[1] Yesus ciisa bishaanichaa bukkeetti ammas barsiisuu jalqabe. Tuuti isa biratti walitti qabame immoo sonaan baay'annaan, Yesus bidiruu tokko yaabbatee, gara gidduu bishaaniittis butatee barsiisuudhaaf taa'e; yommus namoonni hundinuu qarqara ciisa bishaanichaa turan.
[2] Yesus barsiisa isaa keessatti fakkeenya garaa garaatiin waan baay'ee isaan barsiise.
[3] ?Dhaggeeffadhaa! Namichi tokko sanyii facaasuudhaaf ba'e.
[4] Inni utuu facaasuu kaan karaa bukkee bu'anii, simbirroonnis dhufanii funaananii nyaatan.
[5] Kaan immoo lafa dhagaa, lafa biyyoo baay'ee hin qabne irra bu'an; lafti isaan irra bu'an biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan.
[6] Garuu yommuu aduun itti baate coollaganii, hidda gad fagoo waan hin godhatiniif in gogan.
[7] Kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattonnis guddatanii isaan hudhan; isaanis ija hin godhanne.
[8] Kaan garuu biyyoo gaarii keessa bu'an; biqilanii, guddatanii, ijas godhatan. Iji isaanii immoo kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ta'e!? jedhe.
[9] Itti dabalees, ?Gurra ittiin dhaga'u kan qabu haa dhaggeeffatu!? jedhe.
[10] Yeroo Yesus kophaa ta'etti, warri isa bira turan bartoota kudha lamaanii wajjin waa'ee fakkeenya kanaa isa gaafatan.
[11] Yesus immoo deebisee, ?Dhoksaan mootummaa Waaqayyoo isiniif kennameera; warra ala jiraniif garuu kun hundinuu fakkeenyaan ta'a.
[12] Utuma ilaalanii akka hin argineef, utuma dhaga'aniis akka hin hubanneef, gara Waaqayyootti akka hin deebineef, cubbuun isaaniis akka isaaniif hin dhiifamneef, fakkeenyaan in kennama? isaaniin jedhe.
[13] Yesus itti fufee, ?Fakkeenyi kun isiniif hin galuu? Egaa attamitti fakkeenya kan ta'e hundumaa hubattu ree?
[14] Inni facaasu sanyii dubbii Waaqayyoo facaasa.
[15] Karaa bukkeen, fakkeenya warra yommuudhuma dubbiin Waaqayyo facaafamu dhaga'anii, yommusumas Seexanni dhufee dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame butatuu ti.
[16] Lafti dhagaas, fakkeenya warra dubbichi garaa isaanii keessatti facaafame, yommuu isa dhaga'an gammachuudhaan fudhatanii ti.
[17] Isaan akka biqiltuu hidda gad fagoo hin qabnetti, yeroodhaaf in dhaabatu; sababii dubbichaatiif rakkinni yookiis ari'atamuun yommuu ka'u garuu achumaan in gufatu.
[18] Lafti qoraattii, fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame dhaga'anii ti.
[19] Yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa, kajeellaan adda addaas itti dacha'anii, dubbicha huunaan ija utuu hin godhatin hafe.
[20] Lafti gaariin garuu, fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame dhaga'anii, fudhatanii, kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ija godhatanii ti? isaaniin jedhe.
[21] Yesus ammoo, ?Ibsaan guuboo jala yookiis siree jala kaa'amuuf in fidamaa ree? Baatuu ibsaa irra akka kaa'amuuf mitii ree?
[22] Kan dhokate yoo jiraate, mul'achuudhaaf dhokate; dhoksaatti kan eegames yoo jiraate, bakkeetti ba'uuf eegame.
[23] Egaa, namni gurra ittiin dhaga'u yoo qabaate haa dhaggeeffatu!? isaaniin jedhe.
[24] Yommus Yesus, ?Isa dhageessan akeekkadhaa! Qodaa safaraa itti namaaf itti kennitutti siif in kennama, caalchisees siif in kennama.
[25] Isa fudhatee waa qabuuf, itti dabalamee in kennamaaf, kennaa isaa of keessaa kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama? isaaniin jedhe.
[26] Yesus itti fufee, ?Mootummaan Waaqayyoo akka nama qotiisa isaatti sanyii facaafatee ti.
[27] Namichi galee halkan in rafa guyyaas in ka'a; sanyichi immoo utuu inni hin beekin in biqila in guddatas.
[28] Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa.
[29] Midhaanichi erga bilchaatee garuu yeroon haamaa waan ga'eef, achumaan haamtuu itti in erga? jedhe.
[30] Yesus amma immoo, ?Mootummaa Waaqayyoo maalitti fakkeessinu? Yookiis isaaf fakkeenya maalii kenninu?
[31] Inni akka ija sanaaficaa ti; yommuu lafatti faca'u ija biqila lafaa hundumaa irra in xinnaata.
[32] Inni yommuu faca'u, biqilee in guddata, biqila hundumaa irra kan caalu ta'ee, damee gurguddaa in godhata. Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isaa jalatti mann'ee ijaarratu? jedhe.
[33] Yesus fakkeenyota baay'ee kana fakkaataniin hamma isaan dhaggeeffachuu danda'anitti dubbicha isaanitti hime.
[34] Inni fakkeenya malee isaanitti hin dubbanne, kophaatti immoo waan hundumaa bartoota warra kan isaatiif hiike.
[35] Yesus galgala gaafasii bartoota isaatiin, ?Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceena? jedhe.
[36] Bartoonni isaa namoota achi turan gad dhiisanii, akkuma inni bidiruu keessa jirutti Yesusin fudhatanii adeeman; bidiroonni biraas immoo isaa wajjin dhaqan.
[37] Yommus qilleensi jabaan bubbisaa dhufe; dha'aan bishaanichaa immoo bidirichatti bu'ee, bishaan itti guutuutti ka'e.
[38] Yesus garuu bidiricha keessa gara duubaatiin waa boraafatee in rafa ture. Bartoonni isaa isa dammaqsanii, ?Barsiisaa! Dhumuun keenya si hin dhibuu?? jedhan.
[39] Yesus dammaqee qilleensicha ifatee, dha'aa bishaanichaan immoo, ?Cal jedhi, gab jedhis!? jedhe. Kana irratti qilleensichi dhaabannaan gabiin guddaan ta'e.
[40] Kana booddee bartoota isaatiin, ?Maaliif sodaatoo taatan? Amma iyyuu amantii hin qabdanii?? jedhe.
[41] Isaan immoo guddaa sodaatanii, ?Namni kun eenyu? Qilleensaa fi bishaan in abbooma, isaanis isaaf in abboomamu? waliin jedhan.