ga'ii abbaa manaa isheedhaaf ta'i! Isheenis haadha manaa siif haa taatu!

[14] Isheen yoo sitti toluu didde immoo iddoo barbaadde haa dhaqxu gad ishee dhiisi malee, sababii ishee yeellaasifteef akka garbittiitti lakkooftee ishee hin gurguratin!

[15] Namni tokko haadha manaa lama qabaatee, ishee tokko jaallatee, ishee kaan immoo yoo jaallachuu dhabaate, lachuun isaanii, isheen inni jaallatu, isheen inni hin jaallannes ijoollee godhataniifii, ilmi inni angafni immoo kan ishee inni hin jaallannee yoo ta'e,

[16] namichi sun gaafa ilmaan isaatiif dhaala hiru, angafummaa ilma isaa isa kan haadha manaa isaa ishee inni hin jaallanne sanaa ilma isaa isa kan ishee jaallatutti hin dabarsin!

[17] Inni ilma isa kan ishee hin jaallannee sanaaf qabeenya isaa hundumaa keessaa harka lama kennuudhaan angafummaa isaa haa beeksisuuf! Inni humna isaa isa jalqabaa waan ta'eef angafummaan kan isaa haa ta'u!

[18] Namni tokko ilma mata-jabeessaa fi didaa, abbaan isaa fi haati isaa utuma adabanii isaaniif kan hin dhageenye yoo qabaate,

[19] abbaan isaa fi haati isaa isa qabatanii gara karra dallaa mandara inni keessa jiraatutti geessanii maanguddoota mandara isaatti haa dhi'eessan!

[20] Isaan maanguddoota mandara isaatiin,“Ilmi keenya kun mata-jabeessaa fi didaa dha, nuuf hin abboomamu, albaadhessa, machaa'aa dhas” haa jedhan!

[21] Kana booddee namoonni mandarichaa hundinuu dhagaadhaan rukutanii isa haa ajjeesan! Akkasitti hamaa hundumaa of gidduudhaa balleessaa! Warri Israa'el hundinuus waa'ee kanaa in dhaga'u, in sodaatus.

[22] Namni tokko cubbuu du'a itti farachiisu waan hojjeteef ajjeefamee mukatti yoo rarraafame,

[23] guyyaadhuma sana haa awwaalamu malee, reeffi isaa mukicha irra hin bulin! Namni mukatti rarraafame Waaqayyo duratti abaaramaa dha; biyya Waaqayyo gooftaan kee akka dhaaltuuf siif kennu hin xureessin!

Seera Keessa Deebii — Chapters