[1] Kana booddee Yesus, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namoota as dhaabatanii jiran keessaa, kaan utuu hin du'in, mootummaan Waaqayyoo humnaan dhufee arguuf jiru? jedhe.
[2] Guyyaa ja'a booddees, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin Yohannisinis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkootti kophaatti isaan baase; inni bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate.
[3] Uffanni isaas miiccituun lafa irraa akkas calaqsiisuu akka hin dandeenyetti adii calaqqisaa ta'e.
[4] Eliyaasii fi Museen achitti isaanitti mul'atanii, Yesusii wajjin dubbachaa turan.
[5] Phexros gidduutti, ?Yaa barsiisaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha! Kottaa asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif in ijaarraa? jedhee Yesusitti dubbate.
[6] Bartoonni sun baay'ee sodaatanii waan turaniif, inni maal akka dubbatu hin beeku ture.
[7] Yommus duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, ?Kun ilma koo isa ani jaalladhu, isa dhaga'aa!? jedhe.
[8] Bartoonni battaluma sana naannoo isaanii yommuu ilaalan Yesusin duwwaa of biratti argan malee, deebi'anii nama tokko iyyuu achitti hin argine.
[9] Isaan gaaricha irraa utuu gad bu'uutti jiranii Yesus, ?Ani ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa utuun hin ka'in, waan argitan nama tokkotti iyyuu hin himinaa!? jedhee bartoota isaa abboome.
[10] Isaan immoo dubbii isaa fudhatanii, ?Warra du'an keessaa ka'uun maal inni?? jedhanii wal gaggaafatan.
[11] Achumaanis, ?Maaliif barsiisonni seeraa, ?Eliyaas dura dhufuutu ta'a? jedhu?? jedhanii Yesusin gaafatan.
[12] Yesus deebisee, ?Waan hundumaa iddootti deebisuudhaaf Eliyaas duraan dursee in dhufa illeetii, haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa baay'ee dhiphachuuf jira, tuffatamuufis jira, jedhamee waa'ee kootiif attamitti caafame ree?
[13] Ani garuu isinittan hima, Eliyaas dhufeera; akkuma waa'ee isaatiif caafamee jiruttis, jarreen tokko waanuma jaallatan isa irratti raawwatan? isaaniin jedhe.
[14] Isaan gara bartoota warra kaanii yommuu dhufan, namoonni baay'een isaanitti naanna'anii, barsiisonni seeraa tokkos isaanitti utuu falmanii argan.
[15] Namoonni hundinuu akkuma Yesusin arganiin raajeffatanii, gara isaatti fiiganii nagaa gaafatan.
[16] Inni immoo, ?Maal isaanitti falmitu?? jedhee isaan gaafate.
[17] Yommus tuuta sana keessaa namni tokko deebiseefii, ?Barsiisaa! Ilma koo isa hafuura didaadhaan qabame gara keetti fideera.
[18] Hafuurichis iddoodhuma isa qabutti lafaan isa dha'a; gurbichi immoo hoomacha afaaniin in yaasa, ilkaan in qara dhagni isaas qaratti in goga. Ani illee akka isaan hafuuricha baasaniif bartoota kee gaafadheera; isaan garuu isa baasuu hin dandeenye? jedhe.
[19] Yesus deebisee, ?Isin yaa dhaloota hin amannee nana, hamma yoomiittan isin bira jiraadha? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu? Gara kootti isa fidaa!? isaaniin jedhe.
[20] Yommus isaan gurbicha gara Yesusitti fidan. Hafuurichi immoo Yesusin yommuu arge, gurbicha wixxifachiisee lafaan dha'ee, gangalachiisees hoomacha afaaniin baase.
[21] Yesus, ?Kun isa qabuun isaa erga yoomiitii?? jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Inni immoo deebisee, ?Mucummaa isaatii jalqabe.
[22] Yeroo baay'ees isa balleessuudhaaf jedhee ibidda keessa, bishaan keessas buuseera; garuu waan tokko gochuu yoo dandeesse, nuuf oo'ii nu gargaari!? jedhe.
[23] Yommus Yesus, ?Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama? jedheen.
[24] Achumaan abbaan mucichaa sagalee isaa ol fudhatee, ?Nan amana, amanti-dhabina kootti na gargaari!? jedheen.
