[1] Guyyaa Dilbataa barii halkaniin dubartooti sun uddowaa qopheessiteertu qabattee gara boolla awwaalaa dhaxxe.
[2] Dhakaan afaan boolla awwaalaa irraa gangalfameeruun dhaggane.
[3] Boolla awwaalaa keessa yennaa seenane ammoo, reeffa Goottaa Yesuusii hin dhagginne.
[4] Isaan waan kana mamiisatti jiranuun, nami lamaan woyaa caccalaqqittu uffatee dedhuma cinaa isaanii dhaabbate.
[5] Dubartooti guddoo sodaatanee gad lafa ilaalane; namooti sun ammoo, «Maaf jiraataa worra du’eeru odduu barbaaddan?
[6] Inni as hin jiru, ka’eera. Galiilaa adoo jiruu waan inni isinitti hime qaabbadha’a!
[7] ‹Ilmi namaa harka cubbaalleyyi’iititti kennamee, fannifamee, guyyaa sadeesso’ootitti du’aa ka’uu male› jedhe» jedhaneen.
[8] Achiin duuba waan Yesuus jedhe qaabbatane.
[9] Addee awwaalaatii yennaa deebi’ane, waan kana maraa ergantoota kudhanii tokkoo fi worra kaan maratti himane.
[10] Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo’anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi’i.
[11] Ergantooti ammoo dubbii hin teene seyanee, dubbii isaanii hin dhuggeeffanne.
[12] Pheexroos ammoo ka’ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te’e kana baaseffataa gara manaa deebi’e.
[13] Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetrii kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu.
[14] Isaan marroo waan te’e kana maraa haasowiisatti jiraniiyyu.
[15] Adoo isaan waan kana haasowaa mari’atanuu, Yesuus ifumaafuu dhufee biraan bayee, isaan woliin ideeme.
[16] Ammoo akkka isaan isa hin hubanne, ilti isaanii qabanteerti.
[17] Yesuus isaaniin, «Wonni isin haasowaa ideentanu kun maan inni?» jedhe. Isaan fuula gaddaatiin achuma dhaabbatane.
[18] Achiin duuba isaan keessaa Qileyophaa ka jedhamu tokko deebisee, «Yerusaalem keessatti nami keessummaan ka waan dhiyoo tana achitti te’e hin beenne, si’uma calla’aa?» jedhe.
[19] Inni, «Maan inni?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Marroo Yesuusii nama Naaziretii, ka waan godhee fi waan dubbateen Waaqaa fi kolbaa mara duratti raagaa jabaa,
[20] ka moototi hayyootaatii fi bulchitooti teenna akka du’uu fi fannifamu itti muranee dabarsanee kennane.
[21] Nuuti ammoo ka Israa’el wodu isa jennee addii itti godhanneera. Kana maraa irratti, wonni kun mara haga teeteen adhi guyyaa sadeesso’oo ti.
[22] Dabalamaan, dubartooti golii teennaa nu maalalchaneeran; isaan adha barii halkaniin gara boolla awwaalaa dhaqaneeran;
[23] ammoo reeffa isaa hin dhaggine. Achii deebi’anee, ergantoota Waaqaa ta, ‹Inni hin jira› isaaniin jette akka mudhi’iin dhaggane nutti himane.
[24] «Worra nu woliin jiranu keessaa gariin gara boolla awwaalaa dhaqanee, akkuma dubartooti sun jedhane teeteertuun dhaggane; isa ammoo hin dhaggine» jedhanee itti himane.
[25] Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin attam attam gowwoole’e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara’a!
[26] Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa’aa motii ree?» jedhe.
[27] Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse’eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike.
[28] Gara ollaa itti dhaqiisatti jiranuu yennaa dhikaatane, Yesuus akka waan dabaree ideemuu te’e.
[29] Isaan ammoo, «Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!» jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene.
[30] Isaan woliin qori’itti hiiqee yennaa tee’e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne.
[31] Achiin duuba ilti isaanii banantee, isa hubatane; inni ammoo ila isaanii duraa miliqe.
[32] Isaan wol woliin, «Yennaa inni kara’atti nu woliin haasowee fi Barreeffama Woyyicha nu’uuf hiike, gadhaan keenna hin gubannee?» jedhane.
[33] Isaan yennuma san ka’anee gara Yerusaalemii deebi’ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee,
[34] «Goottaan dhugumaan du’aa ka’eera, Simoonille’etti mudhateera!» jedhane.
[35] Achiin duuba jarri lamaan waan kara’atti te’e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane.
[36] Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, «Nageenni isiniif te’u!» isaaniin jedhe.
[37] Isaan waan ekeraa dhaggane seyanee, sodaatanee bararaqane.
[38] Yesuus ammoo, «Maaf sodaattan? Gadhaa keessan keessatti maaf mantan?
[39] Harka kiyyaa fi miila kiyya ilaala’a, anumaayyuu dhagga’a. Qaqqaba’aatii ana ilaala’a; ekeraan foonii fi lafee hin qaddu, akkuma dhaggitanu ani hin qaba» jedhe.
[40] Yesuus tana jedhee harkaa fi miila ifii isaanitti mudhise.
[41] Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, «Waan nyaataa asii qaddanii?» jedhee isaan gaafate.
[42] Isaan qurxummii woddante diqqoo takka itti kennane;
[43] innille fuudhee fuula isaanii duratti nyaate.
[44] Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse’ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru’uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu’uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana» jedhe.
[45] Achiin duuba inni Barreeffama Woyyicha akka hubatanuuf qalbii isaanii bane.
[46] Inni isaaniin, «Masiihiin akka rakkatuu fi guyyaa sadeesso’oo du’aa akka ka’u,
[47] cubbuu irraa deebi’iisaa fi araarri cubbu’uu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee gosa maraaf akka lallabamu barreeffameera.
[48] Isin waan kanaaf dhugaa-baatoota.
[49] Kunoo, waan Abbaan kiyya addi isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura’a» jedhe.
[50] Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya’aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise.
[51] Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubba’aa fudhatame.
[52] Isaan isaaf sagadanee, gammachuu gudda’aan gara Yerusaalemii deebi’anee,
[53] yennaa mara Galma Waaqaa keessatti Waaqa galateeffataa turane.