[1] Waaqayyo gooftaan kee inni biyya Gibxii ol si baase sii wajjin waan jiruuf, ati diina keetti duuluudhaaf baatee, fardeenii fi konkolaattota loltuu kan kee caalaa guddatus yeroo argitu, isaan hin sodaatin!
[2] Bakkee lolaa sanatti yeroo dhi'aattanis, lubichi gara fuula duraatti ba'ee, loltuu keessanitti haa dubbatu!
[3] Inni yommus,“Yaa namoota Israa'el dhaga'aa! Isin har'a diinota keessanii wajjin wal loluuf dhi'aattaniittu, egaa isaan duratti laphee hin laafinaa, hin sodaatinaa, hin rom'inaa, hin na'inaas!
[4] Inni isin oolchuudhaaf isin dura adeemee diinota keessan lolu Waaqayyo gooftaa keessan” haa jedhu!
[5] Kana booddee warri hojii geggeessan immoo jaraan,“Isin keessaa namni mana haaraa ijaaree eebbisiifatee itti hin galin jiraa” Inni lola keessatti du'ee namni kan biraa akka eebbisiifatee itti hin galletti, gara mana isaatti haa deebi'u!
[6] Namni waynii dhaabbatee ija isaa irraa hin nyaatin jiraa” Inni lola keessatti du'ee namni kan biraa ija isaa akka hin nyaannetti, gara mana isaatti haa deebi'u!
[7] Namni durba haasa'atee hin fuudhin jiru jiraa” Inni lola keessatti du'ee namni kan biraa ishee akka hin fuunetti, gara mana isaatti haa deebi'u” haa jedhan!
[8] Warri hojii geggeessan ammas jaraan,“Namni sodaatu yookiis laphe-laafessi jiraa” Garaan hiriyoota isaa warra kaaniis akka kan isaatii bishaan akka hin taanetti, inni gara mana isaatti haa deebi'u” haa jedhan!
[9] Warri hojii geggeessan kana jaratti dubbachuu yommuu raawwatan, angafoonni loltuu jara dura adeeman hojii irra haa dhaabaman!
[10] Ati mandara tokkotti duultee yeroo itti dhi'aattu, dura dhaamsa nagaa itti dhaami!
[11] Isaan deebii nagaa siif deebisanii karra isaanii yoo siif banan, namoonni achi keessatti argaman hundinuu hojii humnaa siif haa hojjetan!
[12] Sii wajjin nagaa buusuu didanii, yoo si lolan garuu, ati mandarichatti marsi!
[13] Waaqayyo gooftaan kee mandaricha harka kee keessa yeroo buusutti, achi keessaa dhiira kan ta'e hundumaa billaadhaan rukuti!
[14] Dubartoota, ijoollee, horii qe'ee, wanta mandara sana keessa jiru hundumaa, wanta booji'amu guutummaatti ofii keetiif qabadhu! Diina kee irraa wanta booji'ame isa Waaqayyo gooftaan kee siif kennes nyaadhu!
[15] Mandaroota si irraa fagoo warra kan saba sitti dhi'oo jiran kanaa hin ta'in hundumaas akkasuma godhi!
[16] Haa ta'u iyyuu malee, mandaroota saba warra kanaa warra Waaqayyo gooftaan kee dhaala siif kennu keessatti, wanta lubbuu qabu tokko illee fayyaatti hin hambisin!
[17] Warra Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yibusootaa immoo akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti raawwadhuu isaan balleessi!
[18] Kanaa achi wanta ciiggaasisaa isa yeroo waaqayyolii isaaniif sagadan hojjetan sana duukaa bu'uu si barsiisu, atis Waaqayyo gooftaa kee duratti cubbuu in hojjetta.
[19] Ati mandara tokko qabachuudhaaf itti duultee, yeroo dheeraadhaaf isatti yoo marsite, mukkeetii mandara sanaa murtee hin balleessin! Ija isaanii nyaachuu in dandeessaatii gad hin cirin! Mukkeetiin sun namoota warra ati itti marsitee eeggattu sana miti.
[20] Mukkeetii warra iji isaanii akka hin nyaatamne ati beektu duwwaa achii kaasuu in dandeessa; warra akkasii immoo hamma mandarri sii wajjin wal lolu sun kufutti, hojii marsaadhaaf barbaaddu akka ittiin ijaartuuf murmuri!