[1] Kana booddee deebinee karaa Baashaan irra buunee yommuu ol baane, Oog mootiin Baashaanis namoota isaa wajjin nu loluudhaaf Edraayitti nutti dhufe.
[2] Waaqayyo,“Ani isa, namoota isaa, biyya isaas harka kee keessa buuseera isa hin sodaatin! Sihoon mootii Amoorotaa isa mandara Heshboon keessa jiraachaa ture akkuma goote, Ooginis akkasuma in goota” naan jedhe.
[3] Waaqayyo gooftaan keenya yommus Oog mootii Baashaan, namoota isaas harka keenya keessa in buuse; nus isaan rukunnee, nama tokko illee utuu hin hambisin hunduma isaanii in balleessine.
[4] Yeroo sanatti mandaroota isaa hundumaa in qabanne; mandaroota jaatamman guutummaa Argoob biyya mootummaa Oog mootii Baashaan keessaa tokko illee hin hambifne.
[5] Mandaroonni kun hundinuu dallaa dhagaa dhedheeroo, karraa fi danqaraa qabaniin kan marfaman turan; kana malees immoo mandaroonni dallaa hin qabne baay'eetu ture.
[6] Nuyi yommus Sihoon mootii Heshboon, mandaroota isaa hundumaa, namoota isaa, dhiirota, dubartoota, ijoollotas isaa wajjin raawwannee akkuma balleessine, isaan kanas akkasuma raawwannee in balleessine.
[7] Garuu horii qe'ee, wanta mandara keessaa saamne hundumaas ofii keenyaaf fudhannee galle.
[8] Yeroo sana biyya Yordaanos irraa gara ba'a biiftuu, dachaa Aarnonii hamma tulluu Hermoonitti mootota Amoorotaa lamaan harkaa in fudhanne.
[9] Warri Sidoon Hermoon kanaan “Siiriyon” jedhu; warri Amoorotaa immoo “Seniir” jedhu.
[10] Nuyi mandaroota lafa diriiraa gubbaa jiran hundumaa, biyya Giil'aad, biyya Baashaan hundumaa, hamma mandaroota Saalkaa fi Edraayi warra mootummaa Oog mootii Baashaan keessaatti in fudhanne.
[11] Warra Refaa'otaa keessaa kan hafe Oog mootii Baashaan duwwaa ture; sireen isaa siree sibiilaa ti, dheerinni isaa dhundhuma sagal, bal'inni isaa dhundhuma afur ture; innis amma iyyuu Raabaa mandara biyya warra Amoon keessa jira.
[12] Lafa isa yeroo sana qabanne keessaa mandara Aro'er isa dachaa Aarnon jiruu jalqabee hamma walakkaa biyya gaaraa isa kan Giil'aaditti mandaroota isaa wajjin gosa Ruubenii fi gosa Gaadiif nan kenne.
[13] Biyya Giil'aad isa hafeef guutummaa biyya Baashaan, Argoob biyya isa Oog mo'e hundumaa immoo walakkaa gosa Minaaseef nan kenne; guutummaan biyya Baashaan biyya Refaa'otaa jedhama ture.
[14] Yaa'iir ilmi Minaasee guutummaa biyya Argoob hamma daarii warra Geshuurotaa fi Ma'akaatotaatti in fudhate; Baashaanin Yaa'iiritti moggaase, har'uma iyyuu Baashaan safara Yaa'iir jedhama.
[15] Giil'aadin immoo Maakiiriif nan kenne.
[16] Gosa Ruubenii fi gosa Gaadiif immoo Giil'aadii hamma walakkaa dachaa Aarnonitti, achii immoo hamma laga Yaaboq daarii Amoonotaatti,
[17] karaa daarii Yordaanos immoo Keneretii hamma galaana Arabaayi isa “Galaana soogiddaa” jedhameetti, Arabaayi isa tulluu Phiisgaa jala gara ba'a-biiftuu jirutti nan kenne.
[18] Yeroo sana ani,“Waaqayyo gooftaan keessan lafa kana akka qabattaniif isiniif kenneera; egaa isin warri lola dandeessan hundumti keessan mi'a lolaa hidhadhaatii Israa'eloota obboloota keessan dura bu'aa!” jedhee isin abboomeen ture.
[19] Haa ta'u iyyuu malee; ani,“Horii qe'ee baay'ee qabaachuu keessan waanan beekuufan, dubartoonni keessanii fi ijoollonni keessan immoo mandaroota ani isiniif kenne keessatti haa hafan!
[20] Hamma Waaqayyo gooftaan keessan akkuma isin boqochiise obboloota keessan boqochiisee, lafa isa Yordaanos gamaa isaaniif kennuuf jiru sana isaan qabachiisuutti isinis immoo isaan gargaaraa! Isa booddees hundumti keessan adduma addaan gara qabeenya keessaniitti in deebitu” jedhe.
[21] Ani yeroo sana Iyaasuu yommuun abboome,“Wanta Waaqayyo gooftaan kee mootota kana lamaan godhe hundumaa ija keetiin argiteetta; Waaqayyo mootummoota ati itti adeemaa jirtu hundumaas akkuma kana in godha.
[22] Egaa Waaqayyo gooftaan kee ofii isaatii waan siif loluuf ati isaan hin sodaatin!” nan jedhe.
[23] Ani yommus cimsee Waaqayyoon nan kadhadhe;
[24] kadhanni koos,“Yaa Waaqayyo gooftaa, ati guddina kee fi harka kee isa aango-qabeessa garbicha keetti argisiisuu jalqabdeetta; waaqayyolii keessaa isa kamtu waaqa irraa yookiis lafa irraa akka kee gocha akkasii fi hojii aangoo hojjechuu danda'a ree”
[25] Ani ce'ee Yordaanos gamaa lafa gaarii, biyya gaarii isa ba'eessa sana, Liibaanoninis akkan ilaaluuf sin kadhadha” kan jedhu ture.
[26] Waaqayyo garuu sababii keessaniif anatti dheekkame malee, anaaf hin dhageenye; inni,“Si ga'a, waa'ee kanaa deebitee anatti hin dubbatin!
[27] Ati laga Yordaanos kana hin ceetu; gubbee tulluu Phiisgaatti ol ba'i, ol jedhii biyyicha gara lixa-biiftuutti, gara bitaatti, gara mirgaatti, gara ba'a-biiftuuttis ija keetiin ilaali!
[28] Iyaasuunis immoo saba kana dura bu'ee dhaqee, biyya ati argitu kana akka isaan dhaalan in godha; ati isa ajaji, gorsi, jajjabeessis!” jedhe.
[29] Yommus nuyi dachaa fuullee Bet-Phe'or keessatti in hafne.