[1] Yesus iddoo sana dhiisee adeemee, gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe; bartoonni isaas isa duukaa dhaqan.
[2] Guyyaa Sanbataattis mana sagadaatti barsiisuu jalqabe. Warra isa dhaga'an keessaas baay'een raajeffatanii, ?Wanti kun hundinuu eessaa dhufeef? Ogummaa attamiitu isaaf kenname? Hojii aangoo attam attamiitus harka isaatiin hojjetaman?
[3] Kun muka soofticha ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaas as nu bira jiru mitii?? jedhanii isa maman.
[4] Yesus immoo, ?Raajiin iddoo biraatti malee biyya isaatti, lammii isaa gidduutti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu? isaaniin jedhe.
[5] Harka isaa dhukkubsatoota muraasa irra kaa'ee isaan fayyise malee, kana irra kan caalu hojii aangoo achitti hojjechuu hin dandeenye.
[6] Amanti-dhabina isaaniitti garuu baay'ee dinqifate. Kana booddee inni barsiisaa gandeen sana gidduu in deddeebi'e.
[7] Yommus Yesus warra kudha lamaan ofitti waamee, hafuurota hamoota irratti aboo isaaniif kennee, lama lamaan isaan erge.
[8] Karaadhaaf immoo ulee malee, buddeena, korojoo, waan tokko illee akka hin fudhanne, horiis akka hin baanne isaan abboome.
[9] Kophee akka kaa'atan, qomee lama garuu wal irratti akka hin uffanne isaanitti hime.
[10] Akkanumas, ?Iddoo tokkoo hamma adeemtanitti manuma itti galtan keessa turaa;
[11] iddoo tokkotti yoo isin simuu dhabaatan, yoo isin dhaga'uu didanis, akka dhugaa isaanitti ba'uuf yommuu achii adeemtan awwaara mandara sanaa, miilla keessanittii dhadha'adhaa!? isaaniin jedhe.
[12] Akkasitti warri kudha lamaan ba'anii, namoonni yaada garaa isaanii akka geddaratan lallaban.
[13] Isaanis hafuurota hamoota baay'ee baasanii, warra dhukkubsachaa turanis baay'ee dhadhaa dibataa dibanii, isaan fayyisan.
[14] Maqaan Yesus bal'aatti beekamee waan tureef, Herodis mootichis waa'ee isaa dhaga'e. Kaan, ?Yohannis cuuphaatu du'aa ka'e, kanaaf humni gurguddaan isaan hojjetamaa jiru? jedhan.
[15] Warri kaan, ?Innoo Eliyaas? jedhan; kaan immoo ?Raajiidhuma akka raajota warra durii tokko? jedhan.
[16] Herodis waa'ee isaa yommuu dhaga'e garuu, ?Yohannis isa ani mataa isaa mursiisetu du'aa kaafame? jedhe.
[17] Herodis waa'ee Herodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphosiif jedhee, nama itti ergee Yohannisin qabsiisee hiisisee ture; Herodis ishee fuudhee ture.
[18] Yohannis immoo Herodisiin, ?Haadha manaa obboleessa kee duraa fudhachuun kee seera miti? jedhe.
[19] Herodiyaas haalloo ittiin qabattee, isa ajjeesuu in barbaaddi turte, garuu hin dandeenye.
[20] Yohannis nama qajeelaadhaa fi qulqulluu ta'uu isaa beekee, Herodis isa in sodaata waan tureef, isa in eegsisa ture. Yeroo dubbii isaa dhaga'e illee baay'ee walii wallaale; utuma ta'uu iyyuu gammachuudhaan isa dhaggeeffate.
[21] Guyyaa itti Herodis seenaa dhalachuu isaatiif jedhee gurguddoota bultii biyya isaatii fi, angafoota warra loltuutiif, kutaa biyya Galiilaa keessaa warra beekamaniif nyaachisa godhe irratti, Herodiyaas fucha gaarii argatte.
[22] Intalli Herodiyaas ol galtee yommuu sirbite, Herodisii fi keessummoota isaa gammachiifte. Mootichi yommus intalattiidhaan, ?Waanuma barbaadde na kadhadhu, anis siif nan kenna!? jedhe.
[23] Ammas, ?Hamma walakkaa mootummaa kootiitti waanuma ati na kadhattu siifan kenna? jedhee kakateef.
[24] Kana irratti intalattiin gad baatee, ?Maal kadhadhu?? jettee haadha ishee gaafatte; isheen immoo, ?Mataa Yohannis cuuphaa? jettee deebifteef.
[25] Kanaaf intalattiin yommusuma gara mootichaatti ariifattee ol galtee, ?Akka ati tokkichumaan mataa Yohannis cuuphaa gabateetti anaaf laattu nan barbaada? jetteen.
[26] Kana irratti mootichi gar-malee in gadde; garuu sababii kakaa isaatii fi keessummoota isaatiif jedhee, isa ishee abdachiise sana arraba isaa geddaruu hin barbaanne.
[27] Achumaan mootichi warra isa eegan keessaa loltuu tokko ergee, mataa Yohannis akka fiduuf abboome; loltuun sun immoo dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis mormatti irraa kute.
[28] Mataa isaa sanas gabateetti fidee intalattiidhaaf kenne; intalattiin immoo haadha isheetiif laatte.
[29] Bartoonni Yohannis kana yommuu dhaga'an, dhaqanii reeffa isaa fuudhanii, awwaala keessa in kaa'an.
[30] Ergamoonni ergasii Yesus biratti walitti qabamanii, waan hojjetanii fi waan barsiisan hundumaa isatti himan.
[31] Inni immoo, ?Isin duwwaan anaa wajjin gara iddoo qoofniitti ba'aa, takkas boqodhaa!? isaaniin jedhe. Namoonni baay'een in dhufu in adeemus; kanaaf nyaataaf illee yeroo hin qaban turan.
[32] Yommus isaan kophaa isaanii bidiruudhaan gara iddoo qoofnii tokkoo dhaqan.
[33] Namoonni utuu isaan adeemanii waan arganiif baay'een kana hubatan; warri mandaroota hundumaa keessaa dhufan, miillaan fiiganii, karaa lafaa naanna'anii, isaan duras iddoo sana in ga'an.
[34] Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bidiruu keessaa ba'utti, tuuta gobbuu arge. Isaan akka hoolota tiksee hin qabnee waan turaniif immoo isaaniif in oo'e, waan baay'ees isaan barsiisuutti ka'e.
[35] Yeroo galgalaa'aa adeemetti immoo bartoonni isaa gara isaa dhufanii, ?Kun lafa onaa dha, yerichi immoo sokkeera;
[36] gara manneenii fi gandeen nutti aanan kanaa dhaqanii, waan nyaatan akka bitataniif jara kana gad dhiisi!? jedhan.
[37] Inni garuu deebisee, ?Isin ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!? jedhe. Isaan immoo, ?Dhaqnee meetii dhibba lamaan buddeena binnee haa nyaataniif isaaniif kenninuu ree?? jedhaniin.
[38] Kana irratti inni, ?Buddeena meeqa qabdu? Dhaqaatii ilaalaa!? isaaniin jedhe. Isaan immoo meeqa akka ta'e erga baranii, ?Buddeena shanii fi qurxummii lama? jedhaniin.
[39] Yommus inni immoo, hundinuu kutata kutataan marga lalisaa sana irra akka taa'aniif abboome.
[40] Isaanis dhibba dhibbaan, shantama shantamaanis kutataan taa'an.
[41] Buddeenan shananii fi qurxummii lamaan fuudhee gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisees. Buddeenan sana cabsee namootaaf akka dhi'eessaniif bartoota isaatti kekkenne; qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif hirsiise.
[42] Isaan hundumtinuu nyaatanii in quufan.
[43] Bartoonni isaa hurraa buddeennii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu fuudhan.
[44] Warri buddeena sana nyaatan immoo dhiironni duwwaan iyyuu kuma shan turan.
[45] Achumaanis Yesus hamma ofii isaatii tuuta sana gad dhiisutti, bidiruu yaabbatanii isa dura gama Betsayidaatti akka ce'an bartoota isaa giddisiise.
[46] Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e.
[47] Yommuu galgalaa'e bidiruttiin ciisa bishaanichaa walakkaa jirti; Yesus garuu kophaa isaa bakkee ture.
[48] Bartoonni isaa bidiruudhaan utuu adeemanii qilleensi gara isaaniitti qilleensa'uu irraa kan ka'e, rakkachaa akka turan arge. Gara iyya indaanqoo isa lammaffaatti bishaan gubbaa adeemaa gara isaanii dhufe; isaan bukkee darbuus in barbaade.
[49] Bishaan gubbaa utuu adeemuu yommuu arganis ekeraa dha se'anii, iyyan.
[50] Hundumti isaanii isa arganii sodaatan. Inni garuu achumaan isaanitti dubbatee, ?Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!? jedhe.
[51] Isaanii wajjinis bidiricha yaabbate; qilleensichis dhaabannaan waanuma jedhan wallaalan.
[52] Sammuun isaanii amma iyyuu duudee waan tureef, isaan dinqii inni buddeenan sanaan hojjeteen iyyuu hubachuu hin dandeenye.
[53] Yommuu ce'anis bakkee Genesaarexitti lafatti ba'anii, qarqara bishaanichaattis bidiruu isaanii hidhatan.
[54] Akkuma isaan bidiruu keessaa ba'aniin, namoonni, Yesus akka ta'e baran.
[55] Naanna'aa sanaa immoo asii fi achi fiiganii, iddoo inni ga'e jechuu dhaga'an hundumaatti, namoota dhukkubsatan sireedhaan fiduutti ka'an.
[56] Gandeen, mandaroota yookiis manneen inni dhaqe hundumaattis, dhukkubsatoota lafa gabaa ciibsanii akka isaan shaashara wayyaa isaatii illee tuqaniif isa in kadhatu turan; hammi shaashara wayyaa isaa tuqan hundinuu in fayyan.