[1] Ayyaanni Faasiikaa fi, ayyaanni Maxinoo guyyaa lamatti galee ture. Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa karaa ittiin Yesusin haxxummaadhaan qabsiisanii ajjeesan in barbaadu turan.
[2] Isaan, ?Namoota gidduutti raafamni akka hin kaaneef, kana gochuun yeroo ayyaanaatti hin ta'u? jedhu turan.
[3] Yesus immoo, Bitaaniyaa mana Simoon isa lamxaa'ee turee keessa nyaataaf taa'ee utuu jiruu, dubartiin tokko urgooftuu dibataa makaa hin qabne baay'ee gati-jabeessas, hidda biqiltuu naardos jedhamu irraa kan hojjetame, shurrubbeetti qabattee dhufte; isheen shurrubbee sana cabsitee, urgooftuu sana mataa Yesus irratti naqxe.
[4] Jarreen tokko garuu jibbanii, ?Urgooftuun kun maaliif bade?
[5] Urgooftuun kun akka meetii dhibba sadii caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu in danda'a ture? waliin jedhan; isheettis in dheekkaman.
[6] Yesus garuu, ?Ishee dhiisaa! Maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote.
[7] Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti argattu, yeroodhuma feetanittis gaarii gochuufii in dandeessu; ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan.
[8] Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhagna koos duraan dursitee awwaalaaf dibdeetti.
[9] Ani dhuguman isiniin jedha, biyya lafaa guutummaatti iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama? jedhe.
[10] Yommus Yihudaan namni biyya Keriyot, bartoota kudha lamaan keessaa tokko inni ture, Yesusin dabarsee itti kennuudhaaf gara luboota warra angafootaa dhaqe.
[11] Isaan kana yommuu dhaga'an gammadanii, horii kennuufii abdachiisan; kanaaf Yihudaan dabarsee isa kennuudhaaf fucha in barbaada ture.
[12] Jalqaba ayyaana Maxinootti, namoonni hoolaa Faasiikaa erga qalanii booddee, bartoonni isaa, ?Hoolaa Faasiikaa akka nyaattuuf eessa dhaqnee akka qopheessinu barbaadda?? jedhanii Yesusin gaafatan.
[13] Yommus inni bartoota isaa keessaa lama ergee, ?Mandarichatti lixaa! Namni okkotee bishaanii baatu tokkos isinitti in dhufa; isa duukaa dhaqaa!
[14] Manuma namichi itti galuttis abbaa manaatiin, ?Manni keessummaa kan ani bartoota koo wajjin keessatti irbaata Faasiikaa nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan? ittiin jedhaa!
[15] Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal'aa, mi'a manaatiin guutee afame tokko, isinitti in argisiisa. Achitti nuuf qopheessaa!? jedhe.
[16] Bartoonni sun ka'anii gara mandaraa dhaqan; akkuma inni isaanitti himettis argatanii, achitti irbaata Faasiikaa qopheessan.
[17] Yommuu galgalaa'e Yesus bartoota isaa kudha lamaanii wajjin in dhufe.
[18] Maaddiitti taa'anii nyaachaa utuu jiraniis Yesus, ?Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, inni anaa wajjin nyaachuutti jiru tokko, dabarsee na kennuuf jira? jedhe.
[19] Isaan yommus gaddanii wal harkaa fuudhaniis, ?Anaan jechuu kee miti! Mitii ree?? ittiin jechuu jalqaban.
[20] Inni immoo, ?Warra kudha lamaan keessaa tokko, isa anaa wajjin qodaa ittootti cuuphatuu dha.
[21] Ilmi namaa illee akkuma waa'ee isaaf caafametti du'uuf in dhaqa; garuu namicha ilmi namaa harka isaatiin dabarfamee kennamu sanaaf wayyoo! Namichi sun utuu hin dhalanne ta'ee in wayyaaf ture? isaaniin jedhe.
[22] Utuu nyaachaa jiranii, Yesus buddeena fuudhee, eebbisee, cabsees bartoota isaatiif kennee, ?Fudhadhaa, kun dhagna koo ti!? jedhe.
