Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:46

[1] Namni tumamee sangoome yookiis namni saalli isaa murame waldaa Waaqayyootti hin lixin!

[2] Namni abbaa hin beekaminiif dhalatu waldaa Waaqayyootti hin lixin! Sanyii isaa keessaas hamma dhaloota kudhaniitti waldaa Waaqayyootti hin lixin!

[3] Amoononni yookiis Mo'aabonni, sanyii isaanii keessaas namni tokko illee hamma dhaloota kudhaniitti iyyuu waldaa Waaqayyootti hin lixin!

[4] Isaan yommuu ati biyya Gibxii baatee dhufte Bala'aam ilma Be'or akka si abaaruuf Phetor mandara Mesophotaamiyaa keessaa sitti bitan malee, buddeenaa fi bishaaniin karaatti sitti hin adeemne.

[5] Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo gooftaan kee sababii si jaallateef Bala'aamiif hin dhageenye; Waaqayyo gooftaan kee abaarsicha eebbatti siif geddare.

[6] Bara jireenya kee hundumaatti isaan nagaa akka qabaatan, isaanitti tolees akka jiraatan hin barbaadin!

[7] Edoom obboleessa kee waan ta'eef nama Edoom hin tuffatin! Ati biyya isaa keessatti galaa waan turteef nama Gibxii hin tuffatin!

[8] Sanyiin isaanii dhaloota sadaffaa booddee waldaa Waaqayyootti dabalamuu in danda'u.

[9] Yommuu diina kee loluudhaaf kaatee iddoo tokko buufattu, wanta hamaa hundumaa irraa of eeggadhu!

[10] Isin keessaa namni tokko halkan dingata ofitti abju'atee yoo of xureesse, iddoo buufataa keessaa gara alaatti haa ba'u malee, gara keessaatti ol hin dhufin!

[11] Haa ta'u iyyuu malee, gara galgalaa bishaaniin dhiqatee aduun yommuu lixxu gara iddoo buufataa sana keessatti deebi'uu in danda'a.

[12] Lafa itti bakkee ba'an iddoo buufataa duubatti qopheeffadhuutii achi dhaqi!

[13] Mi'a kee wajjin wanta qara qabu kan ittiin lafa haatee keessatti bakkee baatee ittiin biyyoo itti deebisuu dandeessu fudhadhu!

[14] Waaqayyo gooftaan kee si oolchuudhaaf, diinota kee harka keetti dabarsee kennuudhaafis iddoo buufata kee keessa in deddeebi'a; egaa akka inni wanta yeellaasisaa isin gidduutti argee isin irraa hin deebinetti iddoon buufata kee qulqullaa'aa haa ta'u!

[15] Garbichi tokko gooftaa isaa duraa sitti yoo baqate, qabdee gooftaa isaatti hin kennin!

[16] Inni mandaroota kee keessaa lafa jaallate tokko fo'atee isin gidduu haa taa'u! Ati immoo isa hin cunqursin!

[17] Dubartoota yookiis dhiirota Israa'el keessaa galma keessatti ejjaaf kan qophaa'ee taa'u hin argamin!

[18] Waaqayyo gooftaan kee horii ejjaan argamee fi gatii saree in ciigga'a; kanaafis wareega kamiif iyyuu taanaan lachuu isaa mana Waaqayyo gooftaa keetti hin galchin!

[19] Obboleessa keetti hiiqii hin kennatin! Meetii yookiis midhaan, waan hiiqiitti kennamu hundumaa hiiqii isatti hin kennatin!

[20] Ormatti hiiqii kennadhu malee, Waaqayyo gooftaan kee biyya ati qabachuudhaaf jirtu keessatti waan hojjettu hundumaatti akka si eebbisuuf obboleessa keetti hiiqii hin kennatin!

[21] Waaqayyo gooftaa keetiif wareega yoo wareegde, utuu of irraa hin baasin hin turin! Kanaa achi Waaqayyo gooftaan kee isa waan si irraa barbaaduuf cubbuu sitti in ta'a.

[22] Yoo wareeguu dhabaatte garuu cubbuu sitti hin ta'u.

[23] Wanta jaalala keetiin Waaqayyo gooftaa keetiif kennuudhaaf afaan keetiin wareegde, jaalala keetiin waan ta'eef, isa afaan keetiin wareegde kana eegii of irraa baasi!

[24] Iddoo dhaabaa waynii ollaa keetti yoo lixxe, qodaa kee keessa ija tokko illee hin buusin malee, yoo barbaadde hamma quuftutti nyaachuu in dandeessa.

[25] Midhaan ollaa keetii isa maasii keessa jirutti yommuu lixxu, haammachuudhaaf haamtuu itti hin buusin malee, harka keetiin asheetii isaa cirachuu in dandeessa.

Seera Keessa Deebii — Chapters