[1] Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage’ane.
[2] Te’uu malee, ka cuuphe barattoota isaati malee, Yesuusii moti.
[3] Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage’e, biyya Yihuda’aa lakkisee deebi’ee gara Galiila’aa dhaqe.
[4] Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu.
[5] Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe.
[6] Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee’e. Yennaan sun orraa gara sa’aatii jaati.
[7] Dubartiin Samaariya’aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi’iin, «Bisaan uni’ii naa kenni!» jedheen.
[8] Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha’aa dhaqaneeran.
[9] Dubartiin sun, «Ati nama Yihudi’ii teetee ana dubartii samaariya’aa attam bisaan uni’ii gaafatta?» jetteen. Yihudooti muduunu’uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu.
[10] Yesuus deebisee, «Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni’ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te’e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru’uu si’iif kennaayyu» jedhe.
[11] Dubartittiin, «Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile’e; bisaan jiru’uu san eessaa fidda ree?
[12] Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu’uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?» jetteen.
[13] Yesuus deebisee, «Bisaan kana ka unu marti deebi’ee hin dheebota;
[14] bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi’ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te’a» jedhe.
[15] Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana anaaf kenni» jetteen.
[16] Yesuus, «Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koyi» jedheen.
[17] Dubartittiin, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Yesuus, «‹Abbaa manaa hin qabu› jedhiisi keeti dhuga’a.
[18] Ati nama shan heerunteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga’a» jedheen.
[19] Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga.
[20] Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfanu Yerusaalem te’uu qaba jettan» jetteen.
[21] Yesuus, «Dubartii tana, gaara kana gubba’atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu.
[22] Isin worri Samaariya’aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna.
[23] Yennaan worri dhuga’aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga’aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhuti; ammummaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga’aan isa waaqonfatanu barbaada.
[24] Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaana fi dhuga’aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.
[25] Dubartittiin isaan, «Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu’utti hima» jetteen.
[26] Yesuus deebisee, «Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa» jedheen.
[27] Yennuma san barattooti Yesuusii deebi’anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, «Maan barbaadde?» yookiin, «Maaf isii woliin dubbatta?» ka jedhe hin jiru.
[28] Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha’aa deebitee dhaxxee, kolba’aan,
[29] «Namicha waan ani godhe mara anatti hime kowa’aatii ilaala’a. Inni Masiihii te’inaa?» jette.
[30] Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa’ane.
[31] Yennuma san keessatti barattooti, «Barsiisa’a, wo nyaadhu!» jedhanee isa kadhatane.
[32] Inni ammoo, «Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba» jedhe.
[33] Maarre barattooti, «Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?» jedhanee wol gagaafatane.
[34] Yesuus isaaniin, «Sagaleen tiyya, fedhii ka ana ergee godhu’uu fi hujii isaa muummessu’u.
[35] Isin, ‹Ji’a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti› jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa’aa ilaala’a; ammummaayyuu midhaan bilchaatee haamma’aaf geyeera!
[36] Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te’a.
[37] Maarre mammaassi, ‹Tokko hin facaasa, kuun hin haama› jedhu dhuga’a.
[38] Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu’aa dhaggattane» jedhe.
[39] Dubartittiin, «Waan ani godhe mara anatti hime» jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya’aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane.
[40] Maarre worri samaariya’aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa kadhatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture.
[41] Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane;
[42] isaan dubartitti’iin, «Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla’aaf adoo hin te’in, nuutinuu isa dhageenneera; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te’e beenneerra» jedhane.
[43] Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka’ee gara Galiila’aa dhaqe.
[44] Inninuu, «Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu» jedheera.
[45] Worri Galiila’aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.
[46] Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni’ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessaa, deebi’ee dhaqe. Qondaalli mootumma’aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu.
[47] Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila’aa akka dhufeeru yennaa dhage’e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du’iisa gayeeru fayyisuuf isa kadhate.
[48] Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen.
[49] Qondaaltichi mootumma’aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du’in maganne’ee koyi!» jedheen.
[50] Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen. Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme.
[51] Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane.
[52] Inni sa’aatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee sa’aatii torbatti dhibeen nafa o’ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane.
[53] Achiin duuba abbaan muca’aa sa’aatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane.
[54] Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila’aa deebi’ee dhufee, lammeessoo huje.