[1] Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe.
[2] Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin «Betzataa» jedhanti.
[3] Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole’ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho’iisa bisaanii eegatiisaatti jiraniiyyu.
[4] Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu’ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho’eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu’e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.]
[5] Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu.
[6] Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedhee isa gaafate.
[7] Namichi dhibamaan sun, «Gootta’a, bisaan yennaa tacho’u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena» jedhee deebise.
[8] Yesuus, «Ka’i, itillee teeti fudhadhuu, deemi» jedheen.
[9] Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme. Guyyaan wonni sun teete sanbata.
[10] Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, «Adhi sanbata; itillee teeti ba’atiisa seerri keenna si dhoogga» jedhane.
[11] Inni deebisee, «Namicha na fayyisetti, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› anaan jedhe» isaaniin jedhe.
[12] Isaan, «Namichi, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› siin jedhe eennu inni?» jedhanee isa gaafatane.
[13] Gumiin addee sanitti waan heddatteertuu fi Yesuusille achii waan deemeeruuf, namichi fayye sun Yesuus eennu akka te’e hin beenne.
[14] Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, «Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin» jedheen.
[15] Achiin duuba namichi deemee, ka isa fayyise Yesuus akka te’e, Yihudootatti hime.
[16] Maarre sababa Yesuus sanbataan fayyiseef, Yihudooti isa miidhiisa jalqabane.
[17] Yesuus, «Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba» isaaniin jedhe.
[18] Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te’in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
[19] Maarre Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande’u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha.
[20] Abbaan Ilma waan jaalatuuf, waan ifii godhu mara isatti hin mudhisa. Akka isin masoonfattanuuf, waan kana caaluuyyuu isatti hin mudhisa.
[21] Akkuma Abbaan worra du’ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna.
[22] Abbaan eennulle’etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera;
[23] Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.
[24] Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage’u ka ana ergele’etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du’a irraa gara jiruu tareera; isatti hin murantu.
[25] Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du’ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage’anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage’u jiru’uun le’a.
[26] Akkuma Abbaan madda jiru’uu te’e, Ilma ifiille madda jiru’uu akka te’u godheera.
[27] Inni Ilma Namaa waan te’eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera.
[28] Waan kana hin masoonfatina’a; yennaan worri du’e marti qooqoo isaa dhage’u hin dhutti;
[29] awwaala ifii keessaalle’ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatatiisaaf ka’an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka’an.
[30] «Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande’u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage’e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga’a.
[31] «Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga’aatitti hin fudhatamu.
[32] Ammoo ka anaaf dhugaa bayu ka dhiibiin hin jira, wonni inni marroo tiyyaaf dhugaa baye sun dhugaa akka teete ani hin beeka.
[33] Isin ergantoota teessan gara Yohaanniisii ergitane; inni dhuga’aaf dhugaa baye.
[34] Akka isin fayyitanu tana jedhe malee, ani dhugaa bayiisa namaa hin fudhadhu.
[35] Yohaannis akka xassaa bobe’ee ifuu ti; isin yenna’aaf ifa isaatitti gammadu’uuf barbaaddane.
[36] Ani ammoo dhugaa baya Yohaannisiituu caalaa dhugaa baya qaba; hujiin akka ani muummessuuf Abbaan kiyya anaa kennee, hujiisatti jiru tun, akka Abbaan kiyya na erge dhugaa baati.
[37] Abbaan kiyya ka ana ergeeyyuu dhugaa anaaf bayeera. Isin ijjumaa qooqoo isaa hin dhageenne yookiin fuula isaa ijjumaa hin dhaggine;
[38] ka inni ergetti waan hin dhugeeffatiniif, jecha isaa gadhaa keessanitti hin qabanne.
[39] Isin Baarreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!
[40] Isin ammoo jiruu dhaggatiisaaf gara kiyya dhufiisa hin feetanu!
[41] «Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu.
[42] Ammoo akka isin jaalala Waaqaa hin qanne ani hin beeka.
[43] Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee, isin ammoo ana hin fudhanne; nami dhibiin yoo maqaa ifiitiin dhufe, isin ammoo isa hin fudhattan.
[44] Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam anatti dhugeeffatiisa dandeettan ree?
[45] Ani Abbaa kiyya duratti waan isin himadhu hin seyna’a. Muusee isin addii itti godhattanettuu isin himata.
[46] Adoo Muuse’etti dhugeeffattanee jiraattane, inni waan marroo tiyyaaf baarreeseef anatti hin dhugeeffattaniiyyu.
[47] Ammoo waan inni barreesse yoo hin dhugeeffatin, waan ani jedhu attam dhugeeffatuu dandeettan?