[1] Gidduu sanas tuuti sonaan baay'een deebi'anii walitti qabaman. Isaan waan nyaatan dhabnaan, Yesus bartoota isaa waamee isaanitti dubbatee,
[2] ?Namoonni kun guyyaa sadan kana anaa wajjin turan, nyaatas waan isaan hin qabneef hunduma isaaniif nan oo'a.
[3] Akkuma beela'anitti gara mana isaaniitti yoon isaan erge, karaatti in kukkufu; isaan keessaa lafa fagootii kan dhufan jiru? jedhe.
[4] Bartoonni isaa immoo deebisanii, ?Attamitti namni tokko as lafa onaa kanatti, namoota kana hundumaa buddeena nyaachisuu danda'a?? jedhaniin.
[5] Kana irratti inni, ?Buddeena meeqa qabdu?? jedhee isaan gaafannaan, isaan immoo, ?Buddeena torba? jedhaniin.
[6] Yommus lafuma sana akka taa'aniif namoota abboome. Buddeenan torban sana fuudhee Waaqayyoof galata galchee, cabsees namootaaf akka dhi'eessaniif bartoota isaatti kekkenne; isaan immoo tuuta sanaaf dhi'eessan.
[7] Qurxummii xixinnoo muraasas qabu turan; Yesus isas eebbisee namootaaf dhi'eessise.
[8] Namoonni sun nyaatanii in quufan; hurraa isaan irraa hafes gundoo gurguddaa torba guutuu walitti qaban.
[9] Kana booddee inni namoota sana gad dhiise; namoonni sun immoo akka kuma afurii turan.
[10] Achumaanis bartoota isaatii wajjin bidiruu yaabbatee, gara kutaa biyya Daalmaanutaa dhaqe.
[11] Yommus warri Fariisotaa dhufanii Yesusin morkachuutti ka'an; isa qoruudhaafis milikkita waaqa irraa akka isaan argisiisuuf isa gaafatan.
[12] Inni garuu garaa isaatti gaddee hafuura dheeraa baafatee, ?Dhaloonni si'anaa maaliif milikkita gaafata? Ani dhuguman isiniin jedha, milikkinni dhaloota si'anaaf matumaa hin kennamu? jedhe.
[13] Isaan dhiisees ammoo bidiruu yaabbatee gara gamaatti sokke.
[14] Bartoonni yommuu adeeman buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qabu turan malee, buddeena biraa fudhachuu hin yaadanne.
[15] Yesus isaan akeekkachiisee, ?Ilaaladhaa! Raacitii warra Fariisotaa fi raacitii Herodis irraa of eeggadhaa!? jedhe.
[16] Isaan immoo dudubbatanii, ?Isa nuyi buddeena hin qabneef akkas jedha? waliin jedhan.
[17] Inni kana baree, ?Maaliif waa'ee buddeena dhabuu keessaniitti hiiktanii dudubbattu? Isin amma iyyuu yaadatti hin fudhattanii yookiis hin hubattanii ree? Sammuu keessantu duudee?
[18] Ija utuu qabdanii hin argitanii ree? Gurras utuu qabdanii hin dhageessanii ree? Hin yaadattanisii ree?
[19] Yeroo ani buddeenan shanan namoota kuma shaniif cabse, hurraa isaa gundoo meeqa guutuu fuutan?? isaaniin jedhe; isaan immoo, ?Kudha lama? jedhaniin.
[20] Itti fufee, ?Yeroo ani buddeenan torban namoota kuma afuriif cabse immoo hurraa isaa gundoo gurguddaa meeqa guutanii fuutan?? jedheen; yommus isaan, ?Torba? ittiin jedhan.
[21] Yoos, ?Isin amma iyyuu hin hubattanii?? isaaniin jedhe.
[22] Kana booddee Betsayidaa dhufan. Achittis jarreen tokko namicha jaamaa tokko gara Yesus fidanii, akka inni harkaan isa qaqqabuufis kadhatan.
[23] Kana irratti inni namicha jaamaa sana harka qabee ganda keessaa diidatti baasee, ija namichaatti tuttufee, harka isaas irra kaa'ee, ?Waa arguu in dandeessaa?? jedhee, gaafate.
[24] Namichi immoo ilaalee, ?Namoota arguu nan danda'a, akka adeemanis nan arga, garuu mukeetii anatti fakkaatu? jedhe.
[25] Inni ammas harka isaa ija namichaa irra kaa'ee, yommus iji namichaa fayyee, hubatee ilaale waan hundumaas ba'eessa godhee arge.
[26] Kana booddee Yesus, ?Gandichatti hin deebi'in iyyuu? jedhee namicha gara mana isaatti erge.
[27] Kana booddee Yesus bartoota isaa wajjin ba'ee, gara gandeen naanna'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos dhaqe. Karaattis, ?Namoonni eenyu anaan jedhu?? jedhee bartoota isaa gaafate.
[28] Isaan yommus, ?Yohannis cuuphaa siin jedhu, kaan immoo Eliyaas raajicha siin jedhu, kaanis raajota keessaa tokko siin jedhu? jedhanii deebisaniif.
[29] Inni immoo, ?Isinoo, eenyu anaan jettu?? jedhee isaan gaafate. Phexros deebisee, ?Ati Masiihicha? jedheen.
[30] Yeroo sanatti inni waa'ee isaa nama tokkotti illee akka hin himne cimsee isaan gorse.
[31] Yesusis, ?Ilmi namaa maanguddootaa fi luboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun, du'atti kennamuun in ta'a; guyyaa sadii booddee garuu du'a keessaa in ka'a? jedhee isaan barsiisuutti ka'e.
[32] Inni dubbii kana mul'inatti dubbate; Phexros immoo gara bukkeetti isa qabee, cimsee isa gorsuutti ka'e.
[33] Inni garuu gara galee bartoota isaas ilaalee, Phexrosin ifatee, ?Na duraa turi Seexana nana! Ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu? jedheen.
[34] Inni tuuta jaraa bartoota isaatii wajjin ofitti waamee, ?Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'atee, ana duukaas haa bu'u!
[35] Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaa fi wangeelaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in oolfata.
[36] Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree?
[37] Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree?
[38] Nama dhaloota gara gaggalaadhaa fi cubbamaa kana keessatti, anatti, dubbii koottis yeella'utti, ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin qulqulloota ergamootaa wajjin yommuu dhufu isatti in yeella'a? jedhe.