[25] Yesus immoo namoonni akka itti dacha'an argee, hafuuricha hamaa sana ifatee, ?Ati hafuura didaadhaa fi dudaa nana! Sin abbooma, isa keessaa ba'i deebites itti hin galin!? ittiin jedhe.
[26] Hafuurichi mucicha iyyisiisee baay'ees erga wixxifachiisee booddee keessaa in ba'e; yommus gurbichi akka waan du'ee taanaan, namoonni baay'een ?Du'eera? jedhan.
[27] Yesus garuu harka gurbichaa qabee lafaa ol isa kaase, innis in ka'e.
[28] Yesus erga manatti ol galee booddee, bartoonni isaa kophaatti, ?Nuyi maaliif hafuuricha hamaa sana baasuu hin dandeenye?? jedhanii isa gaafatan.
[29] Inni immoo deebisee, ?Inni akkasii kun kadhataan, [soomuudhaanis] malee, waan biraatiin baafamuu hin danda'u? isaaniin jedhe.
[30] Ergasii isaan achii adeemanii kutaa biyya Galiilaa keessa darban; Yesus immoo namni tokko illee kana akka beeku hin barbaanne.
[31] Inni, ?Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee in kennama, isaan isa in ajjeesu; inni garuu ajjeefamee guyyaa sadii booddee in ka'a? jedhee bartoota isaa barsiisaa ture.
[32] Bartoonni garuu dubbii isaa hin hubanne, isa gaafachuus in sodaatan.
[33] Kana booddee isaan Qifirnaahom in dhaqan. Erga mana ga'ee immoo Yesus, ?Karaa irratti maal walii wajjin dudubbachaa turtan?? jedhe isaan gaafate.
[34] Isaan garuu, eenyutu caalinna laata, jedhanii karaa irratti walii wajjin dudubbachaa waan turaniif, calluma jedhan.
[35] Inni erga taa'ee, warra kudha lamaan ofitti waamee, ?Namni dura ta'uu barbaadu nama hundumaa booddee ta'uutu irra jira, nama hundumaafis hojjechuutu irra jira? jedhe.
[36] Yeroo sanatti inni mucaa tokko ofitti waamee, isaan dura dhaabachiisee ofitti qabee ammatees; bartoota isaatiin immoo,
[37] ?Mucaa akkasii tokko maqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simu immoo isa na erge in sima malee, ana simuu isaa miti? jedhe.
[38] Yohannis yommus Yesusiin, ?Yaa barsiisaa, namni tokko utuu inni maqaa keetiin hafuura hamaa baasuu arginee, waan inni nu duukaa hin bu'iniif isa dhowwine? jedhe.
[39] Yesus garuu, ?Isa hin dhowwinaa, namni maqaa kootiin hojii aangoo hojjetee, dafe immoo waa'ee koo hamaa dubbachuu danda'u hin jiru'o.
[40] Namni nuun hin mormine gara keenya in ta'a.
[41] Ani dhuguman isinitti hima, isin kan Kristos waan taataniif namni bishaan dhugaatii willee tokko isinii kenne gatii isaa hin dhabu? jedhe.
[42] Yesus itti fufee, ?Eenyu illee warra xixinnaa anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee galaana keessatti utuu darbatamee isaa wayya ture.
[43] Harki kee yoo si gufachiise of irraa muri; harka lachuu qabaattee gara qilillee ibidda hin dhaamnee dhaquu kee mannaa, harkuma tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. [
[44] Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddi isaas hin dhaamu.]
[45] Miilli kee yoo si gufachiise of irraa muri; miilla lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, miilla tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. [
[46] Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddi isaas hin dhaamu.]
[47] Iji kee yoo si gufachiise of keessaa baasi; ija lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee mootummaa Waaqayyootti galuu siif wayya.
[48] Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u ibiddi isaas hin dhaamu.
[49] ?Hundumtinuu ibiddaan in miyaa'a [qalmis soogiddaan miyeeffama].
[50] Soogiddi waan ba'eessa, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe, maaliin deebiftanii isa miyeessitu ree? Soogidda of keessaa qabaadhaa, walii keessaniifis nagaa qabaadhaa!? jedhe.