[1] Yesus iddoo sanaa ka'ee gara kutaa biyya Yihudaa fi gama Yordaanos dhaqe. Namoonni ammoo gara isaatti dachaanaan, akkuma amala isaatii inni isaan barsiise.
[2] Yommus warri Fariisotaa dhufanii isa qoruudhaaf, ?Namni tokko haadha manaa isaa baasuun seeraa?? jedhanii gaafatan.
[3] Inni immoo deebisee, ?Museen maal isin abboome?? isaaniin jedhe.
[4] Yommus isaan, ?Museenoo ?Caaffata ittiin ishee hiiku kenneefii yoo hiike in ta'a? jedheera? jedhan.
[5] Yesus garuu, ?Sababii mata-jabina keessaniif inni abboommii kana isiniif caafe.
[6] Jalqaba uumamaatti garuu, ?Waaqayyo dhiira, dubartiis in uume;?
[7] ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa [haadha manaa isaattis in maxxana]
[8] isaan lachanuus foon tokko in ta'u.? Egaa isaan lama miti, foon tokko malee.
[9] Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!? isaaniin jedhe.
[10] Mana keessatti immoo bartoonni waa'ee dubbii kanaa isa gaafatan.
[11] Inni immoo, ?Eenyu illee haadha manaa isaa baasee kan biraa yoo fuudhe, ejjee, isheetti yakkeera;
[12] isheenis abbaa manaa ishee hiiktee kan biraatti yoo heerumte, in ejjiti? isaaniin jedhe.
[13] Yesus harka isaa akka isaan irra kaa'uuf namoonni tokko mucoolii gara isaatti in fidan; bartoonni immoo ifatanii isaan dhowwan.
[14] Yesus garuu yommuu kana arge aaree, bartoota isaatiin, ?Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'a.
[15] Ani dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin simanne, itti hin galu? jedhe.
[16] Mucooliis ammatee harka isaas mataa isaanii irra kaa'ee isaan eebbises.
[17] Yesus adeemuudhaaf karaa irra yommuu bu'utti, namichi tokko itti fiigee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, ?Yaa barsiisaa gaarii! Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?? jedhee gaafate.
[18] Yesus immoo, ?Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru.
[19] Abboommiin, ?Hin ajjeesin, hin ejjin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in, gowwoomsaadhaan hin fudhatin, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!? akka jedhu in beekta? jedheen.
[20] Namichi immoo deebisee, ?Barsiisaa! Kana hundumaa ijoollummaa kootii jalqabee raawwadheera? jedheen.
[21] Yesus ilaalee isa jaallatee, ?Waan tokkotu si duraa hir'ata. Dhaqii, waan qabdu gurgurii, warra deegaadhaafis kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta; isa booddee immoo kottuu ana duukaa bu'i!? jedheen.
[22] Namichi kana yommuu dhaga'e qabeenya guddaa qaba waan tureef, bifni isaa geddaramee, gaddees achii adeeme.
[23] Yesus yommus naannoo isaa ilaalee bartoota isaatiin, ?Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha!? jedhe.
[24] Bartoonni isaa dubbii isaatti na'anii dinqifatan. Yesus garuu ammas, ?Ijoollee! [Warri qabeenya isaanii amanatan] mootummaa Waaqayyootti galuun attam dhiphuu dha!
[25] Sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba'uutu salphata? jedhe.
[26] Kana irratti isaan gar-malee na'anii dinqifatanii, ?Egaa eenyutu fayyuu danda'a ree?? jedhaniin.
[27] Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ?Namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu akkas miti; Waaqayyoof wanti hundinuu in danda'ama? jedhe.
[28] Phexros kana irratti, ?Kunoo nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra? jedheen.
[29] Yesus immoo deebisee, ?Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mana yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis haadha, yookiis abbaa yookiis ijoollee yookiis araddaa anaa fi wangeelaaf jedhee kan dhiise,
[30] bara jireenya isaatti ari'atamuudhaan yoo ta'e iyyuu manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota, araddaas dachaa dhibba in argata, bara dhufuttis jireenya bara baraatti in gala.
