[1] Isaan Yerusaalemitti galuudhaaf Betfaageedhaa fi Bitaaniyaatti, gaara ejersaattis yommuu dhi'aatan, Yesus bartoota isaa keessaa lama ergee,
[2] ?Ganda fuullee keessan jiru sana dhaqaa, achumaanis akkuma gandichatti galtaniin ilmoo harree [yaabbii] hidhamee jiru, homtinuu takkaa kan hin yaabin in argitu, hiikaatii fidaa.
[3] Namni, ?Maaliif kana gootu?? yoo isiniin jedhe, ?Gooftaatu dhimma isaa qaba, inni utuu hin turin iddoodhuma kanatti in deebisa? ittiin jedhaa!? isaaniin jedhe.
[4] Bartoonni yommus dhaqanii ilmoo harree [yaabbii] karratti hidhame, karaa irratti argatanii hiikan.
[5] Warra achi dhaabatan keessaa immoo jarri tokko, ?Maal gootu ilmoo harree kana hiiktu?? isaaniin jedhan.
[6] Bartoonni immoo isa Yesus jedhe isaanitti himnaan, jarri isaan dhiisan.
[7] Ilmoo harree sanas Yesusiif fidanii, uffata isaanii irra buusan; innis irra taa'e.
[8] Namoonni baay'een uffata isaanii, warri biraa immoo damee baala-qabeessa bakkeedhaa kukkutanii karaa inni irra darbu irra afan.
[9] Warri dura adeemanii fi warri duukaa bu'an sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Hosaa'inaa! Inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha.
[10] Mootummaan Daawit abaabilii keenyaa inni dhufu galateeffamaa dha! Hosaa'inaa ol waaqa gubbaatti? jedhan.
[11] Yesus Yerusaalemitti mana qulqullummaatti galee waan hundumaa ilaale; galgalaa'uus jalqabnaan bartoota kudha lamaanii wajjin gara Bitaaniyaatti ba'e.
[12] Borumtaas isaan Bitaaniyaadhaa yommuu ba'an Yesus in beela'e.
[13] Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ija irraa argadha laataa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga'ee baala malee waanuma tokko irraa dhabe; yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu hin turre.
[14] Yesus yommus mukichaan, ?Homtinuu deebi'ee ija si irraa hin nyaatin bara baraan? jedhe; bartoonni isaas kana jechuu isaa dhaga'an.
[15] Isaan Yerusaalemin in ga'an; Yesus yommus mana qulqullummaatti galee warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi warra gurguran gad baasuutti ka'e, gabatoota warra horii callaa gegeddaraniitii fi taa'umsa warra gugee gurguranii gad gara galche.
[16] Homtinuu mi'a baatee mana qulqullummaa keessa ba'ee akka adeemuuf karaa hin laanneef.
[17] Yesus isaan barsiisee, ? ?Manni koo saba hundumaatiif mana kadhataa jedhamee in waamama? kan jedhu hin caafamnee ree? Isin garuu holqa hattuu isa godhattan? isaaniin jedhe.
[18] Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraas waa'ee dubbii kanaa dhaga'anii, karaa ittiin isa balleessan barbaadan; barsiifni isaa garaa namoota hundumaa rukutee waan tureef, isa in sodaatu turan.
[19] Yommuu galgalaa'es Yesusii fi bartoonni isaa mandaricha keessaa ba'an.
[20] Ganama obboroodhaan utuu darbanii harbuun sun hundeedhumaan akka goge argan.
[21] Phexros yommus waan ta'e yaadatee, ?Barsiisaa! Ilaa harbuun ati abaarte gogeera? jedhe.
[22] Yesus immoo deebisee, ?Waaqayyotti amantii qabaadhaa!
[23] Dhuguman isiniin jedha, namni garaa isaatti utuu hin mamin gaara kanaan, ?Ol kaafami, galaanattis darbatami!? jedhe, waan inni jedhus akka ta'uuf yoo amane, in ta'aaf.
[24] Kanaaf isinittan hima; waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhataniitti lakkaa'aa amanaa, isiniif ta'uufis jira!
[25] Kadhachuuf yommuu dhaabattan, abbaan keessan inni waaqa irraa yakka keessan akka isiniif dhiisutti, namni tokko waa isinitti yakkee yaada keessan miidheera yoo ta'e dhiisaaf! [
[26] Isin yoo dhiisuu dhabaattan garuu abbaan keessan inni waaqa irraas yakka keessan isiniif hin dhiisu]? jedhe.
[27] Isaan ammas Yerusaalem dhaqan; Yesus mana qulqullummaa keessa utuu deddeebi'uu, luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa maanguddoonnis gara isaa dhufan.
[28] Yesusiin, ?Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa goota? Yookiis kana hundumaa akka gootuuf eenyutu gooftummaa kana siif kenne?? jedhan.
[29] Yesus immoo deebisee, ?Ani dubbii tokkon isin gaafadha, anaaf deebisaa! Anis gooftummaa maaliitiin kana hundumaa akkan godhu isinitti nan hima.
[30] Cuupphaan Yohannis cuuphe Waaqayyo biraa moo, nama biraa abboomame? Anaaf deebisaa!? isaaniin jedhe.
[31] Isaan yommus walitti dudubbatanii, ? ?Waaqayyo biraa? yoo jenne, ?Yoos immoo maaliif dubbii isaa hin amanini ree?? nuun jedha;
[32] egaa attamitti, ?Nama biraa abboomame? jenna ree?? jedhan. Namoonni hundinuu Yohannisin raajiitti waan fudhataniif tuuta jaraa in sodaatu turan.
[33] Kanaaf, ?Nuyi hin beeknu? jedhanii Yesusiif deebisan. Yesus immoo, ?Egaa anis kana hundumaa gooftummaa maaliitiin akkan godhu isinitti hin himu? isaaniin jedhe.