[1] Yommus Museen maanguddoota Israa'elii wajjin jaratti in dubbate; inni isaaniin,“Abboommii ani har'a isin abboomu kana hundumaa eegaa!
[2] Yeroo Yordaanosin ceetanii biyya Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kennutti galtan, dhagoota gurguddoota dhadhaabaatii nooraa dibaa!
[3] Dubbii seera kanaa hundumaa biyya Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kennu, biyya aannanii fi damma baasu isa Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii isin abdachiise sanatti yeroo galtan, dhagoota sana irratti caafaa!
[4] Yordaanosin yommuu ceetan, akka ani har'a isin abboometti dhagoota kana tulluu Ebaal irra dhadhaabaatii nooraa dibaa!
[5] Achittis Waaqayyo gooftaa keessaniif dhagaadhaan iddoo aarsaa ijaaraa! Dhagichas mi'a sibiila irraa hojjetameen sooftanii hin ijaarinaa!
[6] Waaqayyo gooftaa keessaniif dhagaa hin soofaminiin iddoo aarsaa ijaaraatii achi irratti aarsaa gubamu Waaqayyo gooftaa keessaniif dhi'eessaa!
[7] Achitti qalma araaraa dhi'eessaatii Waaqayyo gooftaa keessan duratti nyaadhaa gammadaa!
[8] Dhagoota kana irrattis dubbii seera kanaa hundumaa mul'isaa caafaa!” jedhe.
[9] Ergasii Museen Lewwoota warra lubootaa wajjin guutummaa Israa'eliin,“Cal jedhaa dhaggeeffadhaa, isin yaa warra Israa'el! Har'a isin saba Waaqayyo gooftaa keessanii taataniittu;
[10] kanaaf sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga'aa! Abboommii isaa fi seerrata isaa isa ani har'a isiniif kennu eegaa!” jedhe.
[11] Guyyaadhuma sana Museen saba ajajee,
[12] “Yordaanosin yeroo ceetan gosi Shimi'oon, gosi Lewwii, gosi Yihudaa, gosi Yisaakor, gosi Yoseefii fi Benyaamiin tulluu Geriiziim irra dhaabatanii saba haa eebbisan!
[13] Gosi Ruuben, gosi Gaadi, gosi Asheer, gosi Zebuloon, gosi Daanii fi Niftaalem immoo tulluu Ebaal irra dhaabatanii haa abaaran!” jedhe.
[14] Warri Lewwootaas sagalee isaanii ol fudhatanii namoota Israa'elitti haa dubbatan!
[15] Namni bifa qirixee yookiis baqsee waaqayyolii tolfatee, hojii harka namaa dhoksee dhaabatu, Waaqayyo duratti ciigga'amaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[16] Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa salphisu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[17] Namni dhagaa daarii namaa iddoo isaatii butu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[18] Namni nama jaamaa karaa irraa jal'isu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[19] Namni nama galaatti, ijoollee abbaan irra hin jirretti, dubartii abbaan manaa irraa du'ettis firdii jal'isu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[20] Namni haadha manaa abbaa isaatii wajjin ciisu, siree abbaa isaatii waan salphisuuf, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[21] Namni horii kamii wajjin illee ciisu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[22] Namni obboleettii isaa, intala abbaa isaa yookiis haadhoo isaa wajjin ciisu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[23] Namni amaatii isaa wajjin ciisu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[24] Namni dhoksaatti nama ajjeesu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[25] Namni dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuudhaaf gatii fudhatu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
[26] Namni dubbii seera kanaa hundumaa eegee hojii irra hin oolchinee, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!