[1] Yesuus, «Ani dhugaa isinitti hima, nami gara gooree hoolotaa balbalaan adoo hin te’in, karaa dhibi’iin yaabee seenu, hattu’uu fi saamtu’u.
[2] Nami gara gooree hoolotaa balbalaan seenu ammoo, tissee hoolotaa ti.
[3] Ka balbala eegu balbala isaaf hin bana. Hoolotille qoonqoo isaa hin dhage’an. Inni hoolota ifii maqa’aan waamaa, dura deemaa gad baasa.
[4] Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan.
[5] Isaan qoonqoo ormaa waan hin beenneef, irraa baqatan malee, isa hin hordofanu» jedhe.
[6] Yesuus mammaassa kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni jedhe hin hubanne.
[7] Yesuus ammalle, «Ani dhugaa isinitti hima: balbalti hoolotaa ana.
[8] Worri dhibbiin ka anaan dura dhufe marti hattu’uu fi saantu’u, hooloti ammoo isaan hin dhageettu.
[9] Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata.
[10] Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleesiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firnicixxuu akka qabaattuuf dhufeera» jedhe.
[11] Yesuus, «Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna.
[12] Tissee adoo hin te’in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te’iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittanneessiti.
[13] Namichi qaxaramee tissu, waan qaxaramee tissuuf, hoolotaafille waan hin rakkaneef lakkisee dheeta.
[14] Tisseen dansaan ana. Akkuma Abbaan ana beeku, anilleen isa beeka; akkuma ani hoolota tiyya beeku, isaanille ana beekan. Anille isaaniif lubbuu tiyya dabarsee kenna.
[16] Ani hoolota dhiibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage’an, gooree takkaa hin te’an, tisseelle tokkocha.
[17] Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu’uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata.
[18] Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe» jedhe.
[19] Sababa jecha kanatiif ammalle Yihudooti yaadaan gargar qoqodante.
[20] Isaan keessaa nami hedduun, «Inni durriisa ifi keessaa qaba! Inni maraata’a! Isin maaf isa dhageettan?» jedhane.
[21] Worri dhibiin ammoo, «Tun dubbii nama durriisa ifi keeessaa qabuutii moti! Durriis ballaa ila banuu dande’aa?» jedhane.
[22] Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilfamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna.
[23] Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabii Solomoon jala deddeebi’u keessa ideemiisatti jiruun,
[24] Yihudooti isa marsitee, «Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti him: Ati Masiihii?» jedhanee gaafatane.
[25] Yesuus deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju anaaf dhugaa baati;
[26] isin ammoo hoolee tiyya waan hin te’iniif, hin dhugeeffattanu.
[27] Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan.
[28] Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande’u.
[29] Abbaan kiyya, ka isaan anaaf kenne waan mara caala, eennulle dande’ee harka Abba’aatii isaan hin butu.
[30] Abba’aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
[31] Achiin duuba Yihudooti dhaka’aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte.
[32] Yesuus deebisee, «Ani hujii dansaa hedduu Abbaan anatti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhakka’aan na tumiisaaf barbaaddan?» jedhe.
[33] Yihudooti deebisanee, «Wonni nuuti dhaka’aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle’eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota» jedhaneen.
[34] Yesuus deebisee, «Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‹Isin waaqota› ka jedhe barreeffanteertii motii?
[35] Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‹Isin waaqota› yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te’e,
[36] ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‹Waaqa faanshessita› attam jettan ree?
[37] Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te’e, anatti hin dhugeeffatina’a.
[38] Yoo ani huju te’e ammoo, anatti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan ana keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubatttanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha’a» isaaniin jedhe.
[39] Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe.
[40] Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi’ee dhaqee, achi bubbule.
[41] Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, «Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga’a» jedhane.
[42] Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane.