[1] Akkuma lafti bari'een luboonni warri angafoonni, maanguddoonnii fi barsiisonni seeraa guutummaan yaa'ii warra Yihudootaa hundinuus Yesus irratti mari'atan; kana booddee isa hidhanii, geessanii, Philaaxositti dabarsanii kennan.
[2] Philaaxos, ?Si'ii mootiin Yihudootaa?? jedhee isa gaafate; inni immoo, ?Situ akkas jedhe? jedhe deebiseef.
[3] Luboonni warri angafoonni waan baay'eedhaan isa hadheessan.
[4] Philaaxos ammas, ?Kunoo, waan baay'eedhaan si hadheessu'o waan deebiftu hin qabduu ree?? jedhee, Yesusin gaafate.
[5] Yesus garuu ergasii deebii tokko illee hin deebifneef; kun immoo Philaaxosin in dinqifachiise.
[6] Philaaxos ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa nama isaan, ?Nuuf gad dhiisi? jedhan tokko in gad dhiisa ture.
[7] Warra goolii kaasanii nama ajjeesanii hidhaman keessaa immoo tokko Barabbaa kan jedhamu ture.
[8] Yommus namoonni gara mana mootummaatti ol ba'anii, waan dur gochaafii ture akka isaaniif raawwatuuf Philaaxosin kadhachuutti ka'an.
[9] Philaaxos immoo deebisee, ?Mootii Yihudootaa akkan gad isiniif dhiisu barbaadduu?? isaaniin jedhe.
[10] Innoo luboonni warri angafoonni hinaaffaadhaaf dabarsanii akka isa kennan hubatee ture.
[11] Luboonni warri angafoonni garuu, isaa mannaa Barabbaa gad nuuf dhiisi, akka jedhaniif namoota itti tuqan.
[12] Ammas Philaaxos, ?Egaa namicha isa isin mootii Yihudootaa jettanii waamtanoo maal godhu ree?? jedhee isaaniif deebise.
[13] Isaanis, ?Isa fannisi!? jedhanii iyyan.
[14] Philaaxos immoo, ?Maaliif? Maal balleesse?? isaaniin jedhe; isaan garuu, ?Isa fannisi!? jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.
[15] Philaaxos yommus namoota gammachiisuu barbaadee, Barabbaa gad isaaniif dhiise; Yesusin immoo reebsisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
[16] Warri loltuu ergasii Yesusin gara mana mootummaa sanatti ol galchanii, kutata loltuu sana keessaa warra hafanis walitti waaman.
[17] Uffata dhiilgee Yesusitti uffisanii, gonfoo qoraattii hojjetanii, mataa isaa irra kaa'an.
[18] Achumaanis, ?Attami ree, yaa mootii Yihudootaa!? jedhanii nagaa isa gaafachuutti ka'an.
[19] Uleedhaan mataa isaa rurrukutanii, itti tufanii jilbeenfatanii sagadaniifis.
[20] Isaan erga itti ga'isanii booddee, uffata dhiilgee sana irraa baasanii, wayyaa isaa deebisanii itti uffisan; kana booddee gad baasanii fannisuudhaaf isa geessan.
[21] Namni biyya Qareenaa tokko maqaan isaa Simi'oon kan jedhamu, abbaa Iskindrosii fi Ruufos, lafa qotiisa isaatii utuu galuu isaanitti dhufe; isaan immoo fannoo Yesus akka baatuuf isa giddisiisan.
[22] Yesusinis gara iddoo Golgootaa jedhamutti geessan; ?Golgootaa? jechuun ?Iddoo lafee mataa? jechuu dha.
[23] Isaan yommus daadhii waynii qumbiidhaan makame Yesusiif kenninaan; inni fudhachuu dide.
[24] Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan.
[25] Yeroon isa fannisanis bari'ee sa'aatii sadiitti ture.
[26] Yakka inni ittiin hadheeffame mul'isuudhaafis, ?Kun mooticha Yihudootaa ti? kan jedhu mataa isaa gara irraatti caafamee ture.
[27] Isaa wajjin immoo saamtota lama, isa tokko mirga isaatti isa kaanis bitaa isaatti fannisan. [
[28] Yommus inni macaafni, ?Warra seera cabsituutti lakkaa'ame? jedhu in raawwatame].
[29] Warri achiin darban immoo mataa isaanii raasanii, ?Muu! Ati isa mana qulqullummaa jigsitee guyyaa sadiitti ijaartu!
[30] Mee of oolchi! Fannoo irraas gad bu'i!? jedhanii in arrabsu turan.
[31] Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraas akkasuma wal harkaa fuudhanii isatti ga'isan, ?Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u.
[32] Masiihicha mooticha Israa'el erga ta'ee akka nuyi arginee isatti amannuuf, amma fannoo irraa gad haa bu'u!? jedhan; warri isaa wajjin fannifamanis immoo isa in ceepha'u turan.
[33] Sa'aatii ja'aa jalqabee hamma sa'aatii sagaliitti dukkanni lafa hundumaa irra ture.
[34] Sa'aatii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, ?Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?? jedhee waammate; kunis, ?Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?? jechuutti in hiikama.
[35] Warra achi dhaabatan keessaa kaan kana dhaga'anii, ?Kunoo Eliyaasin waammata? jedhan.
[36] Yommus isaan keessaa tokko fiigee daadhii waynii dhangaggaa'aa waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa, isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutee, uleetti kaa'ee, akka inni dhuguuf kenneefii, ?Eliyaas fannoo irraa gad isa buusuudhaaf yoo dhufe, mee in ilaalla!? jedhe.
[37] Yesus sagalee guddaa isaa dhageessisee hafuurri isaa keessaa yaa'e.
[38] Yeroo sanatti golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e.
[39] Angafni dhibbaa inni gara Yesusitti gara galee dhaabatu akkasitti hafuurri isaa isa keessaa yaa'uu isaa yommuu hubate, ?Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture? jedhe.
[40] Dubartoonni halaala dhaabatanii in ilaalan; isaan keessas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuu, kan Yosees, Salomees turan.
[41] Isaan warra yommuu inni Galiilaa ture isa duukaa bu'anii isaaf hojjetan; kan biraa dubartoonni baay'eenis immoo isaa wajjin Yerusaalemitti kan ol ba'an achitti argamaniiru.
[42] Borumtaas Sanbata waan ta'eef namoonni guyyaa sanatti in qophaa'u turan; yeroon isaa immoo gara galgalaa ture.
[43] Yaa'ii warra Yihudootaa keessa namichi ulfina-qabeessi Yoseef jedhamu tokko ture. Namichi mandara Armaatiyaa inni ofii isaatii mootummaa Waaqayyoo eeggatu kun, ija-jabinaan Philaaxos bira dhaqee, reeffa Yesus kadhate.
[44] Philaaxos immoo, ?Kanuma dura du'ee?? jedhe dinqifate; yommus angafa dhibbaa waamee erga du'ee hammam akka ture gaafate.
[45] Akka isaa angafa dhibbaa irraa erga baree booddee, reeffa isaa Yoseefiif kennisiise.
[46] Yommus Yoseef wayyaa quncee talbaa irraa dha'ame bitee, reeffa isaa fannoo irraa gad buusee, wayyicha sanaanis kafane. Awwaala garaa dhagaa keessatti tolfame tokko keessa kaa'ee, balbala awwaalichaatti immoo dhagaa gangalche.
[47] Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yosees iddoo reeffi isaa kaa'ame in argan.