Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:21

[1] Akkuma Yesus mana qulqullummaa keessaa ba'een, bartoota isaa keessaa inni tokko, ?Barsiisaa, mee dhagaa gurguddaa kana, ijaarsa babba'eessa kanas ilaali!? ittiin jedhe.

[2] Yesus deebisee, ?Ijaarsa gurguddaa kana ilaaltaa? Iddoo kanatti dhagaan in diigama malee, tokko illee wal irratti hin hafu? jedheen.

[3] Yesus gaara ejersaa gubbaa gara mana qulqullummaatti gara galee utuu taa'uu, Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indriiyaas kophaatti isa gaafatan,

[4] ?Nutti himi, kun yoom ta'a? Wanti kun hundinuu yommuu raawwatamuuf jedhu immoo milikkinni isaa maali?? jedhan.

[5] Yesus immoo, ?Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa!

[6] Baay'een, ?Ani Kristos? jechaa maqaa kootiin in dhufu, namoota baay'ees in wallaalchisu.

[7] Lolaa fi oduu lolaa yommuu dhageessan hin na'inaa, kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti.

[8] Sabni saba irratti mootummaanis mootummaa irratti in ka'a; socho'i lafaa iddoo adda addaatti, beellis in ta'a; wanti kun garuu jalqaba ciniinsuu ti.

[9] ?Garuu of eeggadhaa, isaanoo yaa'ii garaa garaatti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa keessattis in reebamtu, anaaf jettanii fuula abboota biyyaa, fuula moototaa duras in dhaabattu; kunis dhugaa isaanitti in ba'a.

[10] Duraan dursee wangeelli saba hundumaatti lallabamuun in ta'a.

[11] Isaan dabarsanii isin kennuudhaaf yommuu isin geessan, isa dubbachuuf jirtaniif dura hin yaadda'inaa! Waanuma yeroo sanatti isiniif kennamu dubbadhaa malee; isintu dubbata miti'o, hafuura qulqulluutu dubbata malee.

[12] Yommus obboleessi obboleessa du'atti dabarsee in kenna, abbaanis mucaa isaa, ijoollonnis warra isaanii irratti ka'anii isaan in ajjeesisu.

[13] Anaaf jettanii hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu; namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya? isaaniin jedhe.

[14] Yesus itti fufee, ?Inni jibbisiisaan iddoo qullaa'aa xureessu sun, iddoo isaaf hin malle dhaabachuu isaa yommuu argitan - namni kana dubbisu haa hubatu! - warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan!

[15] Namni oobdii isaa keessa jiru deebi'ee, waa fudhachuudhaaf manatti ol hin lixin.

[16] Lafa qotiisaa inni jirus wayyaa isaa fudhachuudhaaf hin galin.

[17] Garuu dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif guyyoonni sun attam sodaachisoo dha.

[18] Haa ta'u iyyuu malee, kun yeroo gannaatti akka hin taaneef kadhadhaa!

[19] Guyyoonni sun guyyoota rakkinaa in ta'u; rakkinni akkasiis erga Waaqayyo biyya lafaa uumee jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'ees hin ta'u.

[20] Waaqayyo gooftaan guyyoota sana utuu gabaabsuu dhabaatee, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu namoota fo'amaniif, isaanis warra inni ofiif fo'ateef jedhee, guyyoota sana in gabaabsa.

[21] Yeroo sanatti namni, ?Ilaa Masiihiin as jira! Ilaa achi jira!? yoo isiniin jedhe hin amaninaa.

[22] Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii, yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu wallaalchisuudhaaf, milikkitaa fi dinqii adda addaa in argisiisu.

[23] Isin garuu akeekkadhaa! Ani duraan dursee waan hundumaa isinitti himeera? jedhe.

[24] Yesus itti dabalee, ?Guyyootuma sanatti rakkina kana booddee immoo biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu.

[25] Urjoonni waaqa irraa in harca'u, humnoonni bantii waaqaa keessaas in raafamu.

[26] Yommus ilmi namaa humna guddaadhaan ulfinaanis duummessootaan utuu dhufuu in argu.

[27] Inni immoo ergamoota waaqa irraa ergee, warra Waaqayyoof fo'aman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqaatiis walitti in qaba? jedhe.

[28] Yesus amma immoo, ?Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa! Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhi'aate in hubattu.

[29] Akkasuma isinis immoo, kun hundinuu ta'uu isaa yommuu argitan, akka inni balbalatti dhi'aate beekaa!

[30] Dhuguman isinitti hima, wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si'anaa kun hin darbu.

[31] Waaqnii fi lafti darbuuf jiru; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu? jedhe.

[32] Yesus itti fufee, ?Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.

[33] Akeekkadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka ga'u hin beektan.

[34] Kun akka nama mana isaa dhiisee, biyya fagoo dhaquudhaaf ka'ee ti. Inni hojjetoota isaatiif aboo kennee, tokkon tokkon isaaniitiif hojii hojii isaanii kenne, karra eegduudhaan immoo ?Hin dagatin dammaqi!? jedhee abboome.

[35] Egaa dammaqaa! Abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan walakkaa dhufaa, iyya indaanqoo dhufaa fi ganama dhufaa hin beektan.

[36] Yeroo isin quba hin qabaatinitti yoo dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argannetti,

[37] kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!? isaaniin jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maarqos Caafe — Chapters