Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:50

[1] Yesus fakkeenyaan isaanitti dubbachuutti ka'e; ?Namni tokko mukeetii waynii baay'ee lafa isaa irra dhaabe. Naannoo isaatti dallaa dhagaa ijaaree, boolla isa keessatti ija isaa cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaare. Namoota hojjetanii eeganii, isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti kennatee, biyya tokko dhaqe.

[2] Yeroon isaa yommuu ga'e, ija mukeetii waynichaa irraa waa biraa argachuudhaaf hojjetaa isaa gara warra waynicha eeganiitti erge.

[3] Isaan garuu hojjeticha qabanii, reebanii harka isaa duwwaa isa gad dhiisan.

[4] Ammas hojjetaa kan biraa isaanitti erge; isaan immoo mataa isaa mammadeessanii, isa salphisan.

[5] Ammas kan biraa itti erge, isa immoo in ajjeesan. Akkanumas kan biraa baay'ee itti erginaan, kaan reebanii, kaan immoo ajjeesan.

[6] Amma illee nama tokko qaba ture, innis ilma isaa isa jaallatamaa dha. Dhuma irratti, ?Ilma koo safeeffachuuf jiru? jedhee, isa gara isaaniitti erge.

[7] Warri waynicha eegan sun garuu, ?Isa kana abbaa waynichaa kan dhaalu, kottaa isa in ajjeefna, dhaalli isaas nuuf in ta'a!? waliin jedhan.

[8] Akkasitti butanii, isa ajjeesanii, reeffa isaa dhaabaa waynichaa keessaa gad baasanii gatan.

[9] ?Abbaan waynichaa maal godha laata ree? In dhufa, warra eegduu in balleessa, waynicha immoo kan biraatti in kennata.

[10] Isin caaffata qulqullaa'aa keessaa hin dubbifnee ree? ?Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e;

[11] kun gocha gooftaa ti, ija keenyattis dinqii dha? kan jedhu caafameera? jedhe.

[12] Yommus fakkeenya kana waa'ee isaaniitiif akka dubbate waan baraniif, Yesusin qabuu yaalan; garuu tuuta sana sodaatanii, isa dhiisanii adeeman.

[13] Waan inni dubbatuun isa qabuudhaaf jedhanii warra Fariisotaa fi garee Herodis keessaa jara tokko Yesusitti ergan.

[14] Warri ergaman dhufanii, ?Yaa barsiisaa! Ati dhuga-qabeessa akka taate nuyi in beekna, nama tokko illees hin sodaattu, karaa Waaqayyoo dhugaadhaan barsiifta malee, nama wal hin caalchiftu. Egaa mootii warra Roomaaf gibira baasuun seera moo seera miti? Gibira baafnuufi moo dhiifnu?? jedhaniin.

[15] Inni garuu of arguu dhabina isaanii baree, ?Maaliif na qortu? Horii ittiin bittanii gurgurtan tokko naa fidaa, nan ilaalaa!? ittiin jedhe.

[16] Isaan yommus tokko itti fidan; inni immoo, ?Kun bifa eenyuu ti? Caaffata eenyuu tis?? jennaan, isaan immoo, ?Kan mootii Roomaa ti? ittiin jedhan.

[17] Kanaaf Yesus, ?Yoos immoo mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa!? isaaniin jedhe; kana irratti isaan isa raajeffatan.

[18] Ergasii Saduqoonni warri du'aa ka'uun hin jiru jedhan gara Yesus dhufanii, gaaffii isa gaafatan.

[19] ?Yaa barsiisaa! ?Namni tokko niitii fuudhee dhala utuu hin godhatin ishee irraa yoo du'e, obboleessi isaa niitii sana fuudhee sanyii obboleessa isaatiif haa dhaabu!? jedhee, Museen seera keessatti nuuf caafeera.

[20] Obboloota torbatu turan; inni angafni niitii fuudhe; yeroo du'e garuu dhala hin godhanne.

[21] Inni lammaffaanis ishee fuudhee, utuu dhala hin godhatin du'e; inni sadaffaanis akkasuma ishee fuudhee irraa du'e.

[22] Isaan torbanuus dhala hin godhanne; hundumaa booddee immoo dubartittiin in duute.

