Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:42

[1] Waaqayyo gooftaan kee saba lafa irraa warra inni ofii isaatii biyya isaanii siif kennu yommuu balleessu, ati immoo biyyicha isaan irraa fudhattee, mandaroota isaanii fi manneetii isaanii keessa yommuu teessu,

[2] biyya Waaqayyo gooftaan kee akka ati qabattuuf siif kennu keessaa mandaroota kutaa kutaa biyyichaa gidduu jiran sadii addaan baasi!

[3] Namni nama ajjeese tokko achitti akka kooluu galuuf, biyya Waaqayyo gooftaan kee akka ati dhaaltuuf siif kennutti karaa baasisiitii biyyicha iddoo sadiitti hiri!

[4] Seerri namni utuu hin beekin yookiis haaloo utuu irraa hin qabaatin nama tokko yommuu ajjeesu baqatee ittiin du'a ooluu danda'u kanatti fufee jira.

[5] Namni tokko muka muruudhaaf namaa wajjin caakkaa lixee, muka muruudhaaf qottoo yommuu ol fudhatu qottichi mukattii buqqa'ee namicha isaa wajjin dhaqe rukutee yoo ajjeese, inni ajjeese sun mandaroota sana keessaa gara isa tokkootti kooluu haa galu!

[6] Kanaa achi mandarri kooluu itti galan sun irraa fagoo yoo ta'e, inni duraan namicha irraa haaloo utuu hin qabaatin waan ajjeeseef, du'uun kan isa irra hin jirre yoo ta'e iyyuu, utuu inni achi hin ga'in inni gumaa baafachuudhaaf barbaadu sun yommuu garaan isaa aaru duukaa bu'ee qaqqabee isa in ajjeesa ta'a;

[7] kanaafan,“Mandaroota sadii addaan baasi!” jedhee si abboome.

[8] Waaqayyo gooftaan kee biyya isa,“Isiniifan kenna” jedhee abboota kee kakuudhaan abdachiise hundumaa siif kennee daarii biyya keetii yoo siif bal'ise,

[9] ati abboommii isa inni har'a si abboomu kana hundumaa yoo eegde, Waaqayyoon gooftaa kees yoo jaallatte, guyyaa hundumaas karaa isaa irra yoo adeemte, mandaroota dur addaan baafte sanatti mandaroota kan biraa sadii dabaltee addaan in baafta.

[10] Biyya Waaqayyo gooftaan kee dhaalaaf siif kennu keessatti dhiigni nama balleessaa hin qabnee akka hin dhangalaanetti, dhiigni dhangala'u kunis si irraa akka hin barbaadamnetti kana godhi!

[11] Garuu namni tokko nama haaloo irraa qabu tokko riphee eeggatee, rukutee ajjeesee mandaroota sana keessaa isa tokkotti yoo baqate,

[12] maanguddoonni mandara isaatii erganii isa fichisiisanii akka inni du'uuf dabarsanii harka isa gumaa baafachuudhaaf barbaaduu sanatti haa kennan!

[13] Garaan kee isaaf hin oo'in! Israa'el keessatti dhiigni nama balleessaa hin qabnee akka hin dhangalaane in goota, gaariis siif in ta'a.

[14] Biyya Waaqayyo gooftaan kee akka ati qabattee dhaaltuuf siif kennu keessatti dhagaa daarii ollaa keetii isa warri si dura turan dhaabaniif duraa hin buqqisin!

[15] “Namni tokko in yakke yookiis cubbuu hojjete” jedhamee yoo hammeeffame, afaan dhuga-baatota lamaa yookiis sadiitiin malee afaan nama tokkootiin itti hin ragga'u.

[16] Namni sobaan dhugaa ba'u tokko ka'ee nama tokko sobaan yoo hadheesse,

[17] jarri wal hammeessan sun lamaan fuula Waaqayyoo, fuula lubootaa fi abboota firdii bara sanaa duratti haa dhi'aatan!

[18] Abboonni firdiis ba'eessa godhanii dubbicha haa qoran! Egaa namichi sobaan dhugaa ba'u sun obboleessa isaa irratti sobaan dhugaa ba'uun isaa yoo hubatame,

[19] wanta inni obboleessa isaa irratti hojjechiisuuf yaade sana isa irratti raawwadhu! Isin akkasitti hamaa of gidduudhaa balleessaa!

[20] Namoonni warri hafan kana in dhaga'u, in sodaatu, deebi'aniis wanta hamaa akkasii hin hojjetan.

[21] Qooda lubbuu lubbuun, qooda ilkaanii ilkaan, qooda harkaa harki, qooda miillaa miilli ijaa haa baafamu malee hin oo'iniif!

Seera Keessa Deebii — Chapters