Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:56

[1] Isin ijoollee Waaqayyo gooftaa keessanii ti; kanaaf warra du'aniif of hin murmurinaa, gubbee mataa keessaniis hin haaddatinaa!

[2] Isin saba Waaqayyo gooftaa keessaniif qulqullooftanii dha; Waaqayyo saba dhuunfaa isaa akka taataniif, saba irra lafaa irra jiran hundumaa keessaa addumaan isin fo'ateera.

[3] Ati wanta ciiggaasisaa tokko illee hin nyaatin!

[4] Horii qe'ee fi wanta daggalatti galan keessaa kan ati nyaattu kanatti aananii jiru; sa'a, hoolaa, reettii,

[5] borofa, kuruphee, gaaf-torbo, bosonuu, qorkee, qelejjee, hoolaa tulluu,

[6] horii qe'ee fi wanta daggalatti galan keessaa isa kotteen isaa baqaqee lamatti hiramuu fi kan alala guuru hundumaa nyaachuu in dandeessa;

[7] garuu warra alala guuranii, kotteen isaanii baqaqe keessaa iyyuu gaala, illeettii, osolees hin nyaatin! Isaan kun alala in guuru! Garuu kotteen isaanii gargar hin hiramne; isaan si duratti xuraa'oo haa ta'an!

[8] Boyyeen immoo kotteen isaa baqaqaa yoo ta'e iyyuu alala waan hin guurreef si duratti xuraa'aa haa ta'u! Foon isaanii hin nyaatin, raqa isaaniitti hin bu'in!

[9] Warra bishaanitti galan hundumaa keessaa immoo kanatti aananii kan jiran nyaadhu! Waanuma waan akka baallee fi qola qabu nyaadhu!

[10] Waanuma waan akka baallee fi qola hin qabne immoo hin nyaatin! Inni si duratti xuraa'aa haa ta'u!

[11] Simbirrootaa fi allaattota warra akka qullaa'ootti ilaalaman hundumaa nyaadhu!

[12] Warra kanatti aananii jiran immoo hin nyaatin! Joobira, domboo, gogocoroon,

[13] rumicha, foggi, culullee akka qomoo qomoo isaatti,

[14] qurruu akka qomoo qomoo isaatti,

[15] guchii, simbira ekeraa, allaattii bishaanii, corofee akka qomoo qomoo isaatti,

[16] haadha onaa, hurunguu guddaa, indaanqoo bishaanii,

[17] haadha waaqoo, allaattii raqaa, haadha quufoo,

[18] allaattii hawaannisaa, huummoo, haadha gaayyee akka qomoo qomoo isaatti, simbira halkaniis.

[19] Munyuuqaan baallee qabu hundinuu si biratti xuraa'aa haa ta'u, isa hin nyaatin!

[20] Uumama baallee qabu isa akka qullaa'aatti ilaalamu garuu nyaadhu!

[21] Ati saba Waaqayyo gooftaa keetiif qulqulloofte waan taateef, ofiin-du'ii tokko illee hin nyaatin, galaan dallaa kee keessa jiru akka nyaatuuf isaaf kenni yookiis ormatti gurguradhu! Ilmoo reettiis aannan haadha isheetiin hin affeelin.

[22] Ati dhugumaan wanta waggaa waggaatti lafa kee irraa galfattu hundumaa keessaa kudhan keessaa tokko baasuun si irra jira.

[23] Ati guutummaa bara jireenya keetii Waaqayyoon gooftaa kee sodaachuu akka bartutti, kudhan keessaa tokko midhaan keettii, kan daadhii waynii keettii, kan dhadhaa ejersaa keettii, isa saawwan kee fi bushaayee kee keessaa angafa dhalates, iddoo Waaqayyo gooftaan kee maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atutti, fuula isaa duratti nyaadhu!

[24] Yeroo Waaqayyo si eebbisutti immoo kudhan keessaa tokkoo sana geessuudhaaf iddoon Waaqayyo gooftaan kee maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sun si irraa fagaatee karaan isaa yoo sitti dheerate,

[25] ati horiitti isa calleessi! Horichas gudunfii harkatti qabadhuu gara iddoo Waaqayyo gooftaan kee fo'atu sanaa dhaqi!

[26] Horichaanis wanta barbaadde, sangaa yookiis hoolaa yookiis daadhii waynii yookiis dhugaatii cimaa, waanuma garaan kee kajeele biti! Achitti ati fuula Waaqayyoo duratti isa nyaadhuutii gammadi! Warri mana keetiis fuula Waaqayyoo duratti isa nyaatanii haa gammadan!

[27] Sanyii Lewwii isa kellaa mandaroota kee keessa jiraatu, isa sii wajjin qooda yookiis dhaala hin hirmatin immoo hin irraanfatin!

[28] Dhuma wagguma waggaa sadaffaatti immoo wanta bara sana galfatte keessaa kudhan keessaa tokko hundumaa fidiitii kellaa mandaroota kee keessa kaa'i!

[29] Waaqayyo gooftaan kee waan hojjettu hundumaan akka si eebbisutti, sanyiin Lewwii inni sii wajjin qooda yookiis dhaala hin hirmatin, galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirre, dubartiin abbaan manaa irraa du'e, warri kellaa mandaroota keetii keessa jiraatan dhufanii isa haa nyaatan, haa quufanis!

Seera Keessa Deebii — Chapters