[23] Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniif kenne; isaanis hundumtuu xooficha keessaa in dhugan.
[24] Inni immoo, ?Kun dhiiga koo ti, dhiiga kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf namoota baay'eedhaaf dhangala'ee dha.
[25] Hamma guyyaa gaafa ani mootummaa Waaqayyoo keessatti isa haaraa dhugutti, deebi'ee daadhii waynichaattii akkan hin dhugne dhuguman isinitti hima? isaaniin jedhe.
[26] Faarfannaa galataa erga faarfatanii booddee gara gaara ejersaatti ol ba'an.
[27] Yommus Yesus, ?Hundumti keessan na dhiiftanii baqachuuf jirtu. ?Ani tiksee rukutee lafaan nan dha'a, hoolonnis in bittimfamu? jedhamee caafameera.
[28] Ergan du'aa kaafamee booddee garuu, isin dura Galiilaa nan dhaqa? isaaniin jedhe.
[29] Phexros yommus, ?Isaan hundinuu si dhiisanii yoo baqatan iyyuu, ani si dhiisee hin baqadhu!? ittiin jedhe.
[30] Yesus immoo, ?Dhuguman siin jedha, halkanuma kana indaanqoon si'a lama utuu hin iyyin, ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhe.
[31] Inni garuu ittuma cimsee, ?Sii wajjin du'uun yoo na irraa barbaadame illee, matumaa si hin ganu? jedhe; isaan hundumtuus akkasuma jedhan.
[32] Gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqanii, Yesus bartoota isaatiin, ?Hamma ani kadhadhee raawwadhutti as taa'aa!? jedhe.
[33] Phexrosin, Yaaqoobin, Yohannisinis ofii wajjin fudhatee, raafamee yaadaan dhiphachuutti ka'e.
[34] Isaaniin immoo, ?Lubbuun koo hamma du'aatti baay'ee gaddite; isin as turaa, dammaqaas!? jedhe.
[35] Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhate,
[36] ?Yaa abbaa koo wanti hundumtuu siif in danda'ama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa ta'u malee, waan ani jaalladhu miti? jedhe.
[37] Dhufees rafanii isaan argee, Phexrosiin, ?Simoon! In raftaa? Sa'aatii tokkittiif illee dammaquu hin dandeenyee?
[38] Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha? jedhe.
[39] Ammas achi hiiqee kadhatuma isaa duraas kadhate.
[40] Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge; iji isaanii baay'ee itti ulfaatee ture; maal akka isaaf deebisanis hin beekne.
[41] Si'a sadaffaatti dhufee, ?Amma iyyuu raftanii boqochuutti jirtuu? In ga'a, yerichi ga'eera; kunoo, ilmi namaa harka cubbamootaatti kennamuu isaa ti.
[42] Ka'aa itti adeemnaa! Kunoo, inni dabarsee na kennu dur dhi'aate? isaaniin jedhe.
[43] Utuma Yesus kana dubbachaa jiruu, kunoo Yihudaan, warra kudha lamaan keessaa tokko, isaan bira ga'e. Isaa wajjinis luboota warra angafoota, barsiisota seeraa fi, maanguddoota biraa warri ergaman billaadhaa fi bokkuu qabatanii dhufan.
[44] Inni dabarsee Yesusin kennuuf ture sun milikkitaaf, ?Inni ani dhungadhu isa, qabaatii, eeggachaa fuudhaa sokkaa!? jaraan jedhee ture.
[45] Yihudaan akkuma achi ga'een gara Yesusitti darbee, ?Barsiisaa ko!? jedhee isa dhudhungate.
[46] Jarri yommus hiixatanii Yesusin qaban.
[47] Warra bukkee dhaabatan keessaa immoo tokko billaa isaa luqqifatee, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa irraa kute.
[48] Yesus immoo, ?Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti, ana qabuudhaaf billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii?
[49] Guyyaa dhufaa darbaa isinii wajjin wal argaa, mana qulqullummaa keessattis barsiisaan ture, isin yommus ana hin qabne; amma garuu wanti caaffanni qulqullaa'oon jedhan raawwatamuun in ta'a? jedhe.
[50] Bartoonni hundinuu immoo isa dhiisanii in baqatan.
