[1] Kana booddee isaan ciisa bishaanii gama, gara kutaa biyya Gergeessaa dhufan.
[2] Akkuma Yesus bidiricha irraa bu'een, namni hafuurri hamaan keessa ture tokko, iddoo awwaalaa keessaa ba'ee isatti dhufe.
[3] Namichi kun awwaalota gidduu jiraate; homtinuus funyoodhuma sibiilaatiin illee isa hidhuu hin dandeenye.
[4] Inni yeroo baay'ee funyoo sibiilaatii fi hidhaa harkaatiin hidhameera, garuu funyoo sibiilaa of irraa in kukkuta, hidhaa harkaas in caccabsa ture. Kanaaf namni tokko illee gad isa qabuu hin dandeenye.
[5] Namichi kun yeroo hundumaa halkanii fi guyyaa awwaalota gidduutti, tulloota irrattis argamee in iyya, dhagaadhaanis of in rukuta ture.
[6] Inni fagootti Yesusin argee, gara isaatti fiigee jilbeenfatee Yesusiif sagade.
[7] Caraanaas sagalee guddaadhaan, ?Yaa Yesus ilma Waaqayyoo aabbaa, maal nattii qabda? Maaltus dhimma koo keessa si buuse? Hadaraa Waaqayyoo ana hin dhiphisin!? jedhe.
[8] Yesus immoo, ?Ati hafuura hamaa nana, namicha kana keessaa ba'i!? ittiin jedhee ture.
[9] Yesus, ?Maqaan kee eenyu?? jedhee gaafannaan, hafuurichi immoo, ?Maqaan koo duula, nuyi baay'ee dha? jedhee deebiseef.
[10] Achumaanis hafuurota baay'ee sana biyya keessaa akka hin baafneef, jabeessee Yesusin kadhate.
[11] Dirree gaarichaa sana irra, kunoo hoomaan booyyee bobba'anii turan.
[12] Hafuuronni hamoonni sun immoo ?Booyyota sanatti akka galluuf itti nu ergi!? jedhanii Yesusin kadhatan.
[13] Yommus inni haa dhaqaniif isaan dhiise. Hafuuronni hamoonni namicha keessaa ba'anii booyyota sanatti galan. Hoomaan akka booyyota kuma lamaatti lakkaa'aman sun, hallayaa irraa gad gara ciisa bishaaniitti konkolaatanii liqimfaman.
[14] Yommus warri booyyee eegan baqatanii, kana warra mandara keessaa fi warra biyyaattis odeessan. Namoonni immoo waan ta'e kana ilaaluudhaaf dhufan.
[15] Yesus bira ga'anii, namicha isa duula hafuura hamaadhaan qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebi'ee achi taa'ee argan; hundumti isaaniis in sodaatan.
[16] Duraan achi turanii, waan namicha hafuurri hamaan keessa ture sanaaf ta'e, hoomaan booyyees maal akka ta'an warri argan, jara dhufanitti himan.
[17] Yommus jarri, Yesus kutaa biyya isaaniitii akka adeemuuf kadhatan.
[18] Yesus achii adeemuudhaaf bidiruu yaabbannaan, namichi hafuura hamaadhaan qabamee ture sun, ?Sii wajjin nan adeema? jedhee isa kadhate.
[19] Yesus garuu, ?Gara mana keetii fi lammii keetii dhaqi, waan gooftaan siif godhe hundumaa, attamittis akka si maare isaanitti himi!? ittiin jedhe malee tole hin jenne.
[20] Namichi achii adeemee mandaroota kurnanuu keessa naanna'ee waan Yesus isaaf godhe hundumaa labse; hundinuus in dinqifatan.
[21] Yesus bidiruudhaan deebi'ee ciisa bishaanichaa yommuu ce'etti, namoonni baay'een gara isaatti walitti qabaman. Inni immoo qarqara bishaanichaa ture.
[22] Yommus warra geggeessituu mana sagadaa keessaa tokko, maqaan isaa Yaayiros kan jedhamu dhufee, Yesusin argee, miilla isaa jalatti kufee,
[23] ?Mucaan koo dhukkubsattee du'uuf jetti, akka isheen fayyitee jiraattuuf hadaraa kottuutii harka kee ishee irra kaa'i!? jedhee jabeessee kadhate.
[24] Kanaaf Yesus Yaayirosii wajjin in adeeme; namoonni baay'eenis isa dhiisanii duukaa in bu'u turan.
[25] Dubartiin waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkattu tokko immoo turte.
[26] Isheen ogeessota qorichaa biratti baay'ee dhiphattee, waan qabdu hundumaas kanuma irratti fixxe; haa ta'u iyyuu malee, qooda itti foyya'uu ittuma hammaataa adeeme.
[27] Isheen waa'ee Yesus yommuu dhageesse, namoota sana gidduu dugda isaa duubaan dhuftee uffata isaa tuqxe.
[28] Isheen, ?Uffatuma Yesus yoon tuqe illee nan fayya? jettee garaa isheetti yaaddee turte.
[29] Achumaan lolaan dhiiga ishee in cite; isheen immoo dhukkuba isheettii akka fayyite itti dhaga'ame.
[30] Yesus yeroodhuma sana humni fayyisu isa keessaa akka ba'e beekee, namoota gidduudhaa gara galee, ?Eenyutu uffata koo tuqe?? jedhee gaafate.
[31] Bartoonni isaa immoo, ?Akka namoonni si dhiiban utuma argituu, ?Eenyutu na tuqe?? jettee gaafattaa?? jedhaniin.
[32] Yesus garuu amma iyyuu nama isa tuqe arguudhaaf naannoo isaa ilaale.
[33] Kana irratti dubartittiin waan isheedhaaf godhame hubattee, sodaachaa rom'aa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhoofte; dhugaa ishee hundumaas isatti himte.
[34] Yesus immoo, ?Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite ta'i!? isheedhaan jedhe.
[35] Utuu Yesus kana dubbachaa jiruu namoonni mana Yaayiros geggeessituu mana sagadaa sanaa, dhufanii, ?Intalli kee duuteetti, si'achi immoo maaliif barsiisicha dhamaafta?? jedhaniin.
[36] Yesus garuu, waan dubbatame sana homaattuu utuu hin fudhatin, geggeessituu mana sagadaa sanaan, ?Hin sodaatin, amani duwwaa!? jedhe.
[37] Yesus yommus Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob malee, namni kan biraa isa duukaa mana namichaa akka dhaqan hin barbaanne.
[38] Gara mana geggeessituu sanaa yommuu dhufan, Yesus huursaa isaanii dhaga'ee, namoota boo'anii wawwaatanis arge.
[39] Inni manatti yommuu ol gale, ?Maaliif huursitanii boossu? Intalattiin rafuutti jirti malee, hin duune? isaaniin jedhe.
[40] Isaanis itti kolfan. Inni garuu hunduma isaanii gad yaasee, abbaa intalattii fi haadha ishee warra isaa wajjin turanis fudhatee, iddoo reeffi intalattii jirutti ol gale.
[41] Harka ishees qabee, ?Xaaliitaa quumii!? jedheen; kunis, ?Intalo! Siinan jedha, ka'i!? jechuutti hiikama.
[42] Intalattiin si'uma sana kaatee asii fi achi adeemte; isheenis intala waggaa kudha lamaa turte. Yommus isaan guddaa gammadanii of wallaalan.
[43] Yesus immoo waan ta'e kana eenyu illee akka hin barre jabeessee isaan abboomee, ?Wanta nyaatamu isheedhaaf kennaa!? jedhee isaanitti hime.