[1] Guyyaa muraasa booddee Yesus deebi'ee Qifirnaahomitti gale; namoonni immoo akka inni mana jiru dhaga'an.
[2] Balbaluma duraa iyyuu hamma iddoon dhibutti, namoonni baay'een walitti qabaman; Yesus immoo dubbii wangeelaa isaanitti in hima ture.
[3] Yommus jarreen tokko, nama dhagni isaa gar tokko duunaan afur ta'anii baatan, fidanii gara Yesus dhufan.
[4] Baay'ina namootaatiif gara Yesusitti geessuu dadhabnaan, bantii mana [biyya sanaa isa diriiraa], kallattii Yesus tureen diiganii erga saaqanii, siree namichi dhagni isaa gar tokko du'e irra ciisee jiru gad buusan.
[5] Yesus amantii jarreen kanaa yommuu arge, namicha isa dhagni isaa gar tokko du'een, ?Ilma koo, cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera? jedhe.
[6] Barsiisonni seeraa warri achi taa'aa turan tokko, garaa isaanii keessatti yaadaa turanii,
[7] ?Attamitti namichi kun akkas dubbata? Kun Waaqayyoon arrabsuu isaa ti! Waaqayyo tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?? jedhan.
[8] Yesus achumaan garaa isaanii keessatti yaadaa akka jiran hafuuraan hubatee, ?Maaliif waan akkasii garaa keessanitti yaaddu?
[9] Kamtu salphaa dha? Namicha dhagni isaa gar tokko du'e sanaan, ?Cubbuun kee siif dhiifameera? jechuu moo yookiis, ?Ka'iitii siree kee fudhadhuu adeemi? jechuu?
[10] Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cubbuu kennuudhaaf aboo akka qabu beekaa!? isaaniin jedhe. Isa dhagni isaa gar tokko du'een immoo,
[11] ?Sittan hima, ka'iitii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!? jedheen.
[12] Utuma isaan ilaalanii, namichi sun ka'ee, achumaan siree isaa fudhatee gad ba'e. Kana irratti hundumti isaanii fajajanii, ?Kan akkasii kana takkaa arginee hin beeknu? jechaa, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan.
[13] Yesus ammas gad ba'ee gara qarqara bishaanii dhaqe; namoonni hundinuu gara isaa dhufnaan, isaan barsiise.
[14] Inni utuu darbuu, Lewwii ilma Alfewos iddoo qaraxaa utuu taa'uu argee, ?Na duukaa bu'i!? jedheen. Kana irratti Lewwiin ka'ee, duukaa bu'e.
[15] Warri Yesus duukaa bu'an namoota baay'ee waan turaniif, Yesus mana Lewwii maaddiitti yommuu taa'e, qaraxoonnii fi warri akka seeraatti hin jiraanne baay'atanii, Yesusii fi bartoota isaa wajjin maaddiitti in taa'an.
[16] Fariisota keessaa barsiisota seeraa kan turan, Yesus warra akka seeraatti hin jiraannee fi warra qaraxxuu wajjin nyaachuu isaa yommuu argan, ?Inni attamitti warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin nyaata?? jedhanii bartoota isaa gaafatan.
[17] Yesus kana yommuu dhaga'e, ?Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee; ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee? isaaniin jedhe.
[18] Bartoonni Yohannisii fi bartoonni Fariisotaa in soomu turan; jarreen tokko immoo dhufanii Yesusin, ?Bartoonni Yohannisii fi bartoonni Fariisotaa maaliif soomu? Bartoonni kee immoo maaliif hin sooman?? jedhan.
[19] Yesus immoo deebisee, ?Dhirsi misirroo utuu isaanii wajjin jiruu, warri cidhaa soomuu danda'uu ree? Hamma dhirsa misirroo of biraa qabanitti, soomuu hin danda'an.
[20] Guyyoonni dhirsi misirroo isaan duraa itti fudhatamu dhufuuf jiru; egaa guyyaa sanatti in soomu.
[21] Homtinuu erbee haaraa takkaa hin miiccamin uffata moofaatti hin hoddhu; kana yoo godhe erbichi haaraan uffata moofaa sana irraa in tarsaasa, tarsa'aan isaas isa duraa irra kan caalu in ta'a.
[22] Akkasuma immoo daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqan; kana yoo godhan daadhichi qodicha in dhoosa, daadhichi, qodichis in badu. Egaa daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti in naqu? isaaniin jedhe.
[23] Guyyaa Sanbataa tokko immoo Yesus maasii qamadii keessa in darba ture; bartoonni isaas utuu adeemanii asheetii cirachuu jalqaban.
[24] Fariisonni yommus, ?Argitaa? Bartoonni kee guyyaa Sanbataatti gochuun seeraan kan dhowwame maaliif godhu?? jedhanii isa gaafatan.
[25] Yesus deebisee, ?Daawit namoota isaa wajjin waan nyaatu dhabee yommuu beela'e, waan inni godhe isin takkaa hin dubbifnee ree?
[26] Innoo, bara Abiyaataar angafa lubootaa turetti, mana Waaqayyootti galee, buddeena ilaalchaa Waaqayyoof dhi'aates, luboota irraa kan hafe warri kaan nyaachuun seeraan dhowwamee kan ture nyaatee, namoota warra isaa wajjin turaniifis kenne? isaaniin jedhe.
[27] Yesus itti dabalee, ?Sanbatatu namaaf uumame malee, namni Sanbataaf hin uumamne.
[28] Egaa ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha? isaaniin jedhe.