Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:28

[1] Namoonni wal dhabanii gara yaa'ii yoo dhufan, abboonni firdiis isa balleessaa hin qabneen,“Balleessaa hin qabdu, isa balleessaa qabuun immoo balleessaa qabda” jedhanii firdii isaaniif haa kennan!

[2] Inni balleesse sun dhaanamuun in ta'aaf yoo ta'e, abboonni firdii lafa akka isa ciibsan godhanii akka balleessaa isaatti isa haa reebsisan! Lakkoobsi reebamuu isaatii immoo akka balleessaa isaatiitti haa ta'u!

[3] Inni balleesse sun hamma afurtamaatti rukutamuu in danda'a; obboleessi kee ija kee duratti akka hin salphannetti afurtama caalaa hin rukutamin!

[4] Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan isaa hin hidhin!

[5] Obboloota walii wajjin jiraatan keessaa inni tokko utuu dhala hin godhatin yoo du'e, haati manaa isa du'e sanaa maatii sana keessaa baatee ormatti hin heerumin! Obboleessi abbaa manaa isheetii gara ishee dhaqee, barcuma qajeelchee haadha manaa ishee haa godhatu!

[6] Maqaan isaa Israa'el keessaa akka hin badnetti ilmi isheen angafa deessu maqaa isa du'ee sanaan haa waamamu!

[7] Haa ta'u iyyuu malee, namichi haadha manaa obboleessa isaa kana fuudhuu hin barbaadu yoo ta'e, haati manaa obboleessa isaa gara karra dallaa lafa maanguddoonni itti wal ga'an dhaqxee,“Obboleessi abbaa manaa kootii maqaan obboleessa isaa itti fufee Israa'el keessa akka jiraatu gochuu in dide, barcuma qajeelchee waan obboleessi abbaa manaa raawwatus anaaf hin goone” haa jettu!

[8] Maanguddoonni mandara isaatii isa waamsisanii itti haa dubbatan! Inni immoo didee,“Ani ishee fuudhuu hin barbaadu” yoo jedhe,

[9] haati manaa obboleessa isaatii immoo maanguddoota duratti itti dhi'aattee, miilla isaatii kophee luqqiftee, fuula isaattis tuftee,“Nama mana obboleessa isaa hin ijaarre akkas godhu” haa jettu!

[10] Yommus biyya Israa'el keessatti, sanyii isaa,“Mana isa kopheen isaa irraa luqqifame sanaa” jedhanii in moggaasu.

[11] Namoonni lama utuu wal lolanii, haati manaa isa tokko namicha isa abbaa manaa ishee miidhu harkaa baafachuudhaaf jettee, hiixattee saala namicha isa miidhu sanaa yoo qabde,

[12] harka ishee irraa kuti malee garaa hin laafiniif.

[13] Korojoo kee keessaa dhagaa safaraa akaakuu lama, dhagaa guddaa fi dhagaa xinnaa hin qabaatin!

[14] Mana kee keessaas quunnaa safaraa akaakuu lama, quunnaa guddaa fi quunnaa xinnaa hin qabaatin!

[15] Biyya Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattutti, dhagaa safaraa fi quunnaa safaraa guutuu fi qajeelaa qabaadhu!

[16] Waaqayyo gooftaan kee nama wanta akkasii godhu, nama jal'ina hojjetu hundumaas in ciigga'a.

[17] Biyya Gibxiitii yommuu ati baate, wanta warri Amaaleq karaatti si hojjetan yaadadhu!

[18] Yommuu ati dadhabdee bututte, isaan immoo karaa booddee dhufanii si rukutanii, warra dadhabanii booddeetti hafanis si irraa kutan; isaan Waaqayyoon hin sodaanne.

[19] Kanaaf biyya Waaqayyo gooftaan kee akka dhaala gootee qabattuuf siif kennu keessatti, inni ofii isaatii diinota naannoo kee jiran hundumaa irraa yommuu si boqochiisu, seenaa warra Amaaleq bantii waaqaa jalaa haxaa'ii balleessi, hin irraanfatinis!

Seera Keessa Deebii — Chapters