[23] Isaan torbanuu niitummaatti ishee fuudhaniiru'ootii, guyyaa warri du'an ka'anitti isaan keessaa isa kamiif haadha manaa ta'uuf jirti ree?? jedhan.

[24] Yesus deebisee, ?Akkas dubbachuu keessaniin irraa kaattaniittu; kunis caaffata qulqullaa'aa yookiis humna Waaqayyoo isa isin hin beekne kanaaf, mitii ree?

[25] Yeroo du'aa ka'anitti akka ergamoota Waaqayyoo warra waaqa keessaa in ta'u malee, hin fuudhan, hin heerumanis.

[26] Waa'ee warri du'an kaafamuu garuu macaafa Musee keessaa hin dubbifnee moo ree? Inni waa'ee daggala boba'uu yommuu dubbate, Waaqayyo Museedhaan maal akka jedhe in hima, ?Ani Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoobis? jedhe.

[27] Inni Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiraatanii ti malee; kanaaf baay'ee irraa kaattaniittu? isaaniin jedhe.

[28] Barsiisota seeraa keessaa tokko yeroo isaan waliin morkatan dhaga'ee, Yesus deebii gaarii akka deebiseef yommuu arge gara isaatti dhi'aatee, ?Abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kami?? jedhee, gaaffii isa gaafate.

[29] Yesus deebisee, ?Inni hundumaa irra caalu, ?Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.

[30] Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a?!

[31] Inni lammaffaan immoo ?Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a?! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru? jedhe.

[32] Barsiisichi seeraa sun immoo, ?Ba'eessa dubbatte yaa barsiisa! ?Inni tokkicha, isa malee kan biraa hin jiru? isa jette dhugaa dubbatte.

[33] Isas garaa guutuudhaan, qalbii guutuudhaan, humna guutuudhaanis jaallachuun, nama akka mataa ofiitti jaallachuun, guutummaa qalma gubamuu fi aarsaa hundumaa irra guddaa in caala? jedheen.

[34] Ogummaadhaan akka inni deebiseef yommuu arges Yesus, ?Ati mootummaa Waaqayyoottii fagoo miti? ittiin jedhe. Kana booddees namni tokko illee gaaffii isa gaafachuudhaaf ija hin jabaanne.

[35] Mana qulqullummaa keessattis utuu barsiisuu Yesus, ?Attamitti barsiisonni seeraa ?Masiihiin ilma Daawit? jechuu danda'u?

[36] Daawit ofii isaatii immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, ?Gooftichi gooftaa kootiin, diinota kee miillan kee jala hamma ani siif kaa'utti gara mirga koo taa'i! jedheera? jedhe.

[37] Egaa Daawit ofii isaatii ?Gooftaa koo? jedhee erga isa waamee, attamitti immoo ilma isaa ta'a ree?? jedhe. Yommus tuuti sonaan baay'een gammachuudhaan isa in dhaggeeffatu turan.

[38] Barsiisa isaa keessatti immoo Yesus, ?Barsiisota seeraa warra wayyaa dhedheeraa uffatanii lafaan haraa naanna'an, gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan jaallatan,

[39] akkasumas mana sagadaa keessaa taa'umsa olaanuu, lafa cidhaattis iddoo ulfinaa warra fo'atan irraa of eeggadhaa!

[40] Isaan kun warra fucha eeggatanii bultoo haadha hiyyeessaa duraa fixanii, fakkeessaadhaaf immoo kadhata isaanii dheeressanii dha. Egaa isaan kanatti yakka caalaatu itti murama? jedhe.

[41] Al tokko Yesus fuullee qodaa buusii taa'ee, yeroo namoonni horii qodaa buusii sana keessa buusan in ilaala ture; namoonni warri badhaadhonni baay'een horii baay'ee keessa buusan.

[42] Haati hiyyeessaa tokkos dhuftee, horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa qodicha keessa buufte.

[43] Yommus inni bartoota isaa ofitti waamee, ?Dhuguman isinitti hima! Haati hiyyeessaa kun warra qodaa buusii sana keessa horii buusan hundumaa caalaa buufteetti.

[44] Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa'atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun garuu danuu hiyyuma ishee keessaa, bultoo isheetiif waan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Maarqos Caafe — Chapters