Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:23

[1] Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu.

[2] Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira.

[3] Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dadaa maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne.

[4] Isa keessa jiru’utti jira; jiruun sun ifa namootaa ti.

[5] Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu.

[6] Nami Waaqa biraa ergame, ka Yohaannis jedhamu tokko jiraayyu.

[7] Inni nami martinuu dubbii isaa dhage’ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba’atti himiisaaf dhufe.

[8] Inni marroo ifa sanii himiisaaf dhufe malee, ifiif ifaa moti.

[9] Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga’aa ti.

[10] Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne.

[11] Inni gara biyya ifii dhufe; kolbaan isaa ammoo isa hin fudhanne.

[12] Te’uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te’uuf midda kenne.

[13] Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne.

[14] Jechi nama te’ee, badhaadhaa fi dhuga’aan guutamee, odduu teenna le’e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba’aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.

[15] Yohaannis, «‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala› jedhee ka ani dubbadhe isa» jedhee iyyee dhugaa baye.

[16] Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne.

[17] Waaqi karaa Muuse’eetiin seera kenne; badhaadhaa fi dhugaan ammoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhutte.

[18] Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba’aa jirutti isa mudhise.

[19] Yihudooti baallii qabanu hayyootaa fi Lewwoota garii, «Ati eennuu?» jedhanee akka isa gaafatanu Yerusaalem irraa gara Yohaannisii ergane.

[20] Yohaannis, «Ani Masiihii moti» jedhee dubbatee dhugaa baase malee, deebisiisaaf hin didanne.

[21] Isaan, «Ati eennu ree? Ati Elyaasii» jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, «Waawwoo ani isaa moti» jedhee deebise. Isaan, «Ati Raagichaa ree» jedhanee gaafatane. Inni, «Waawwoo» jedhee deebise.

[22] Isaan, «Ati eennu ree? Worra nu ergeef deebii deebinnee himuu qanna. Ati eennu ifiin jetta?» jedhaneen.

[23] Yohaannis deebisee, «Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‹Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha’a› jedhaa, lafa goomole’ee keessaa iyyuu ti» jedhe.

[24] Ergantooti Fariisaayotaan ergamane,

[25] «Ati Masiihii yookiin Eliyaas yookiin Raagicha yoo hin te’in maaf cuuxxa ree?» jedhanee Yohaannis gaafatane.

[26] Yohaannis, «Ani bisaaniin isin cuupha, ka isin hin beenne ammoo odduu teessan dhaabbata.

[27] Inni ana duubaan dhufaara; ani hidhaa kophee isaa hiiku’uufille nama malee moti» jedhee deebise.

[28] Wonni kun marti laga Yordaanosiitiin gama karaa aduun baatu Bittaaniya’atti, addee Yohaannis itti cuuphiisatti jirutti teete.

[29] Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, «Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu.

[30] Ka ani, ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni ana caala› jedhe isaa kana.

[31] Aninuu inni eennu akka te’u hin beenne; ammoo akka inni kolbaa Israa’eliititti mudhatuuf, ani bisaaniin cuuphaa dhufe» jedhe.

[32] Yohaannis, «Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba’aa gad dhufee isa irra bu’ee hafuun dhagge»

[33] Aninuu isa hin beenne, Waaqi akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge ammoo, ‹Ka Ayyaana Woyyichaan cuuphu, Ka Ayyaanni Woyyichi isa irra bu’ee hafuun ati dhaggitu› anaan jedheera.

[34] Anille waan kana dhaggeera, inni Ilma Waaqaa akka te’e isinitti hima» jedhe.

[35] Guyyaa itti aanu Yohaannis ammalle barattoota ifii lamaan woliin dhaabbatiisatti jiruun,

[36] yennaa Yesuus achiin dabaru dhaggee, «Kunoo, hooleen Waaqaa!» jedhe.

[37] Barattooti Yohaannisii lamaan dubbii Yohaannisii tana dhage’anee, Yesuus hordofane.

[38] Yesuus garagalee, isaan isa hordofanuun dhaggee, «Maan barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, «Rabbii, eessa leeta?» jedhaneen; «Rabbii» jechuun, «Barsiisaa» jechu’u.

[39] Yesuus, «Kowa’aatii ilaala’a!» isaaniin jedhe. Maarre isaan dhaqanee addee Yesuus le’u dhagganee, guyyaa san isa bira oolane; yennaan sun saafoya gara sa’aatii kudhanii ti.

[40] Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage’anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti.

[41] Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, «Masiihii dhaggineerra» jedhee itti hime; «Masiihii» jechuun, «Kiristoos» jechu’u.

[42] Achiin duuba Indiryaas Simoon gara Yesuusii geesse. Yesuus isa ilaalee, «Ati Simoonii ilma Yohaannisii ti; ammoo haganaa achi, ‹Keefaas› jedhantee waamanta» jedheen; «Keefaas» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu’u; Pheexroos jechuun, «Rassaa» jechu’u.

[43] Guyyaa itti aanu Yesuus Galiilaa dhaqiisaaf murteeffate. Inni Filiphoos dhaggee, «Ana hordofi!» jedheen.

[44] Filiphoos akkuma Indiryaasiitii fi Pheexroosii, nama qachaa Betsayda’aa ti.

[45] Filiphoos Naataanaa’el dhaggee, «Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineeera. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti» jedheen.

[46] Naataanaa’el, «Naaziret keessaa wonni dansaan dhaggamuu dandeettii?» jedhee Filiphoos gaafate. Filiphoos, «Koyiitii ilaali!» jedhee deebise.

[47] Yesuus yennaa Naataanaa’el gara isaa dhufuun dhagge, «Kunoo, nami dhugumaan Israa’elichi, ka dharti tokkolle isa keessa hin jirre!» jedhee marroo isaa dubbate.

[48] Naataanaa’el, «Eessatti na beetta?» jedhee gaafate. Yesuus, «Filiphoos adoo si hin waaminuu, muka harru’uu jala jirtuunuu si dhagge» jedheen.

[49] Naataanaa’el, «Barsiisa’a, ati Ilma Waaqaa ti! Ati mootii Israa’elii ti!» jedhee deebise.

[50] Yesuus, «Yennaa ati muka harru’uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita.

[51] Yesuus itti dabalee, «Dhugaa isinitti hima: Ol-gubbaan banantee, ergantooti Waaqaa Ilma Namaa irra ol bayaa gad buutuun hin dhaggitan» jedheen.

Yohaannis — Chapters