[1] Dubbii tana dubbateen duuba, Yesuus gara ol-gubba’aa ol ilaalee, «Abba’a, yennaan geetteerti. Ilmi keeti ulfinna akka sii kennuuf, Ilma keeti ulfeessi.
[2] Sababille worra ati isaaf kennite maraaf, jiruu bara bara akka kennuuf, ati kolbaa mara irratti baallii isaaf kenniteerta.
[3] Jiruu bara baraa jechuun si Waaqa tokkocha dhugaamessaa fi Yesuus Kiristoosii ati ergite beekiisa.
[4] Hujii ati akka ani hujuuf anatti kennite muummessiisaan lafa irratti ani si ulfeesseera.
[5] Abba’a! Ulfinnuma adoo biyyi lafaa hin dadamin dura ani si biratti qabu san, ammma ifi biratti anaaf kenni.
[6] «Biyya lafaa keessaa worra ati anaaf keenniteef maqaa keeti beessiseera. Isaan keetiiyyu, ati ammoo anaaf kennite. Isaan jecha keeti eegataneeran;
[7] amma isaan wonni ati anaaf kennite maraa si biraa akka dhutte beekaneeran.
[8] Jecha ati anaaf kennite ani isaaniif kenneera; isaanille fudhataneeran; akka ani si biraa dhufe dhugumaan beekaneeran; akka ati na ergitelle dhugeeffataneeran.
[9] ‹Ani isaaniif daadimadha; worri ati anaaf kennite keeti waan te’aneef, isaaniif daadimadha malee, biyya lafaatiif hin daadimadhu.
[10] Ka ani qabu maraa keeti, ka atille qaddu maraa kiyya; ulfinni kiyya isaaniin mudhata.
[11] Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu’u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati anaaf kennitelle tokko akka te’anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi.
[12] Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati anaaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummawuuf, isaan keessaa ilma badi’ii malee, tokkolle ka bade hin jiru.
[13] Ani amma gara keeti dhufaara; isaan gammada kiyya guutuu akka qabaatanuuf, dubbii tana biyya lafaa keessatti dubbadha.
[14] Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te’in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te’iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite.
[15] Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si kadhadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin kadhadhu.
[16] Akkuma ani ka biyya lafaa hin te’in, isaanille ka biyya lafaatii moti.
[17] Jechi keeti dhuga’a; dhuga’aan isaan woyyoonsi.
[18] Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergite, anille gara biyya lafaa isaan ergereera.
[19] Isaan dhuga’aan ka woyyoomane akka te’anu, ani isaaniif jedhee ifi woyyoonsa.
[20] «Worra dubbii isaanii dhage’ee anatti dhugeeffatuufille daadimadha malee, isaan calla’aaf hin daadimadhu.
[21] Ani akka isaan maraa tokko te’anu daadimadha. Abba’a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si’iin jiru, isaanille nu’uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha.
[22] Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te’anuuf, ulfinnuma ati anaaf kennite, anille isaaniif kenne.
[23] Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te’anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaallatte, isaanille akka jaallatte akka beettuuf daadimadha.
[24] «Abba’a! Ati isaan anaaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaallatteef, ulfinna ati anaaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada.
[25] Abbaa balcha’a! Biyyi lafaa si hin beenne; ani ammoo si beeka; isaan kunille akka ati na ergite beekaneeran.
[26] Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha» jedhe.