Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:58

[1] Namni tokko erga niitii fuudhee booddee, wanta namatti hin tolle waan irratti argeef itti gammaduu yoo dadhabe, inni caaffata ittiin ishee gad dhiisu harkatti kenneefii mana isaatii haa baasu!

[2] Isheen mana isaatii erga baatee nama kan biraatti yoo heerumte,

[3] abbaan manaa ishee inni booddees ishee jibbee, caaffata ittiin ishee gad dhiisu harkatti kenneefii mana isaatii yoo ishee baase yookiis inni yoo du'e,

[4] abbaan manaa ishee inni dura gad dhiise, erga isheen xurooftee deebisee ishee hin fuudhin! Wanti akkasii kun Waaqayyo duratti ciigga'amaa dha; biyya Waaqayyo gooftaan kee dhaala godhee siif kennu irratti cubbuu hin fidin!

[5] Namni dhi'oo niitii fuudhe tokko duulatti hin ergamin, yookiis hojiin tokko illee isa irra hin kaa'amin! Inni waggaa tokkoof ajaja malee mana isaa taa'ee, haadha manaa isaa ishee fuudhe sana haa gammachiisu!

[6] Dhagaa daakuu yookiis majii isaa nama duraa qabsiisa fudhachuun akka waan jireenya isaa qabsiisa fudhatanii waan ta'eef, namni tokko illee gatiidhaaf jedhee kana qabsiisa hin fudhatin!

[7] Namni tokko obboloota isaa Israa'eloota keessaa nama hatee garbicha godhatee yookiis isa gurguree yoo argame, inni hate sun haa ajjeefamu! Isin akkasitti isa hamaa of gidduudhaa baasaa!

[8] Yeroo dhukkubni lamxii nama qabu, of eeggadhaatii wanta Lewwoonni warri luboonni akka ani isaan abboometti isin gorsan godhaa! Akkasitti gaarii godhaatii eegaa!

[9] Wanta Waaqayyo gooftaan keessan erga isin biyya Gibxii baatanii karaatti Miiryaamitti fide yaadadhaa!

[10] Ati waan tokko namaaf yeroo liqeessitu, qabsiisa isa irraa fudhachuudhaaf mana isaa keessa hin lixin!

[11] Namichi ati liqeessituuf sun qabsiisa sana gad baasee sitti haa fidu, ati immoo ala dhaabadhu!

[12] Namichi hiyyeessa yoo ta'e immoo qabsiisa sana of bira hin bulchin!

[13] Inni wayyaa isaa uffatee bulee akka si eebbisutti yeroo biiftuun lixxu deebisiif! Kunis Waaqayyo gooftaa kee duratti qajeelummaatti siif in lakkaa'ama.

[14] Ati obboloota kee keessaa yookiis galaa kellaa mandaroota biyya keetii keessa jiraatu keessaa isa hiyyeessaa fi dhabaa qacaramee hojjetu hin cunqursin!

[15] Inni hiyyeessa waan ta'eef, garaan isaas gara isa ittiin qacaramee yaadaa waan jiruuf, Waaqayyotti si iyyatee kun cubbuu akka sitti hin taanetti, gatii inni ittiin qacarame gaafasuma utuu biiftuun hin lixin kenniif!

[16] Namni adduma addaan cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu malee, abboonni ilmaan isaaniif hin ajjeefamin, ilmaanis abboota isaaniif hin ajjeefamin!

[17] Firdii nama galaa, kan ijoollee abbaan irra hin jirrees hin jal'isin! Uffata dubartii abbaan manaa irraa du'ees qabsiisaaf hin fuudhin!

[18] Biyya Gibxiitti ati garba akka turte, Waaqayyo gooftaan kees achii akka si fure yaadadhu! Kanaaf dubbii kana akka gootuuf ani sin abbooma.

[19] Maasii kee keessaa midhaan haamtee yeroo galfattu bissii tokko maasii keessatti yoo irraanfatte, fudhachuudhaaf deebitee hin dhaqin! Waaqayyo gooftaan kee waan ati harka keetiin hojjettu hundumaan akka si eebbisutti, inni nama galaadhaa fi ijoollee abbaan irra hin jirreef, dubartii abbaan manaa irraa du'eefis haa ta'u!

[20] Mukkeetii ejersaa kee irraa ija isaa yommuu harcaafattu, damee isa bira darbitetti deebitee hin hurguufin! Inni irratti hafu nama galaadhaa fi ijoollee abbaan irra hin jirreef, dubartii abbaan manaa irraa du'eefis haa ta'u!

[21] Ija waynii iddoo dhaabaa waynii keetii keessaa yeroo galfattu, booddee deebitee hin funaanin! Inni hafu immoo nama galaadhaa fi ijoollee abbaan irra hin jirreef, dubartii abbaan manaa irraa du'eefis haa ta'u!

[22] Atis biyya Gibxiitti garba akka turte yaadadhu! Kanaaf dubbii kana akka gootuuf ani sin abbooma.

Seera Keessa Deebii — Chapters