Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:21

[1] Yesus ammas mana sagadaa tokkotti ol lixe; namni harki isaa tokko naafate immoo achi ture.

[2] Yommus jarri isa hadheessuudhaaf guyyaa Sanbataatti namicha kana fayyisa yoo ta'e jedhanii, isa in gaadu turan.

[3] Yesus immoo namicha harki isaa naafate sanaan, ?Ka'ii gidduu dhaabadhu!? jedhe.

[4] Jaraanis, ?Seerri keenya guyyaa Sanbataatti gaarii moo hamaa gochuu yookiis lubbuu oolchuu moo ajjeesuu nu abbooma?? jedhe. Isaan garuu calluma jedhan.

[5] Kana irratti aaree warra naanna'aa isaa jiran ilaalee, mata-jabina isaaniittis gaddee namichaan, ?Harka kee diriirsi!? jedhe. Yommuu namichi harka isaa diriirse, harki isaa deebi'ee in fayye.

[6] Yommusuma warri Fariisotaa gad ba'anii warra garee Herodisii wajjin koratanii, attamitti akka isa balleessan mari'atan.

[7] Yesus bartoota isaa wajjin jara biraa sokkee gara bishaan ciisaa dhaqe. Kutaa biyya Galiilaatii fi biyya Yihudaatii namoonni sonaan baay'een isa duukaa dhaqan.

[8] Waan inni hojjete hundumaa warri dhaga'an, mandara Yerusaalemii, biyya Edoomiyaatii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo mandaroota Xiiroosii fi Sidoonii sonaan baay'atanii gara isaa dhufan.

[9] Innis, tuuti sun dhiibboodhumaan akka isa hin buruqsinetti, bidiruun tokko qophaa'ee akka isa eeguuf bartoota isaatti hime.

[10] Inni dhukkubsatoota baay'ee waan fayyiseef, warri dhukkuba garaa garaa qaban hundinuu isa harkaan qabuudhaaf, hamma isa irratti wal caccabsanitti ga'an.

[11] Hafuuronni hamoonni namoota keessa jiran yeroodhuma isa arganitti, fuula isaa duratti kufanii, ?Ati ilma Waaqayyoo ti? jedhanii in iyyu turan.

[12] Inni garuu akka isaan isa hin mul'ifnetti cimse isaan ifate.

[13] Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, warra barbaades ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan.

[14] Isaa wajjin akka turaniif wangeela lallabuufis akka isaan erguuf, namoota kudha lama bartoota godhate; (isaan kana warri inni ?Ergamoota? jedhee immoo waame).

[15] Hafuurota hamoota baasuufis aboo akka isaan qabaatan godhe.

[16] Warri kudha lamaan inni bartoota isaa godhate immoo, Simoon isa inni ?Phexros? jedhee moggaase,

[17] Yaaqoobii fi Yohannis ilmaan Zabdewos warra inni ?Bo'anerges? jedhee moggaase; kunis ?Ilmaan kakawwee? jechuu dha.

[18] Indriiyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Taadewos, Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekame;

[19] akkasumas Yihudaa nama biyya Keriyot, isa Yesusin dabarsee kenne.

[20] Yesus gara manaatti yommuu gale, hamma innii fi bartoonni isaa buddeena illee nyaachuu dadhabanitti ammas tuuti namootaa walitti dacha'an.

[21] Firoonni isaa immoo kana dhaga'anii, ?Innoo qalbii dabarse? jedhanii, isa qabuudhaaf dhufan.

[22] Barsiisonni seeraa warri Yerusaalemii dhufan immoo, ?Bi'el Zebul isa keessa jira; humna angafa Seexanootaa kanaanis hafuurota hamoota in baasa? jedhanii Yesus irratti dubbatan.

[23] Kana irratti inni gara ofii isaatti isaan waamee fakkeenyaan, ?Attamitti Seexanni Seexana baasuu danda'a?

[24] Mootummaan tokko ofii isaatii yoo gargar cabe, mootummaan sun danda'ee hin dhaabatu;

[25] maatiin mana tokkoos yoo ofittii gargar cabe, manni sun dhaabachuu hin danda'u.

[26] Seexannis ofii isaa irratti ka'ee yoo gargar cabe, badduu ba'uu isaa ta'a malee dhaabachuu hin danda'u.

[27] Duraan dursee namicha jabaa sana yoo hidhate malee, homtinuu mana nama jabaa tokko cabsee, lixee mi'a isaa saamuu hin danda'u; erga hidhatee booddee garuu dhuguma mana isaa saamuu in danda'a.

[28] Ani dhuguman isinitti hima, cubbuun hundinuu arrabsoon kam illee afaan namaa keessaa yoo ba'e, ilmaan namootaaf in dhiifama.

[29] Eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, cubbuu bara baraatiin yakkaa ta'a malee, bara baraan dhiifamuu hin argatu? isaaniin jedhe.

[30] Kanas namoonni, ?Innoo hafuura hamaa of keessaa qaba? jedhanii waan turaniif dubbate.

[31] Kana booddee haati Yesusii fi obbolaan isaa dhufanii ala dhaabatanii, itti erganiis isa waamsisan.

[32] Yeroo sanatti tuuti namootaa isatti naanna'anii in taa'u turan. Isaan, ?Kunoo, haati kee, obbolaan kees alaa si gaafachaa jiru? ittiin jedhan.

[33] inni garuu deebisee, ?Haati koo, obbolaan koos eenyufa'i?? isaaniin jedhe.

[34] Gara warra isatti naanna'anii taa'aniis ilaalee, ?Haati koo, obbolaan koos warra as jiran kana.

[35] Jaalala Waaqayyoo kan godhu eenyu iyyuu obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maarqos Caafe — Chapters