Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:19

[1] Ati biyya Waaqayyo gooftaan kee dhaala godhee siif kennutti galtee, qabattee yeroo keessa jiraattu,

[2] midhaan laficha isa Waaqayyo gooftaan kee siif kennu irraa jalqaba galfattu keessaa fuudhii guubootti naqii, iddoo Waaqayyo maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'ate sanatti geessi!

[3] Lubicha isa yeroo sana hojii irra jiruunis,“Ani har'a biyya Waaqayyo nuuf kennuudhaaf abboota keenyaaf kakate sanatti galuu koo Waaqayyo gooftaa kee duratti nan beeksisa” jedhi!

[4] Yommus lubichi guuboo sana si harkaa fuudhee, fuula iddoo aarsaa Waaqayyo gooftaa keetii dura haa kaa'u!

[5] Kana booddee immoo ati Waaqayyo gooftaa kee duratti,“Abbaan koo nama Aaram isa jooraa ture; inni namoota muraasaa wajjin biyya Gibxiitti gad bu'ee galaa ta'ee, achi jiraate; achitti saba guddaa jabaadhaa fi baay'ee ta'e;

[6] warri Gibxii immoo nu miidhanii, nu rakkisanii, garbummaa jabaa jalas nu galchan.

[7] Yommus nuyi Waaqayyo gooftaa abboota keenyaatti in iyyanne; Waaqayyo sagalee keenya dhaga'ee, rakkina keenya, hojii keenya isa ulfaataa, cunqurfamuu keenyas in arge.

[8] Waaqayyo yommus harka aango-qabeessaan, irree diriiraadhaan, wanta gurguddaa nama naasisuun, milikkitaa fi dinqiidhaanis biyya Gibxii nu baase.

[9] Inni gara iddoo kanaatti nu fidee, biyya aannanii fi damma baasu kana nuuf kenne.

[10] Ammas yaa Waaqayyo, kunoo midhaan ati anaaf laatte isa laficha irraa argame keessaa isa jalqabaa fideera” jedhii dubbadhu! Isas fuula Waaqayyo gooftaa kee dura kaa'i, Waaqayyo gooftaa kee durattis sagadi!

[11] Ati, namni Lewwii, galaan isin gidduu jirus, wanta gaarii Waaqayyo gooftaan kee siif, mana keetiifis kenne hundumaatti in gammadda!

[12] Ati waggaa sadaffaa, waggaa itti kudhan keessaa tokko baasanitti, midhaan galfatte keessaa kudhan keessaa tokko baaftee, namichi Lewwii, namni galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirree, dubartiin abbaan manaa irraa du'ees kellaa mandara keetii keessatti nyaatanii akka quufaniif erga laatteefii,

[13] ati immoo fuula Waaqayyo gooftaa kee duratti,“Kunoo ani qooda qulqullaa'aa sana mana kootii baaseera, akka abboommii kee isa ati na abboomte hundumaattis namicha Lewwii fi nama galaadhaaf, ijoollee abbaan irra hin jirreef, dubartii abbaan manaa irraa du'eefis kenneera; ani abboommii kee keessaa isa tokko irra illee hin darbine, isaan hin irraanfannes.

[14] Utuun gaddatti jiruu qooda qulqullaa'aa sana irraa hin nyaanne, utuun akka seeraatti hin qullaa'inis isa irraa waan tokko hin fuune; ani isa irraa fuudhees warra du'aniif aarsaa hin dhi'eessine, sagalee Waaqayyo gooftaa kootii dhaga'ee, waan ati na abboomte hundumaas godheera.

[15] Ati bantiiwwan waaqaa iddoo jireenya kee isa qullaa'aa irraa gad ilaali, Israa'elin saba kee, laficha isa akkuma abboota keenyaaf kakattetti nuuf laatte, isa aannanii fi damma baasu kanas eebbisi!” jedhi!

[16] Har'a Waaqayyo gooftaan kee seerrata kanaa fi wanta qajeelaa ta'e kana duukaa akka buutuuf si abbooma; kanaaf ati of eeggadhuutii garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis isaan kana duukaa bu'i!

[17] Har'a Waaqayyo gooftaa kee akka ta'e, atis karaa isaa irra akka adeemtu, seerrata isaa, abboommii isaa fi wanta qajeelaa ta'e akka eegdu, sagalee isaas akka dhageessu beeksifteetta.

[18] Waaqayyo akkuma si abdachiisetti ati addumaan saba dhuunfaa isaa akka taate, abboommii isaa hundumaas eeguun akka si irra jiru har'a beeksiseera.

[19] Inni immoo ol si fuudhee, ati jajamuudhaan, maqaa godhachuudhaan, ulfinaanis saba ofii isaatii uume hundumaa gara irraa akka ooltu gochuudhaaf, akkuma abdachiisuu isaatti saba isaaf qulqullaa'e akka taatu beeksiseera.

Seera Keessa Deebii — Chapters