[31] Garuu baay'een warra dura jiran keessaa warra hundumaa booddee kan ta'an jiru, warra hundumaa booddee jiran keessaas warra duraa kan ta'an jiru? jedhe.
[32] Isaan gara Yerusaalem dhaquudhaaf karaa irra yommuu bu'an, Yesus isaan dura in adeema ture. Bartoonni na'anii dinqifachaa, warri isaan duukaa bu'anis sodaachaa in adeemu turan. Inni immoo warra kudha lamaan ammas kophaatti fuudhee, waan isatti dhufuudhaaf jiru isaanitti himutti ka'e,
[33] ?Kunoo gara Yerusaalemitti ol ba'uu keenya! Ilmi namaa luboota warra angafootaatti, barsiisota seeraattis dabarfamee in kennama; isaan immoo yakka du'aa itti muranii, saba Waaqayyoo warra hin ta'initti dabarsanii isa in kennu;
[34] jarri itti in gai'su, itti in tufu, in reebu, in ajjeesus; inni immoo guyyaa sadii booddee du'aa in ka'a? jedhe.
[35] Yaaqoobii fi Yohannis ilmaan Zabdewos gara Yesusitti dhi'aatanii, ?Barsiisaa! Waan nuyi si kadhannu akka nuuf gootu in barbaanna? jedhaniin.
[36] Inni immoo, ?Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?? isaaniin jedhe.
[37] Yommus isaan deebisanii, ?Ulfina keetti abbaan tokko gara mirga kee inni kaan immoo gara bitaa kee akka teenyu nuuf kenni!? jedhaniin.
[38] Yesus garuu, ?Waan kadhattan hin beektan! Xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguu in dandeessuu? Cuupphaa ani ittiin cuuphamuuf jedhus cuuphamuu in dandeessuu?? isaaniin jedhe.
[39] Isaan immoo, ?In dandeenya? jedhaniin. Yesus garuu, ?Xoofoo ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguuf jirtu, cuupphaa ani ittiin cuuphamus cuuphamuuf jirtu.
[40] Mirga koo yookiis bitaa koo taa'uu garuu kennuun kan koo miti; taa'umsi sun warra kanaan dura qopheeffameefiif ta'a? isaaniin jedhe.
[41] Bartoonni warri kaan kurnan yommuu kana dhaga'an, Yaaqoobii fi Yohannisitti aaruutti ka'an.
[42] Yesus yommus gara isaatti isaan waamee, ?Warri saba biyya lafa kanaa abboomuutti beekaman, gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu.
[43] Isin gidduutti garuu akkas hin ta'u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta'uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta'uutu isa irra jira.
[44] Eenyu illee isin keessaa dura ta'uu kan barbaadu, hundumaaf garbicha ta'uutu isa irra jira.
[45] Ilmi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay'eetiif kennuuf dhufe malee? jedhe.
[46] Ergasii isaan Yerikoo dhufan. Yeroo Yesus bartoota isaatii fi tuuta sonaan baay'ee wajjin Yerikoodhaa ba'ee adeemuuf jedhetti, Barxiimewos ilmi Ximeewos, namichi jaamaan tokko, karaa bukkee taa'ee in kadhata ture.
[47] Yesus nama biyya Naazireet ta'uu isaa yommuu dhaga'e, iyyee, ?Yesus! Ilma Daawit na maari!? jedhe.
[48] Namoonni baay'een calluma jechisiisuudhaaf isa ifatan; inni garuu ittuma caalchisee iyyee, ?Ilma Daawit, na maari!? jedhe.
[49] Yesus yommus dhaabatee, ?Waamaa!? jedhe. Isaan immoo namicha jaamaa sana waamanii, ?Jabaadhu, ka'i! Si waama!? jedhaniin.
[50] Kanaaf inni wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee ka'ee, gara Yesus dhufe.
[51] Yesusis, ?Maal akkan siif godhu barbaadda?? jedheen. Namichi inni jaamaan immoo deebisee, ?Agartuu koo akka anaaf deebiftu, yaa barsiisaa!? jedheen.
[52] Yesus immoo, ?Karaa kee dhaqi, amantiin kee si fayyiseera!? jedhe. Achumaanis agartuun isaa deebi'eefii, karaattis isa duukaa bu'e.