Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 15:02

[1] Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii gaarii gootanii yoo dhageessan, abboommii isaa isa ani har'a isin abboomus gaarii gootanii yoo eegdan, Waaqayyo gooftaan keessan saba warra kaan hundumaa gara irraa isin in oolcha.

[2] Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii yoo dhageessan, eebbi kun hundinuu isiniif in dhufa, isin in qaqqabas.

[3] Mandara keessatti, maasii keessattis in eebbifamtu.

[4] Dhalli keessan, midhaan maasii keessanii, hormaanni horii qe'ee keessanii, jabboonni, xobbaallaanis eebbifamoo in ta'u.

[5] Guuboon keessanii fi qoda-bukoon keessan eebbifamoo in ta'u.

[6] Yeroo gad baatan, yeroo ol galtanis eebbifamoo in taatu.

[7] Diinonni keessan warri isin irratti ka'an isin duratti rukutamanii akka dhuman Waaqayyo in godha; karaa tokko isinitti in dhufu, karaa torba isin in baqatu.

[8] Gombisaa keessanitti, wanta harki keessan hojjetu hundumaattis Waaqayyo eebba in erga; Waaqayyo gooftaan keessan biyya isinii kennu keessatti isin in eebbisa.

[9] Isin abboommii Waaqayyo gooftaa keessanii yoo eegdan, karaa isaa irras yoo adeemtan, Waaqayyo akkuma isiniif kakatee ture saba isaa isa qulqullaa'aa godhee isin in dhaaba.

[10] Yommus sabni warri kaan hundinuu isin maqaa Waaqayyootiin akka waamamtan in argu, isin in sodaatus.

[11] Waaqayyo biyya abboota keessaniif kennuudhaaf kakate yeroo isiniif kennu achitti dhala keessan, hormaata horii qe'ee keessanii, midhaan maasii keessaniis isiniif in baay'isa.

[12] Waaqayyo hojii harka keessanii hundumaas eebbisuudhaaf gombisaa badhaadhummaa isaa isa gaarii isa waaqa irraa isiniif banee, yeroo isaatti lafa irratti bokkaa in roobsa; isin saba baay'eedhaaf in liqeessitu, ofii garuu nama tokko irraa illee hin liqeeffattan.

[13] Waaqayyo akka isin mataa taatan godha malee, eegee isin hin taasisu; abboommii Waaqayyo gooftaa keessanii isa ani har'a isin abboomu kana yoo dhageessan, gaarii gootaniis yoo eegdan irra aantu malee, jala hin aantan.

[14] Waaqayyolii biraa duukaa bu'uudhaaf, isaaniif hojjechuudhaafis dubbii ani har'a isin abboomu kana irraa gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin gorinaa!

[15] Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii yoo dhaga'uu dhabaattan, abboommii isaa fi seerrata isaa warra ani har'a isin abboomu kana hundumaas gaarii gootanii yoo eeguu dhabaattan, abaarsi itti fufee jiru kun hundinuu isinitti in dhufa isin in qaqqabas.

[16] Mandara keessatti in abaaramtu, maasii keessattis in abaaramtu.

[17] Guuboon keessanii fi qoda-bukoon keessan abaaramoo in ta'u.

[18] Dhalli keessan in abaaramu, midhaan maasii keessanii, jabboonnii keessanii fi xobbaallaan keessan in abaaramu.

[19] Yeroo ol galtan in abaaramtu, yeroo gad baatanis in abaaramtu.

[20] Isin Waaqayyoon irraanfachuu keessaniin hamaa waan hojjettaniif, inni hamma isin daftanii baddanitti abaarsa, raafama, ifaatas wanta harki keessan hojjetu hundumaa irratti in erga.

[21] Waaqayyo biyya isin itti galuuf jirtan keessaa hamma haxaa'ee isin balleessutti, dha'icha isin biraa hin hambisu.

[22] Waaqayyo yommus dhukkuba sombaatiin, dhagna gubaadhaan, iitaan, caamsaa jabaadhaan, gognaan, bubbeedhaan, waagiidhaanis isin in rukuta; isaan kun hamma isin baddanitti isin biraa hin hafan.

[23] Waaqni mataa keessan gara irraatti sibiila borrajjii in ta'a, laftis isin jalatti sibiila in ta'a.

[24] Waaqayyo bokkaa maasii keessan irratti roobu daaraadhaa fi awwaaratti in geddara; bokkichis hamma isin balleessutti waaqa irraa gad in bu'a.

[25] Waaqayyo akka isin diinota keessan duratti mo'amtan in godha; karaa tokko isaanitti in duultu, karaa torbaan isaan in baqattu; mootummoota biyya lafaa irra jiran hundumaafis wanta jibbisiisaa in taatu.