[51] Yeroo sanatti dargaggeessi tokko wayyaa quncee talbaa tokko duwwaa dhagna isaatti olbatee, Yesus duukaa dhaqe; jarris isa qabatan.
[52] Inni immoo wayyaa sana harkatti dhiisee, qullaa isaa fiigee harkaa ba'e.
[53] Yesusin gara angafa lubootaatti geessan; luboonni warri angafoonni hundinuu, maanguddoonni, barsiisonni seeraas achitti walitti qabamanii turan.
[54] Phexros hamma oobdii mana angafa lubootaatti irraa fagaatee Yesus duukaa adeeme, achitti eegdotaa wajjin taa'ee ibidda in qaqqaammata ture.
[55] Luboonni warri angafoonni, guutummaan yaa'ii warra Yihudootaas Yesusin ajjeesuudhaaf namoota isa irratti dhugaa ba'aniif in barbaadu turan, garuu tokko illee hin arganne.
[56] Namoonni baay'een sobaan yoo isa irratti dhugaa ba'an iyyuu, dubbiin isaanii wal hin fudhanne.
[57] Kaan immoo ka'anii sobaan isa irratti dhugaa ba'anii,
[58] ? ?Mana qulqullummaa isa harkaan hojjetame kana jigsee, guyyaa sadiitti kan biraa kan harkaan hin hojjetamin nan dhaaba? jechuu isaa dhageenyeerra? jedhan.
[59] Haa ta'u iyyuu malee, isa kana irratti iyyuu dubbiin isaanii wal hin fudhanne.
[60] Yommus angafni lubootaa fuula hunduma isaanii dura dhaabatee Yesusin, ?Waan jarri kun si irratti dhugaa ba'an kanaaf deebii tokko illee hin qabduu ree?? jedhee gaafate.
[61] Inni garuu calluma jedhe malee, deebii tokko illee hin laanneef. Angafni lubootaa amma immoo, ?Ati Masiihii, ilma Waaqayyoo isa galateeffamaa tii?? jedhee isa gaafate.
[62] Yesus immoo, ?Ani isa; ilmi namaa mirga isa aango-qabeessaa taa'ee duumessoota waaqaa keessas utuu dhufuu arguuf jirtu? jedheen.
[63] Yommus angafni lubootaa sun aaree uffata isaa tarsaasee, ?Amma immoo dhuga-baatuu maalii nu barbaachisa ree?
[64] Waaqayyoon arrabsuu isaa isin iyyuu dhageessaniittu! Maal isinitti fakkaata?? jedhe. Kana irratti isaan hundumtuus ajjeefamuun akka isaaf ta'u itti muran.
[65] Jarreen tokkos isatti tufan, ija isaas hidhanii rukutanii, ?Eenyutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!? ittiin jedhu turan; warri eegdonnis isaan harkaa fudhatanii isa kakkabalan.
[66] Phexros amma illee oobdii keessa utuu jiruu xomboreewwan angafa lubootaa keessaa tokko in dhufte.
[67] Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argitee, hubattee isa ilaaltee, ?Atis immoo Yesus namicha biyya Naazireet sanaa wajjin turte? jette.
[68] Inni garuu, ?Waan ati jettu ani hin beeku, anaaf hin galus? jedhee gane; kana booddee gara karra dallichaatti gad ba'e; [ergasii indaanqoon in iyyite].
[69] Xomboreettiin isa argitee ammas warra achi dhaabataniin, ?Namichi kunis isaan keessaa tokko? jette.
[70] Inni garuu ammas in gane. Yeroo xinnoo booddees warri achi dhaabatan ammoo Phexrosiin, ?Atis nama Galiilaa waan taateef, ati dhuguma isaan keessaa tokko? ittiin jedhan.
[71] Inni garuu, ?Namicha isin jettan kana ani hin beeku? jedhee, of abaaruu kakachuuttis ka'e.
[72] Achumaanis indaanqoon lammaffaa iyyite; Phexros yommus isa Yesus, ?Indaanqoon si'a lama utuu hin iyyin, ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhee ture yaadatee, boo'icha in futtaafate.