Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:36

[1] Gosa Fariisaayotaa keessaa sooressi Yihudootaa, ka Niqoodemoos jedhamu tokko jiraayyu.

[2] Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa’a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneera. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande’ee hin huju» jedheen.

[3] Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande’u» jedhee deebise.

[4] Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande’a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande’aa?» jedhee Yesuus gaafate.

[5] Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande’u.

[6] Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana.

[7] Waan ani, ‹Lammeessoo dhalatuu qaddan› si’iin jedheef hin masoonfatin.

[8] Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi’ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.

[9] Niqoodemoos, «Kun attam te’uu dande’a?» jedhee Yesuus gaafate.

[10] Yesuus, «Ati barsiisaa Israa’elii teetee waan kana hin beettuu?

[11] Ani dhugaa si’itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhagginne dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu.

[12] Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba’aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree?

[13] Ilma Namaa ka a ol-gubba’aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba’aa ol baye eennulle hin jiru.

[14] Akkuma Muuseen lafa goomole’ee keessatti dhudhuufaa sageettu’uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba.

[15] Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuufi.

[16] Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.

[17] Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.

[18] Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammummaayyuu itti muranteerti.

[19] Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane.

[20] Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu.

[21] Ka waan dhuga’aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa.

[22] Kanaan duuba Yesuusii fi barattooti isaa gara lafa Yihuda’aa dhaqane; inni isaan woliin diqqoo achi bubbulee, kolbaalle cuuphe.

[23] Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko’oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille’etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte.

[24] Yennaa san Yohaannis hidhamee hin jiru.

[25] Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka’ane.

[26] Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, «Barsiisa’a, namichi Yordaanoosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!» jedhanee itti himane.

[27] Yohaannis deebisee, «Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu.

[28] ‹Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa› akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya.

[29] Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage’u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe.

[30] Inni guddaa te’ee, ani diqqaa te’uu qaba»

[31] Ka ol-gubba’aa dhufu mara caala. Ka lafa tanaa kama lafa tanaa ti; waan lafaalle dubbata; ka ol-gubba’aa dhufu ammoo mara caala.

[32] Inni waan dhaggee fi waan dhage’e dhugaa baya; ammoo dhugaa baya isaa ka fudhatu hin jiru.

[33] Nami dhugaa baya isaa fudhate ammoo, Waaqi dhugaammessa akka te’e kanaan mirkaneesse.

[34] Waaqi Ayyaana ifii safara male waan kennuuf, ka Waaqi erge dubbii Waaqaa dubbata.

[35] Abbaan Ilma jaalata; waan maralle harka isaatitti kenneera.

[36] Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu» jedhe.

Yohaannis — Chapters