[26] Reeffi keessan allaattota qilleensa keessa balali'anii fi bineensota lafa irra jiraatan hundumaaf nyaata in ta'a; kan isaan naasisee ari'us tokko illee hin jiru.

[27] Iita madaa'u isa kan warra Gibxiin, madaa dhiiguun, cittoodhaan, roobbiidhaanis Waaqayyo isin in rukuta; isaanittiis fayyuu hin dandeessan.

[28] Maraatummaadhaan, jaamummaadhaan, raata'ummaadhaanis Waaqayyo isin in rukuta.

[29] Akka nama iji isaa jaamee dukkana keessa qaqqabatutti, isin guyyaa saafaadhaan in qaqqabattu, wanti isin gootan hundinuus isiniif hin qajeelu, yeroo hundumaa in cunqurfamtu, in saamamtu, namni isin gargaarus hin jiru.

[30] Isin durba in kaadhimattu, garuu namni biraa isheetti in roorisa; mana in ijaartu, garuu ofii keessanii itti hin galtan; isin waynii in dhaabbattu, garuu ija isaa irraa hin cirattan.

[31] Qotiyyoon keessan ija keessan duratti in qalama, isin garuu foon isaa hin nyaattan; harreen keessan humnaan isin irraa in fudhatama, isiniif hin deebifamus; bushaayeen keessan diinota keessaniif in kennamu, namni isaan oolchus hin jiru.

[32] Ijoolleen dhiiraa keessanii fi ijoolleen durbaa keessan saba biraatiif in kennamu, iji keessan guyyaa hundumaa isaan ilaaluutti in dadhaba, harka keessaniinis waa oolchuu hin dandeessan.

[33] Sabni isin isaan hin beekne midhaan isin maasii keessaa itti dadhabdanii hojjettan hundumaa in nyaatu; yeroo hundumaas gad isin in qabu, isin in caccabsus.

[34] Wanti ija keessaniin argitan kunis isin in maraacha.

[35] Iita hamaa isa fayyuu hin dandeenye jilba keessanitti, miilla keessanitti, faana miilla keessaniitii jalqabee hamma gubbee mataa keessaniitti Waaqayyo isinitti in naqa.

[36] Waaqayyo isiniif mootii isin of irratti moosiftan saba isin yookiis abboonni keessan isaan hin beeknetti in kenna; isin achitti waaqayyolii mukaa fi dhagaa irraa hojjetamaniif in hojjettu.

[37] Saba Waaqayyo itti isin ergu sana hundumaa gidduutti jibbisiisoo in taatu, nama mammaaksaa fi nama kolfaa in taatu.

[38] Maasii keessanitti sanyii danuu in facaaftu, garuu hawaannisi waan isa fixuuf muraasa in galfattu.

[39] Isin waynii dhaabdanii keessa in hojjettu garuu raammoon waan isa fixuuf isin daadhii waynii isaa hin dhugdan, ija isaa irraas hin cirattan.

[40] Biyya keessan keessaa iddoo hundumaatti muka ejersaa in qabaattu, garuu iji isaa dafee waan irraa harca'uuf, dhadhaa isaa hin dibattan.

[41] Ijoollota dhiiraa fi ijoollota durbaa in godhattu, garuu booji'amanii waan isin duraa fudhatamaniif isin bira hin jiraatan.

[42] Mukkeetii keessanii fi ija mukkeetii keessan hundumaa korophisi isin irraa in fudhata.

[43] Galaan isin gidduu jiru isin caalaatti isin irratti ol ol ka'aa in adeema, isin immoo gad in adeemtu.

[44] Inni isiniif in liqeessa, isin garuu isaaf hin liqeessitan; inni mataa in ta'a, isin garuu eegee in taatu.

[45] Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga'uu waan diddaniif, abboommii isaa fi seerrata isaa isa inni isin abboome eeguu waan dhiiftaniif, abaarsi kun hundinuu hamma isin baddanitti isin duukaa bu'ee isin in qaqqaba.

[46] Isaan kun isinii fi sanyii keessan irratti milikkitaaf dinqii bara baraa in ta'u.

[47] Yeroo wanta hundumaa guutummaatti qabdan, Waaqayyo gooftaa keessaniif gammachuudhaa fi garaa guutuudhaan waan hojjechuu diddaniif,

[48] beelaa fi dheebuudhaan, qullaa ta'uudhaan, wanta hundumaa dhabuudhaanis diinota keessan warra Waaqayyo isinitti erguuf in hojjettu; inni hamma isin balleessutti waanjoo sibiilaa morma keessan irra in kaa'a.

[49] Saba isin afaan isaa hin beekne, saba akka joobiraa balali'u daarii lafaatii Waaqayyo isinitti in fida.

