Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:43

[1] Kanaaf ati Waaqayyo gooftaa kee jaalladhu, wanta inni si irraa barbaadu, seerrata isaa, wanta qajeelaa ta'e, abboommii isaas yeroo hundumaa eegi!

[2] Ani ijoollee kee warra adaba Waaqayyo gooftaa keetii, guddina isaa, harka isaa isa jabaa, irree isaa isa cimaa hin beeknetti yookiis hin arginettan dubbadha utuu hin ta'in, sitti akkan dubbadhu ati har'a beeki!

[3] Milikkitaa fi hojii isaa isa inni biyya Gibxii keessatti Fara'oon mootii Gibxii fi biyya isaa hundumaa irrattis godhe,

[4] wanta inni yommuu isaan si ari'uuf si duukaa bu'an loltuu warra Gibxii, fardeen isaanii fi konkolaattota isaanii godhe, akka inni bishaan galaana diimaa isaan irra gara galche, akka Waaqayyo raawwatee isaan balleesses beeki!

[5] Hamma gaafa ati iddoo kana dhuftetti wanta inni lafa onaatti siif godhe,

[6] gosa Ruuben keessaa Daataanii fi Abiiram ilmaan Eliiyaab wanta inni godhe, Israa'el hundumaa gidduutti lafti afaan isaa banee, maatii isaanii fi dunkaana isaanii, wanta isaan qaban horii isaanii hundumaa wajjin akka isaan liqimse hubadhu!

[7] Hojii guddaa Waaqayyo hojjete kana hundumaa iji kee argeera.

[8] Ammas akka jabaattee ceetee biyyicha qabattuuf abboommii ani har'a si abboomu kana hundumaa eegi!

[9] Biyya Waaqayyo abboota kee fi sanyii isaaniitiif kennuudhaaf kakate, biyya aannanii fi damma baasu sana keessa bara dheeraa in jiraatta.

[10] Biyyi ati itti galtee, qabachuudhaaf jirtu kun akka biyya Gibxii isa ati keessaa baatee dhufte, isa yeroo sanyii facaafattu akka nama biqiltuu guddisuutti miillaan deddeebitee bishaan itti jal'iftee obaafattu sanaa miti.

[11] Biyyi ati qabachuudhaaf itti lixuuf adeemaa jirtu, biyya gaaraa fi dachaa qabu, biyya waaqa irraa bokkaa argatuu dhas.

[12] Biyyichi biyya Waaqayyo gooftaan kee ilaaluu dha; iji Waaqayyo gooftaa keetii jalqaba waggaatii hamma dhuma waggaatti yeroo hundumaa isa in to'ata.

[13] Ati abboommii ani har'a si abboomu kana jabeessitee yoo eegde, Waaqayyoon gooftaa kee yoo jaallatte, garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis yoo isaaf hojjette,

[14] inni immoo lafa kee irratti yeroo yeroo isaatti bokkaa in roobsa, ati midhaan kee fi waynii kee, dhadhaa ejersaa kees akka galfattutti, bokkaa arfaasaa fi bokkaa birraa siif in roobsa.

[15] Inni bakkeedhaa horii keetiif marga in kenna; atis in nyaatta in quuftas.

[16] Garaan kee akka hin gowwoomne, gara galtees waaqayyolii biraatiif akka hin hojjenne, akka hin saganneefittis of eeggadhu!

[17] Kanaa achi dheekkamsi Waaqayyoo si irratti in boba'a; bokkaan akka hin roobnetti inni bantii waaqaa in cufa, laftis midhaan hin kennu; yommus ati biyya gaarii isa Waaqayyo siif kennu irraa daftee in badda.

[18] Kanaafis dubbii koo kana garaa kee keessa, yaada kee keessas kaa'adhu, milikkitaaf akka siif ta'uttis harka keetti hidhadhu, akka seenaattis ija kee lamaan gidduutti rarraafadhu!

[19] Mana kee keessa yommuu teessu, karaa irra yommuu adeemtu, yommuu ciiftu, yommuu kaatus waa'ee isaanii dubbadhu, ijoollee kees ittiin barsiisi!

[20] Michichila balbala mana keetii fi karra kee irratti isaan caafi!

[21] Yommus barri kee fi barri ijoollee kee biyya Waaqayyo abboota keef kennuudhaaf kakate keessatti hamma bantiiwwan waaqaa lafa gara irraa jiranitti in dheerata.

[22] Abboommii ani har'a si abboomu kana hundumaa cimsitee yoo eegde, Waaqayyo gooftaa kees yoo jaallatte, karaa isaa hundumaa irra yoo adeemte, isatti yoo maxxante,

[23] Waaqayyo immoo saba kana hundumaa si duraa in kaasa; ati immoo saba si caalaa guddaadhaa fi humna-qabeessa in dhaalta.

[24] Iddoon faanni miilla kee irra ejjetu hundinuu kan kee in ta'a; daariin lafa keetiis lafa onaadhaa ka'ee hamma Liibaanonitti, laga Efraaxiisii ka'ee immoo hamma galaana isa guddaa gara lixa-biiftuu jiruutti in adeema.

[25] Waaqayyo gooftaan kee akkuma si abdachiise naasisuu kee fi sodaachisuu kee biyya miilli kee keessa ejjete hundumaa irra in buusa, namni si dura dhaabachuu danda'us hin jiru.

[26] Ilaa! Ani har'a eebbaa fi abaarsa si dura nan kaa'a.

[27] Abboommii Waaqayyo gooftaa keetii isa ani har'a si abboomu kana yoo eegde, kun eebba siif ta'a;

[28] abboommii Waaqayyo gooftaa keetii yoo eeguu dhabaatte, karaa isaa isa ani har'a si abboomu kana irraas yoo jal'atte, waaqayyolii biraa warra dur hin beekne duukaas yoo buute, kun abaarsa sitti ta'a.

[29] Yommuu Waaqayyo gooftaan kee biyya ati dhaqxee qabachuuf jirtutti si galchu, tulluu Geriiziim irraa eebba, tulluu Ebaal irraa abaarsa in labsita.

[30] Tulloonni kun Yordaanos gama, biyya Kana'aanotaa isa karaa gara lixa-biiftuutiin Arabaayi keessa fuullee mandara Giilgal, qilxuu Mooree bukkee jiru keessatti argamu mitii ree”

[31] Ati biyya Waaqayyo gooftaan kee siif kennu dhaqxee qabachuudhaaf laga Yordaanos ce'uuf jetta; biyyicha fudhattee yommuu isa keessa jiraattu,

[32] seerrataa fi wanta qajeelaa ta'e isa ani har'a si dura kaa'u kana hundumaa akka eegduuf of eeggadhu!

Seera Keessa Deebii — Chapters