[1] Raajiin yookiis namni abjuu abju'atu tokko isin gidduudhaa ka'ee milikkita yookiis dinqii yoo isinitti hime,
[2] milikkinni yookiis dinqiin inni duraan isinitti hime fiixaan yoo ba'e, inni egaa,“Waaqayyolii kan biraa in waaqessina, in hojjennaafis” jedhee, warra isin dur hin beeknetti yoo isin geesse,
[3] isin dubbii raajii sanaa yookiis namicha abjuu abju'atu sanaa hin dhaga'inaa! Waaqayyo gooftaan keessan akka isin garaa keessan guutuudhaan, yaada keessan guutuudhaanis isa jaallattan beekuudhaaf qoree isin in ilaala.
[4] Isin Waaqayyo gooftaa keessan duukaa bu'aa, isa sodaadhaa, abboommii isaa eegaa, sagalee isaa dhaga'aa, isaaf hojjedhaa, isattis maxxanaa!
[5] Raajiin yookiis namichi abjuu abju'atu sun immoo Waaqayyo gooftaa keessan isa biyya Gibxii isin baase, mana garbummaa keessaas isin fure irratti akka kaatan, karaa akka isin irra adeemtaniif Waaqayyo gooftaan keessan isin abboome irraas akka jal'attan waan godheef haa ajjeefamu! Akkasitti hamaa of gidduudhaa balleessaa!
[6] Obboleessi kee haadhoon kee, ilmi kee, intalli kee, haati manaa kee jaallalleen kee yookiis firri kee inni ati akka lubbuu keetti jaallattu,“Kottuu dhaqnee waaqayyolii kan biraatiif hojjennaa” jedhee dhoksaatti si wallaalchisee, warra abboonni kee, atis hin beeknetti si geessee,
[7] “Waaqayyolii saba warra sitti dhi'oo naannoo kee yookiis daarii lafaa gar-tokko hamma gara kaaniitti sittii fagoo jiraniif hojjennaa” yoo jedhe,
[8] ati isaaf tole hin jedhin, hin dhaggeeffatiniif, garaan kee isaaf hin oo'in, isa hin mararsiifatin, hin dhoksinis!
[9] Isa ajjeesuudhaaf ati duraan dursi harka ol fudhadhu! Kana booddee immoo sabni hundinuu harka ol itti haa fudhatu! Ati akkasitti isa ajjeesi!
[10] Inni Waaqayyo gooftaa kee isa biyya Gibxii mana garbummaa keessaa si baase irraa gara si galchuu waan yaadeef, ati dhagaadhaan rukutii isa ajjeesi!
[11] Yommus warri Israa'el hundinuu kana in dhaga'u, in sodaatus, isaan keessaas hammina akkasii namni tokko illee deebi'ee hin hojjetu.
[12] Mandaroota Waaqayyo gooftaan keessan akka isin keessa jiraattaniif isiniif kennu keessaa mandara isa tokko keessatti wanti tokko utuu dubbatamuu yoo dhageessan,
[13] kunis namoonni ilmaan Beliyaal ta'an tokko isin gidduudhaa ba'anii,“Kottaa dhaqnee waaqayyolii kan biraatiif hojjennaa” jedhanii, warra isin dur hin beeknetti isin geessanii, namoota mandara isaanii sana karaa irraa yoo kaachisan,
[14] wanti jibbisiisaan akkasii kun isin gidduutti dhuguma hojjetameera yoo ta'e, iyyaaffadhaa, qoraa, ba'eessa godhaa gaafadha!
[15] Warra mandara sana keessa jiraatan hundumaa billaadhaan ajjeesaa! Saba sanaaf horii isaanii hundumaa qara billaatiin raawwadhaa balleessaa!
[16] Wanta mandaricha keessaa booji'ame hundumaa iddoo wal ga'ii mandarichaa walakkaatti walitti qabaatii, akka qalma gubamuutti Waaqayyo gooftaa keessan duratti mandarichaa wajjin ibiddaan gubaa! Inni gubame sunis bara hundumaaf tuulamee haa taa'u malee deebi'ee hin ijaaramin.
[17] Wanta abaarame kana keessaa tokko illee harka keessan keessatti hin argamu yoo ta'e, Waaqayyo aarii isaa isa sodaachisaa irraa deebi'ee akkuma abboota keessaniif kakatetti araara isinitti in argisiisa, isiniif in oo'a, isin in baay'isas.
[18] Isin sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii yoo dhageessan, abboommii isaa isa ani har'a isin abboomu kana hundumaas yoo eegdan, wanta ija Waaqayyo gooftaa keessanii duratti qajeelaa ta'es yoo hojjettan, inni immoo kana isiniif in godha.