[50] Fuulli saba sanaa nama in sodaachisa, jaarsaaf ulfina hin kennu, ijoolleedhaafis hin oo'u.

[51] Hamma achii isin balleessutti horii qe'ee keessanii fi midhaan maasii keessanii in nyaata; midhaan, daadhii waynii, dhadhaa ejersaa, jabboota, xobbaallaas in fixa, isin in onsas.

[52] Mandaroota biyya keessanii hundumaa keessatti isinitti in marsa, kellaan keessan inni dhedheeraan isin guutummaa biyya keessanii keessatti amanattan sunis in jiga; mandaroota biyya Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessatti isinitti in marsa.

[53] Yeroo marfamtan sana rakkina diinni keessan isinitti fidu irraan kan ka'e dhala keessan, foon ijoollota dhiiraa keessanii fi ijoollota durbaa keessan warra Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne sana in nyaattu.

[54] Isin keessaa namni baay'ee garraamiinii fi qanan'aan obboleessa isaa, haadha manaa isaa ishee jaallatu, ijoollota dhiiraa isaa warra hafanis ija hamaadhaan in ilaala;

[55] inni marfamuu isa diinni mandara keessan hundumaatti fidee isin rakkisu irraa kan ka'ee, wanti nyaatamu hundinuu waan duraa dhumeef, foon ijoollee isaa isa nyaachaa jiru sana firoota isaa keessaa nama tokkoof illee kennuu hin jaallatu.

[56] Isin keessaa dubartiin baay'ee garraamiinii fi qananiituun qananiitti jiraachuu ishee irraa kan ka'ees faana miilla isheetiin illee lafa ejjechuu hin jaallanne, abbaa manaa ishee isa jaallatu, ilma ishee fi intala ishee ija hamaadhaan in ilaalti.

[57] Isheen yeroo diinni mandaroota keessan marsee isin rakkisu sana wanti nyaatan waan hin jirreef, obbaatii isa gadameessa ishee keessaa ba'uuf ijoollee ishee warra deessu dhoksaatti in nyaatti.

[58] Macaafa kana keessatti kan caafame dubbii seera kanaa hundumaa gaarii gootanii yoo eeguu dhabaattan, maqaa Waaqayyo gooftaa isa ulfina-qabeessaa fi sodaatamaa yoo sodaachuu dhabaattanis,

[59] Waaqayyo dha'icha keessan guddaa in godha, dha'icha ijoollee keessanitti dhufus dha'icha guddaadhaa fi dha'icha isaan irra turu in godha, dhukkuba jabaadhaa fi kan dafee hin fayyine itti in erga.

[60] Inni dhukkuba biyya Gibxii isa isin sodaattan sana isinitti in erga, dhukkubichis isin irra in tura.

[61] Waaqayyo, dhukkubaa fi dha'icha macaafa seeraa kana keessatti hin caafamin jiran hundumaas isinitti fidee ittiin isin in balleessa.

[62] Sagalee Waaqayyo gooftaa keessaniif abboomamuu waan diddaniif, dur akka urjoota waaqa keessaa in baay'attu kan turtan, amma immoo namoonni muraasi duwwaan isin keessaa in hafu.

[63] Waaqayyo akkuma wanta gaarii isiniif gochuuf isin baay'isuutti gammade akkasuma immoo isin onsuu fi isin balleessuutti in gammada; biyya isa qabachuuf jirtan sana keessaas in buqqifamtu.

[64] Yommus Waaqayyo daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti saba hundumaa gidduu isin in tamsaasa, achittis waaqayyolii muka irraa fi dhagaa irraa hojjetaman, takkaa kan isin, abboonni keessanis hin beekneef in hojjettu.

[65] Saba sana gidduutti boqonnaa tokko illee hin argattan; faanni miilla keessanii illee iddoo boqotu hin argatu, Waaqayyo achitti yaada sodaataa, agartuu dadhabaa, garaa abdii kutatus isiniif in kenna.

[66] Garaan keessanis mamee in rarra'a, halkanii fi guyyaa in sodaattu, jireenya keessanis kan eegu hin jiru.

[67] Isa garaan keessan sodaatuu fi wanta iji keessan argu sanaaf jettanii ganama,“Utuu galgala ta'ee” galgala immoo,“Utuu ganama ta'ee” in jettu.

[68] Karaa ani,“Lammaffaa deebitanii hin argitan” isiniin jedhe sana irra Waaqayyo deebisee markabaan biyya Gibxiitti isin in fida, achitti akka garbichaa fi akka garbittiitti akka isin bitataniif of in kennitu; garuu namni isin bitu tokko illee hin jiru.

Seera Keessa Deebii — Chapters